Oromia Freedom Media

Oromia Freedom Media

Share

Photos from Oromia Freedom Media's post 07/17/2026

Iraan Kaatar, Kuweet Bahireenii fi Siiriyaa haleeluun haaloo ba'aa jirti.

OFM:Adoolessa.17/2026.Ameerikaa haleellaa Iraan irratti raawwataa jirtu cimsuu hordofee, Teehiraan Kuweet,Kaatar fi Baahireen irratti haleellaa raawwachuun haaloo ba’aa jirti.

Iraan Kamisa halkan gara biyyoota akka Kaatar, Kuweetii fi Bahireen irratti haleellaa miisaa'elaa fi diroonii raawwachuu biyyoonni kunneen beeysisan.

Ministeerri Ittisaa Kaatar ibsa baaseen, humnoonni waraanaa biyyattii haleellaa miisaa'elaa irratti raawwatame qolachuu isaanii beeysisaniiru.

Ibsi ministeerichaa, "Humni waraanaa Qataar haleellaa miisaa'elaa biyya keenna irratti kaayyeffate milkaa'inaan qolateera," jedha.

Ministeerri biyya keessaa Kaatar haalli nageennaa sadarkaa yaaddessaa irra ga'uu ibsuun, lammiileen hundi manneen isaanii yookaan iddoowwan nageennaa qabu keessa akka turan waamicha dhiyeesse.

Kuweetittis, Humni Ittisaa biyyattii sirni ittisa qilleensaa miisaa'elotaa fi diroonota haleellaa raawwachuuf dhufan qolataa jiraachuu beeysise.

Bahireenis sirna akeekkachiisaa yeroo balaa kennuun, lammiilee fi jiraattota gara iddoo nageennaa qabuutti akka deeman waamicha dhiyeessite.

Miidiyaaleen mootummaa Iraan gama isaaniin, humni waraanaa Iran buufata waraanaa Ameerikaa Bahireen keessatti argamu keesstti xiyyaarotaa fi helekoopteroota Ameerikaa haleeluu ibsan.

Akka gabaasa miidiyaalee mootummaa Iraanitti, haleellaan kun haleellaa Ameerikaan bu'uuraalee misoomaa fi lammiilee nagaa Iraan irratti raawwatteef deebii kenniteedha.

Odeeffannoo haarofti yeroo-yeroon akka isin dhaqqabuuf Link armaan gadii cuqaasaa...👇
https://oromiafreedommedia.org/
https://t.me/oromiafreedommedia
https://youtube.com/?si=9levqC2qNnOL83aY_share
https://www.instagram.com/oromiafreedommedia_ofm?igsh=MWg2d2lieGs3ZnNzZA==
https://x.com/OFM__News?fbclid=IwdGRjcAM4ioxleHRuA2FlbQIxMQABHs7usqX_ejZwRi1QlM5lE1161cscyGnve-7TjhTZ24Gg5i4ydblFCxYOYBiq_aem_5BjCcPHjytI4vxsNxu5VMg

Photos from Oromia Freedom Media's post 07/17/2026

US Israa’el Ameerikaanota amansiisuun waraana Iraan dheeressuuf yaalaa jirti jechuun himatte.

OFM:Adoolessa.17/2026.Pireezidaantiin Itti Aanaa Ameerikaa JD Vansi qondaaltonni mootummaa Israa’el tokko tokko Ameerikaan waraana Iraan irratti gaggeessaa jirtu akka itti fuftu amansiisuuf yaalaa akka jiran dubbatan.

Vaansi Gaaffii fi deebii miidiyaa biyyattii tokko waliin taasisaniin hoggantoota Israa'el tokko tokko irratti amantaa akka qaban ibsuun, tokko tokko garuu ''tapha siyaasaa taphataa fi Ameerikaanota gara waraana dhuma hin qabnetti harkisuuf yaalaa jiru'' jedhan.

Vaansi itti dabaluun mootummaa Israa’el keessaa namoonni tokko tokko marii nageennaa Ameerikaa fi Iiraan jidduutti gaggeeffamaa jiru gufachiisuuf socho’aa jiru jedhaniiru.

Mootummaan alaa fedhii isaanii Ameerikaa irratti dhiyeessuun kun waan haaraa mitis jechuun ibsan Vansi.

Dubbi himtuu Haayit Haawus Karoline Liivit mootummaa alaa hedduun yaada uummata Ameerikaa irratti dhiibbaa uumuuf akka yaalan Tiraampis irratti walii ni gala jedhan.

Dubbiin Vaansi kun yeroo mootummaan Tiraampi waraana dhaabuu fi marii Iraan waliin furmaata barbaaduuf tattaaffii taasisaa jirutti dhaga’ame.

Kana jechuun walitti dhufeenna Ameerikaa fi Israa’el irratti garaagarummaa yaadaa akka jiru agarsiisa.

Baatii darbe Ameerikaa fi Iraan marii deebi’anii jalqabuuf waliigaltee duraa irra ga’anii turan.

Akka gabaasaaleen jedhanitti, mariin kun qormaataan kan guutame ta’us, dhukaasa dhaabuu guyyoota 60 fi tarkaanfiiwwan hulaa Hormuz deebi’anii banuuf fudhataman irrattis waliigalanii ture.

Haa ta'u malee amma waligalteen sun xummuramuun bifa haaraadhaan waraanaa walirratti gaggeessaa jiru.

Mootummaan Israa’el ibsa kana ilaalchisee deebii hatattamaa hin kennine.

Odeeffannoo haarofti yeroo-yeroon akka isin dhaqqabuuf Link armaan gadii cuqaasaa...👇
https://oromiafreedommedia.org/
https://t.me/oromiafreedommedia
https://youtube.com/?si=9levqC2qNnOL83aY_share
https://www.instagram.com/oromiafreedommedia_ofm?igsh=MWg2d2lieGs3ZnNzZA==
https://x.com/OFM__News?fbclid=IwdGRjcAM4ioxleHRuA2FlbQIxMQABHs7usqX_ejZwRi1QlM5lE1161cscyGnve-7TjhTZ24Gg5i4ydblFCxYOYBiq_aem_5BjCcPHjytI4vxsNxu5VMg

OFM;ODUU/NEWS ADOOLESSA 16/2026 07/16/2026

OFM;ODUU/NEWS ADOOLESSA 16/2026
•••••••••••••••••••••••••••

OFM;ODUU/NEWS ADOOLESSA 16/2026 Qorannoon haaroyti bahe “Itiyoophiyaa keessatti namoota afur keessa...

OFM;ODUU/NEWS ADOOLESSA 15/2026 07/15/2026

OFM;ODUU/NEWS ADOOLESSA 15/2026
•••••••••••••••••••••••••••

OFM;ODUU/NEWS ADOOLESSA 15/2026 Iraan marii itti hin fuftu taanaan, bu'uuraalee misoomaa Iraan akka...

Want your organization to be the top-listed Non Profit Organization in Seattle?
Click here to claim your Sponsored Listing.

Telephone

Address


3904 MLK JR Way S
Seattle, WA
98108

Opening Hours

Monday 8:30am - 8pm
Tuesday 8:30am - 8:30pm
Wednesday 8:30am - 8pm
Thursday 8:30am - 8pm
Friday 8:30am - 8pm
Saturday 8:30am - 4pm
Sunday 8:30am - 4pm