Nafyad JM
26/05/2026
✋🏾Biyya Boruu Har'a Ijaarra!✋🏾
~~~~
Sagaleen ummataa humna ummataati. Garuu, namni tokko sagalee tokko qaba. Ida'ama sagalee ummataatu olaantummaa ummataa mirkaneessa. KFOn sagalee ummataatiin dhugaa irratti hundaa'ee Egeree Waloo murteessuuf dhaabbate. Misooma haqa qabeessa, Ol'aantummaa seeraa, Mirga ofiin of-bulchuu, sirna federaalaawaa Sabdaneessaaf Dimookiraatawaa ta'e ijaaruun mirga lammiiwwan hundaa tiksuuf cichee qabsaa'a. Dimookiraasiin kennaa qaama tokko irraa kennamu osoo hintaane, mirga sagalee sanduuqa filannoo keessa icciitiin buufaamtu irratti mirkanaa'a. Akkanaan, Biyya boruu har'a ijaarra!!!
Cliquez ici pour réclamer votre Listage Commercial.
Type
Contacter la personnalité publique
Site Web
Adresse
Pau