Asluddin Mohammed
08/02/2026
With Amaan Nyafaroo – I'm on a streak! I've been a top fan for 7 months in a row. 🎉
D I I N A
Diinni eenyu?
Diinni humna Fedhinnaa dhuunfaa ykn Gamtaa kee dura dhaabbatu hunda. Jechi hiika dimshaashaa kana qabu, yoo keessa gadi seennu, qabiyyeeewwan akka fedhinnaa dhuunfaa/gamtaa kee fi Sadarkaa aggaammii humna si dura dhaabbatuuu irratti hundaawuun akka lamatti laalla. Kuni ilaalcha kiyya qofa osoo hin taane, Kan Heera Gadaa Oromoo keessatti tumame. Kan Bulchiinsi Gadaa, Waraanaa fi Siyaasa isaa ittiin Masakee kaleessa of ijaare. Haga Har‘aatti kan ittiin dhaadannu, Injifannoo Oromoon Yeroo walfakkaataatti Humnoota Gurguddaa Lama (Sulxaaneetii Islaamaa, Warra Ahmad Giraany fi Mootolee Abisniyaa kan Christian Kingdom jedhaman Libina Dingil faa) irratti galmeesseef Bu‘uura kan ta‘e. Dinaaf Hiika sirrii kennanii, Tumaa itti tumanii Qabsoo qajeelchuu….
Heera Gadaa Oromoo keessatti Diinni akka lamatti laalama. Lameen,
1) Diina Killii/Killee: Diina Fedhinnaa kee dura dhaabbatu, fedhii ofii dursuuf malee si balleessuuf sagantaa hin qabne. Fedhiin isaa Aangoo Siyaasaa ykn Olaantummaa diinagdee ta‘uu danda‘a. Humni kun olaantummaa siyaasaa sirratti qabaachuu mirkaneeffannaan ykn Dinaagdee to‘atee Bobbaasee si galchuu dandeenyaan Si balleessuuf lola hin labsu. Sirumayyuu jiraachuun kee isa jiraachisa jedhamee waan amanamuuf si eega, Si jiraachisa. Gadaan imaammata akka madaksuudhaaf, yaadni kun galteedha. Diinota keessoo, Gantoota, Dorgomtoota ollaa fi halaalaa irra-jireessa akka Diina killeetti laala. Paakejiiwwaan adabbiis, bu‘uura kanaan murama.
As irra dhaabbannee, Qabsoo ammayyaa kana yoo taasifnu, Diinni Killii/llee Oromoo eenyu? Gaafii jedhu deebisuu qabna. Waan hundaaf bu‘uura waan ta‘eefu.
2) Diina Killichaa: Kuni kan Si Barbadeessee, Awwaala keetirra jiraachuuf sitti aggaammate. Sochiin Diina kanaa hundi jiraachuu keef yaaddoo kan ta‘an. Jalqaba irraa, Maqaa ati ittiin of Waamtu fi qubsuma kee beekkamtii dhoowwata. Maqaa kee fi maqaa lafa kee jijjiiree ka‘a. Oromoo miti Gaal/aa jedhamta, Finfinnee miti Bararaa Jedhama,… fi kkf. Si mancaasee himannaa duguuggaa Sanyii ati dhiyeeffattullee gara dabarsuuf, Adeemsa jalqabaati. Chartaroota Dhimmoota Duguuggaa Sanyii ilaalan kan Addunyaan har‘a ittiin Abboomamtu keessattis, Maqaa Lagachuu ykn itti moggaasuun duguuggaa Sanyiif step jalqabaati.
Diinni killichaa, yoo si booji‘e akka namaatti sin ilaalu. Fknf Ji‘oota muraasa dura, Wallaggaatti Dargaggoo Oromoo ajjeefame, Morma irraa mur@nii akka Geebaatti fannisanii, Fudhatanii Goojjamiin cehan. Olaantummaa siyaasaa (aangoo) yoo argateyyuu, Si bulchuuf qophii hin qabu. Si awwaalee awwaala keerra Wal qabachiisuutu galma isaati. Afaan kee balleessuu, Eenyummaa kee jijiiruu silaa waan xixiqqaadha….
Diina Killichaa Akkamitti laalta? Atis beekkamtii hin kennituuf. Diina Killichaa maqaa inni of waamuun hin waamtu. Faannoon jedhama jedhee yoo sitti siqu, muddamtee lafaa kaatee “NOOR OBBOO FAANNOO“ hin jettuun. Qubsuma isaa hin kabajju, Hin safeeffattu. Yoo loltu hin qusattu. Malkaa fi gabaa waliin hin qooddattu. (Kontekistii kanaan, Malkaa fi gabaan Waltajjii siyaasaati.)
Oromoon Yeroo kanatti Diina Killichaa qaba? Eeyyen. Hiika sirrii kenneefiiraa?
Kan Oromoon Diinummaa itti mure, Hayyoonni Siyaasa Ammayyaa gaggeessina jedhan, Oromoo bakka bu‘een firummaa iticha yoo jedhan bal‘inaan mul‘ataa jira. Yeroo tokkotti Adda waraanaa hedduu dhaabachuu hin dandeenyu kan jedhu akka sababaatti dhiyaata. Adda waraanaatu natti heddummaata jedhee Seenaa keessatti humni Diina Killichaaf beekkamtii kennee waliin dhaabate hin jiru. Rashiyaa fi Amerikaan Diinummaa qaban cinatti dhiisanii, walta’anii Naa7ii cabsuu akka fakkeenyaatti dhiyeessu. Rashiyaa fi Amerikaan Diina Killii malee Diina Killichaa miti dhaabadhaa. Adeemsi kun Waan hin taane. Waan lafa qabachuu hin dandeenye. Yaada Oromoo wayyabni hin binne. Qabsoo Midiyaa dijitaalaa irra darbee lafa bu‘uu hin dandeenye. Sirreeffama kan barbaadu.
24/06/2025
Gooticha seenaa dilbii!
Ciniinnattuu hin ciniinamne
Jabaa giitiif gita hin qabne
Godaannisa kee baannee
Karaa godaante dhabne
Nama kormi jalaa badee
Kan hate waliin barbaadu
Karaa irraa nama maksa
Akkamiin argachuu yaadu
Lubbuu kee nu saamanii
Saamicha ragaan qabne
Dachii fi samiitu boo’e
Si dhabnee nagaa dhabne
Gadaamessa Guddattuu Haraa
Abbaa Giiftii milkii fi Wabii
Leenca Hundeessaa Boonsaa
Gooticha seenaa dilbii!
Click here to claim your Sponsored Listing.
Category
Contact the public figure
Telephone
Website
Address
West South Oromiya
Robe
ADAMA