Leta Kenei Aga

Leta Kenei Aga

Share

Photos from Leta Kenei Aga's post 06/14/2026

Gadi qabuuf jennaan dide
Akka cabuuf eegnaan dide
Fakkii jiruu sirna lafaa
Qaroomnisaa kan angafaa
Karaansaa karaa guddinaa
Gadaansaa gadaa ulfinaa
Jirma seerraan latee ka'e
Suuqa keenyaan qarree ba'e...

Abbaa Gadaa - abbaa Irreechaa
Abbaa duudhaa- guddifachaa
Abbaa qarooma gurraachaa
Abbaa Daalee, abbaa Shaanqoo-abbaa faachaa!
Mee ilaalaa,
Oromoon kun haguma dhiiban itti caala!
Jigsuuf yaallaan ittuu ta’a tabba jabaa
Oromoon bar ayyaantuudha adda qaba!

Alangeen Gadaa - alangeen nagaa kan Tuulamaa Abbaa Gadaa Goobana Hoolaa irraa gara Abbaa Gadaa Geetuu Taliilaatti darbite.

Gadaa Meelbaarraa gara Gadaa Muudanaatti

Gadaa jechuun dimookiraasii dhugaa jechuudha.

Yaa Waaq,
Warra akka abbootii isaatti nagaafi kabajaan wal wajjin jiraatu nu godhi. Warra wal jaallatu nu godhi, warra wal dhaga'u nu godhi. Warra nagaa qabu nu godhi.

Gadaan quufaa gabbina!

06/14/2026

Yoo Waaqayyo jedhe ni ta'a!

06/10/2026

Harmee kana nuuf barbaadaa!

Maqaan isaanii Boggaalech Abaatee Dagaagoo jedhamu.

Godina Wallaggaa Lixaa, aanaa Gimbii, ganda 06, bakka addaa Warra Sayyoo jedhamu jiraatu. A.L.I gaafa 13/09/2018 halkan keessaa sa'atii 9:00tti tasa mana jireenyaa isaanii keessaa ba'anii haga har'aatti manatti hin deebine.

"Maaloo namoonni harmee keenya kana agartan, bakka jiran quba qabdan nu beeksisaa, gatii dadhabbii keessanii ni kaffalla" jedhu maatiin isaanii.

Lakkoofsa bilbilaa:
0911253624
0947248460
0917078205
0917705660

Yommuu manaa ba'an 'qamisii' gara diimaatti siqu, kootii akka gurraachaafi 'shaarbii' uffatanii turan. Bifti isaanii magaala, rifeensi mataa isaanii gabaabaadha.

Galatoomaa!

Want your public figure to be the top-listed Public Figure in Dallas?
Click here to claim your Sponsored Listing.

Category

Address


Dallas, TX