Oro Tv
04/11/2021
SEENAA GOOTICHA OROMOO ARTISTII USUMAAYYOO MUSAA
Artisti Usumaayyoon Musaa weellisaa fi qabsaawaa mirga Oromooti. Usmaayyon jiruu fi jireenyasaa keessatti dalagaa aartii inni uummataf kaa‘ee darben yaddatama.
SEENAA DUUBAA
Artisti Usmaayyoo Muusaa baatii Amajjii 1967 abbaasaa Muusaa fi haadhasaa Faaxumaa Abdullaahiirraa baha Oromiyaa magaalaa Haroomaayaatti dhalate. Artisti Usmaayyoon gara laafinaa fi mararoo guddaa uumama Waaqni uume hundaaf qabaachuun beekkama.
Artiisti Usmaayyoo Muusaa mararoo fi jaalala saba isaaf qabu irraa kan ka‘e jiruu fi jireenyasaa qabsoo bilisummaa Oromoof dabarsee wareeguudhaan Hawwisoo Caffee Gadaa fi Baandii Gadaa Oromoo keessatti saboonummaa fi wallisummaan baroota dheeraaf tajaajilaa ture. Oromoon qaamaan isaani beekuu fi kanneen wallee isaa kaasetta irraa caqasan yeroo hunda imimmaantu isaan dursa, sababni isaas maaliif akka ta‘e kan beekaan Oromoota falma bilisummaa irra jiranii fi kanneen jiruu fi jireenyaan waanjoo gabrummaa mootummaa Habashaa jalatti kufanii jireenya hadhaawaa dirqiin dhamdhamsiiffachaa jiran qofatu beeka. Kanatti dabalee amalli artistiin kabajamaan kun weeyitii lafa irra turetti qabu, kokkofluun ,xabachuu fi kabajaan nama simachuunsaa yoom illee ija hiriyyootansaa fi Oromoota qaamaan isaan beekan jalaa hin badu.!!
Artisti Usumaayyoon Bara 1987 Abdii Mahammed wajjiin hojii muuziqaa qindeeffate shaakala xumuree albama tokkofaasaa mana muuziqaa JOLIY kan jedhamutti gurgure. Garuu albamiin isaa osoo gabaarra hin ooliniif, sirni gitabittaa Dargii barbadaa'eee kufe. Albamiinsaas achumaan cilee bishaan buute tahee duraa hafe.
Bara 1991 eega Dargiin kufee booda waamicha Addi Bilisummaa Oromoo (ABO)n Artistoota Oromoo hundaaf godhe kabajuudhaan Artist Usmaayyoon artistoota baayyee wajjin kaayyoo bilisummaa irratti hundaawee akeeka siyaasaa kaallacha qabsoo ummata Oromoo kan ta'e kan ABO fudhatee Hawwisoo Caffee Gadaa wajjin magaalaa Dadar keessatti gurmaa'ee qabsoo itti fufe. Yaadannoodhaaf seenaa hujii isaa kan gaafasi keessaa:
Bilisummaaf imimmaan ijatoo walmaraa
Obese sirraa hafuu nindadhabe garaa
Sidhabee hinjiraadhu biyyatoo Oromiyaa … Kan jedhamutu keessatti argama.
Sirbi Usmaayyoon sagalee isaa laayyoo alalaasaa ture, ummata Oromoo baayyee garaa roraasee qabsoof Kakaase. Bara 1992 erga mootummaan Ce’umsaa diigamteen boodas. Artis usmmaayyoon sirboota siyaasaa ummata Oromoo jajjabeessanii fi hamilee cimsan wallisaa ture.
Albama lammaffaa isaa nuyaamti kan jadhu bara 1995 magaalaa irra akuma oolchetti, bara 1996 keessa shira Wayyaaneetiin sarbamee, qabamee hidhame. Waggaa saddet guutuus mana hidhaa Zuwaay keessatti jireenya hadhawaa dabarse.
Bara 2004 keessa akka mana hidhaa Zuwaayii gad lakkifamettis ji’uma sana keessa albamii sadaffaa “Hidhaa fi ajjeechaan hamilee nucabsu” mata duree jedhuun baase. Gochaan isaa kunis Artist Usumaayyoon yoomiyyuu qabsoo kanarraa boodatteetti akka hin deebine mirkaneesseef.
