Oromo Unity

Oromo Unity

Compartir

21/06/2026

Qe’een Leenjisoo Diigaa diigamaa jirti; qe’een Nadhii Gammadaa nadhii nageenyaa dhabdee, duguuggaa dhandhamaa jirti!

Arsiin—Sikkoo fi Mandoo—kaleessa saba kanaa fi biyya kanaaf jecha harkaa fi harma murame, dhiiga qaaliin gumaacha lubbuu kaffalee saba kanaaf hiixate. Arsii beela hin beekne,callaa garbuuf qamadii hammaaru,dhadhaa fi aannan habbuuqqatu…har’a ummata aanan obaasaa ture santu, ibidda dhugaa jira, Maatiin dhibbaatamni afaan qawwee jalaa hafe qe’ee fi qabeenya isaa guutuu dhabee, har’a alatti yaa’ee jira.

Harmetu gaara qorraa keessatti dahaa jira, manguddootu wayaa fi wayyaa malee ala bule. Arsiin kaleessa hammatee sabootaa fi amantiilee meeqaan wajjin jiraachaa ture,galanni isaa harka keessaa nyaatan nyaatuu ta’e,olola miidiyaa irratti gaggeeffameen maqaan isaa xuraa’e…

Ni gaha! Ni gaha! Ni gaha gidiraan saba kanaa,haa boqotu,bakka namni dhaqqabe haa dhaqqabu,dhiisaa!

Dhaamsa:
Osoo lammiin kee dhumu,manni isaa gubamu,jireenyi isaa manca’u,maqaan isaa xuraa’u,dhimmi kubbaa,dhimma dhuunfaa gaafa si burjaajesse ati qaama ofirratti du’e!

29/12/2025
¿Quieres que tu figura pública sea el Figura Pública mas cotizado en Guadalajara?
Haga clic aquí para reclamar su Entrada Patrocinada.

Categoría

Página web

Dirección


Guadalajara