Ifa boruu
Hojiiwwan Gurguddoo WDB Buunnoo Beddellee
Waldaan duuka Bu'ootaa Godina Buunnoo Beddellee Muddee 4/2014 tti Namoota lakkoofsi isaanii 1-9 ta'aniin hundaa'e Waldaan Ifa dhugaa fi Mul'ata dhugaaa keessumatti Oromoota Ortodooksiitiif qabatee dhufe kun yeroo hundaa'e kanatti Bakka qubannaa hin arganne ture Mana Amantaa Qul.Gabreelii Magaalaa Beddelleetti Hundee Muka Baargamoo achitti argamuu jala waajjira godhachuudhaan sosochii kaayyoo hundeeffameef sanaa eegaleera.Kaayyoon isaa inni duraa Tajaajila Afaan Oromoo lafa qabsiisuudha kanaafuu jalqaba Waldaa qoricha uummata Oromoo ta'e kana Uummata kiristaanaa gasi fageenyaan hojiin hubachiisuu waldaan kun hundaa'ee hanga Waggaa tokkoo fi walakkaatti itti fufee Namoonni muraasni Manneen Amantaa magaalichaa fi Gandoota magaalicha jala jiranii akkasumas Aanaalee irra deemuudhaan hubannoo kennaa tureera.Akka magaalaa Beddelleetti hamma gaafa Waldaan jun hundeeffamuutti Tajaajilli Afaan Oromoo jedhu kun kolfa tureera Barumsi Wangeelaa yeroo ammaa Warra Afaan baraniinis ta'e Warra ittiin dhalataniin Manicha keessatti dhagahamaa jiru akka lafa qabatu hojjetameera.Faarfannaan Magaalaa keessattis ta'e Baadiyyaa keessatti Afaan Amaariffaa qofaan faarfatamaa ture yeroo ammaa Osoo Namoota hin feenetti hadhaawuuyyuu Akka galaanaa dhangala'uudhaan lafa qabatee Uummata Amntoota Oromoo Ortodooksii gammachiisee jira.Kadhannaa ilaalchisee Akka Godina keenyaatti Galata maariyamii jechumti jedhuyyuu mataadhuma isaatti maqaadhumti isaa namoota hedduuf kolfa ture,Yaa Abbaa keenyaa Samiirra kan jiraattu jedhanii kadhachuun Hordoftoota Amantichaa Magaalichaa keessa jiraniif keessummaa ta'uudhaan kolfa ture.Waldaan Duuka Bu'ootaa isa kana Cabsuudhaan Mana Amantaa Qul.Gabreeliitti Xalayaa Beekamtii Wiirtuu giddu galeessaa irraa kennamee fi Eebbi Isaanii nurra habuluutii Eebbifamoo Abbaa Gabreel Phaaphaasii Go/I/A/Booraa irraa kenname qabachuudhaan Tajaajila kana ifatti baasuudhaaf Oobdiin Araaraa akka Torbeetti guyyaan lama kennamu gaaffii gaafach
Click here to claim your Sponsored Listing.
Category
Website
Address
Hurumu
Metu