Artisti Usmaayyoo Muusaa abbaa ijoolee shanii ture. Haati warraa isaa gannoota saddetan Artist Usmaayyoon mana hidhaa mootummaa Itoophiyaa keessatti rakkachaa ture gidduutti ijoollee guddisuu fi abbaa ijoollee ishee ammoo mana hidhaa keessaa baasisuuf olii fi gad osoo fiigduu dadhabbii, miidhamaa fi roorroo ishee mudateen ijoollee ishee dirreetti facaaftee, abbaa warraa ishee mana hidhaatti dhiiftee addunyyaa kana irraa godaante.
Artisti Usumaayyoon roorroo fi dararama qaamaa fi qalbii irra ga’aa tureen Mana Hidhaa Zuway keessatti baatii Sadaasaa bara 2006 addunyaa kanarraa du‘aan godaane. Sirni awwalcha isaas magaalaa Ciroo bakka uummanni Oromoo hedduminaan irratti argamanii gadda isaanii haala xiiqii fi haluu baafannaa guddaa of keessaa qabuun raawatameera.
17/10/2021
💓GORSI KUN SIN DARBIN DUBBISI💓
SHARE COMMENT LIKE GODHI OSOO HIN DUBBISNE
1: Namni ati jaallattu yoo fuula sitti guure jarjartee
hammeenyasaa hin dubbatin. Bor deebitanii gaafa walitti
araaramtan gaabbii cimaa seentaatii
2: Nama tokkotti nama gaarii of gochuuf jecha hiriyyaa
kee hin xureessiin. Haqni) dhugaan booda si gaafataatii
3: Yeroo mara dhugaa dubbadhu. Gammachuun
sobarraa maddu yeroomaaf malee booda sin fayyaduutii,
Dhugaan harra dubbatte bultee si boonsitiitii
4: Baaltii jette jettee hin amanin. Amantees kan biraaf
hin dabarsiin. Gaaf tokko si qaaneessaatii
5: Yeroo namni si arrabsu atis hin arrabsiin. Jalaa
callisnaan ofiifuu gaabbee dhiisaatii
6: Jaalalleen kee Waadaa waliif qabdan cabsee yoo
haala mijeeffate aariif xiiqiin ati waadaa kee hin cabsin.
Diinummaas hin yaadiniif. Bor cubbuu waadaa kee lakkuu
kaffaluunsaa dirqamaatii
7: Kan si miidhe haaloo bahuu dhiisuun sodaa sitti
fakkaatee xiiqiin haaloo bahuuf hin fiigiin. Haaloo (Ija'aa)
dhugaan kee baatutu caalaatii
8: Waan bor darbuuf jaalalaan hin qoosiin. Bor dhala
dhabuunis jiraatii
9; Jaalala fudhachuu qofa hin yaadiin. Oolmaa waan
gaafatuuf kennii fudhu malee.
Galatoomaa
Mallattoo Dubartiin Dhiira Hin Jaalannetti
Agarsiiftu
◉ Dubartiin mallattoo sin barbaaduu kan
agarsiiftu ifa baastee sitti himuun olmaan
ati ooltef itti ulfaachuu waandanda'ufi
hiriyummaa kee dhabuu waan hin
barbaannefi. Sin jaaladhu, jaalala keef
iddoo hin qabu jechuurra mallattoon sitti
agarsiisun itti salphachuu danda'a. Tokko
tokko immoo si qoruuf jecha waan si hin
jaalanne of fakkeessuu danda'u. Kadhaa
kee halkanii guyyaa barbaaddes ta'uu
mala. Bu'aa ba'ii tokko malee tole kan
jedhan akkuma jiran, warri lafarra nama
foqoqsanii tole jedhanis guutaniiru.
Yeruma tokkoon tolee siif jechuun si
biratti ishii tuffachiisuu danda'a.
➊ Hin qophoofni jetti
➵ Hariiroo jaalalaatif qophooftuu akka hin
taane sitti himti. Nama heedduu walitti
dhiyaattan yoo taatan yeroon itti yaadu
naaf laadhu sin jetti. Intala hiriyaa kiyya
jettee icciitii ishii sitti odeessitu waan
biraatif akka ishii barbaaddu gaafa itti
himtu rifachuu dandeessi. Daangaa
hiriyummaa fi jaalalummaa addaan baasii
beeki.
