Dasee Js

Dasee Js

Share

Photos from Dasee Js's post 27/01/2026

Harkaa fi Harma muraa Anoolee....

Harkaa fi harma muraan Anoolee yakka suukaneessa minilikiin Oromoo Arsii irratti gaggeeffameedha. Uummata kana jiilchuuf jecha gochi suukaneessan haadha Oromootirra harma muruu fi ilma Oromootirra harka muruun ta'aa ture.

Hojii jiilchuu kanaan carraa uummanni yeroo Aanoleetti walitti qabamu eegachuutu ture. Akka ragaleen seenaa ibsanittis, yeroon isaa Aanolee irratti guyyaa sirna Baallii dabarsuu gaggeeffamudha. Ba'a Gadaa Roobaleefi seensa Gadaa Birmajii ture.

Warroonni aangoo dabarsaniifi fudhatan akkaataa Seera Tumaa Odaa Roobaatiin gosni 29 bakka kanatti akka walitti qabaman godhame. Minilikiifi suuftonni isaa ammoo guyyaa kana karaa lamaan foonaa uummata itti fixan ijaarrataniiru.

Isaan keessaa inni tokko karaa namni seenuu harkaafi harma itti muran ture. Arsiin lammata akka inni mataasaa ol hin qabanneef qoor-qalbii isaa cabsuuf kana godhe.

Harkaafi harma irraa muranis morma isaaniitti fannisanii akka isaan qabatanii hawwaasa keessaa dhufanitti deebi’an taasisan. Sanas Arsiin argee jiilee lammata mormee akka jala dhaabbachuu hin dandeenye hamilee cabsuuf ture.

Haala kanaan Oromoota Arsii kanneen lubaan malee qubaan hin bullu jedhan dhiira irraa harka mirgaa, dubartii irraa ammoo harma mirgaa muruun yakka duguggaa sanyii raawwate.

Oromoon seenaa isaa qorachuu qaba. Yoo seenaa isaa qoratee qofa of argee miidhama alagaan irraan gahees argee furmaata lafa kayyaachuu danda'a.

Photos from Dasee Js's post 20/01/2026

ibsa hayyoota ✍

Dubbiin maqaa tun waan akkanumatti feemasaafi joolleen seenaa beekne jijjirtuu miti

Dubbiin tun xiinxala guddaa feeti
lafeefi dhiigaa abbootii teenyaatiin as geesse warra enyummaafi namummaa keenya jib>baniin Sababa abbootiin teenya jum>laan dhumanii lafa tana nu dhaalchisan

kan balleessuufi kan diiguus namoota enyummaa keenya jibbaniidha maqaa jijjiiruun dura Haala kamiin akka jijjiiramu Beektota biyyaatiifi Hayyootaan mari'achuun gaariidha

Warri ajandaa kana fiddan dii>naafi fira kee adda baasii beeki namuma siwajjiin shubbisu hunda fira keen sehin din>nilleen enyummaa kee bareedaa siif quudhuu hoggaa dadhabe akka ati jijjirrattu si godhaa

Maqaan Harargee akkanumatti jijjiirama osoon taane maaliif akka jijjiiramu hanqina maalii akka qabu Hayyoonni walgaafatanii yoo jijjiiramees jijjirama malee midia irratti miti kun niis hin ta'u

3Bo sadeen baha oromiyaa
Dubbii tana hafarsuu dhiisaa
Nuti Harargeen enyummaa keenya

Eenyummaa keenyaa feemasni nuuf hin jijjiiru fi jaarsolii biyyaat qabnaa jijjiiramuus dhiisuus isaantu beeka

Dubbii tana keessatti wahiin natti mul'ata dhiisaa ni fo>kkataa.

Want your business to be the top-listed Beauty Salon in Riyadh?
Click here to claim your Sponsored Listing.

Category

Telephone

Website

Address


Riyadh