➋ Bilbila si jala hin kaastu
➵ Yeroo hunda sumatu bilbilaaf. Isayyuu
sijalaa hin kaasti. Bilbila ishii irratti
dhaanuun kee nuffisiisera. Sagalee dhuma
kee dhaga'uu hin feetu. Waan si'a dhibba
deebistee bilbiltee fi jeeqxeef koo taati
jettee hin yaadin. Amma amma namatti
bilbiluurra wanti nuffisiisan biraa hin jiru.
➌ Siif hin deebistu
➵ Xalayaan ati barreessituuf deebii hin
qabu. Facebook, Telegram, Imo
gubbaarrattis ammuma ishii online
gubbaarra jiraachuu agartu jecha 'hi'
jedhuun iddoo message dhiphisteerta.
Ishiin immoo bantee dubbistee hin beektu.
➍ Ijaan argaa kee jibbiti
➵ Suma arguu hin feetu. Ijumaan argaa
kee jibbiti. Faallaa oolmaa keetii oolti.
Tasa osuma karaanuu walitti sin fidee
daandii biraa sirraa cabsatti. Ati gowwaan
immoo faana fi gaaddidduu ishii
hordoftee sochoota.
➎ Si hin ilaaltu
➵ Ija ija keessa si hin ilaaltu. Si wajjin
tuttuqaa hin uumtu. Dubarri yoo si jaalatte
ija sirraa hin buqqifattu. Sababa funaantet
sitti bubbuuti. Tokko tokko immoo
dhokataniituma si ilaalu. Dubarri ija
babaastee waan si ilaaltef immoo
tilmaama dogongoraa keessa akka hin
galle.
➏ Dhiira biraa sitti faarsiti
➵ Dhiirota biraa sitti faarsiti. Abalu
bareedadha, kana qaba sana qaba jette si
hinaafsisti. Dubarri ati onee keetirraa
jaallattu yeroo dhiira biraa sitti faarsitu
caala wanti keessa kee gubu jiraa?
➐ Dubartii biraa si barsifti
➵ Dubara biraa waliin akka ati hariiroo
jalqabdu haala siif mijeessiti. Dubara biraa
bira si fuutee deemti. Kophaatti sin
dhiiftee qajeelti. Kana kan gootu dubartii
hiriyummaa kee dhabuu hin feene qofa.
Ati jaalallee ishii ta'uuf sammuun ishii tole
jedhee waan hin fudhanneefi.
➑ Siif hin kofaltu
➵ Qoosan ati ishii kofalchiisuf qilee
buutee fiddu ishii hin kofalchiisu. Ilkaan
ishii mitiitii fuulli ishiiyyuu hin warraaqu.
Maal akka ati xibaarteyyuu ishiin si hin
dhageenye. Kan si jaalatte garuu qoosaa
kee miti gazexaayyuu yoo dubbisteef sin
quuftu.
➒ Karoora kee balleessiti
➵ Karoora kee si jalaa balleessiti. Sa'a
shanitti si beellamteet kudhanitti si bira
geessi. Yoo
barbaadde hin dhuftuyyuudha.
❿ Dhiira biraa sammuudhaa qabdi
➵ Dhiirri ishiin sammuutti baattee deemtu
gonkumaa si hin fakkaatu. Gurbichi biifti
isaa, dhaabbin, yaadni, dubbiin, haalli
uffannaa isaa hunduu keetin wal hin
fakkaatu. Fiilmii gubbaarra jira.
⓫ Yeroodhaf sitti maxxanti
➵ Tokko tokko immoo akka yeroo
dabarfannaatti sitti maxxanuu dandeessi.
Kuni gaaridha. Wanti uumamu waan hin
beekamneef si jaallachuu dandeessi.
Dhiirri si caaluu dhufnaan garuu qullaatti
hafuu keeti.
⓬ Hiriyoota ishii waliin si dubbisti
➵ Yeroo hundayyuu hiriyoota ishii
guurrattet si dubbisti. Kophaa ishii si
dubbisuun waan jibbisiisefi. Gabaabumatti
sin jaalattu. Hiriyaa ishii biratti gaaffii
jaalalaa akka ati hin kaafne waan beektufi.
◉ Kana hunda osuma beektuu diddee
otuma jaalala jalqabdaniiyyuu itti fufiinsa
hin qabaatu. Gubannaa isaatu caala.
Osuma beekanii ramaxa ibiddatti of gatuu
ta'a. Filannoon ati qabdu ishii irraanfattee
dubartii biraa ilaallachuudha.
━━━━━━⊱✿⊰━━━━━━
Click here to claim your Sponsored Listing.
Category
Website
Address
43
Doha
56