Journalist umar

Journalist umar

Share

Photos from Journalist umar's post 10/06/2022

Qondaalli Raashiyaa naannoo Yukireen humnoonni Raashiyaa to'atan keessa jiran biyyi isaanii Yukireen keessaa midhaan dheedhii alatti ergaa akka jirtu himan.

Himannaa ammatti BBC'n ofin hin mirkaneessine kun kan dhagaahama jiru aanga'oonni Yukireen Raashiyaan midhaan dheedhii toonii 600,000 saamtee kaan alatti ergaa jirtii jechuun yeroo himatanitti.

Raashiyaan himannan midaan hatte jedhu dhugaa mitii jechuun fudhatama dhabsiifti.

Yukireen irraa waggaa waggaan miidhaan ooniin miiliyoona hedduun lakkaawwamu gara Afrikaa fi Gidduugala Bahaatti ergiti. Amma Raashiyaan mankuusaalee midhaanii biyyattii gurguddoo qabattee ulaa ittiin alatti ergamus qabattee jiraachuun yaaddoo idila addunyaa uumeera.

Yukireen amma dura midhaan ishee karaa galaana gurraacha(black Sea) gabaa alaaf kan dhiyeessitu yeroo ta'u ulaa kana Raashiyaan waan cufteef dhiyeessiin kun danqameera.

Raashiyaan ammoo gama isheen Yukireen dhuka'aawwan qarqara qaama galaanaa keessa awwaaltee baastee ulaan kun midhaan gurguruuf banaa ta'aa jetti.

Niiw Yoork Taayims akka gabaasetti Raashiyaan midhaan Yukireen jalaa hatte biyyoota Afrikaa hongeen miidhamanitti gurguruuf yaalaa jirtii jechuun Ameerikaan ni himattii jedheera.

Gabaasichi ragaalee Ministeera Haajaa Alaa waabefachuun US biyyoota 14 harki caalaan isaanii kan Afrikaa ta'aniin dooniiwwan fe'isaa Raashiyaa qarqara Yukiree irraa midhaan fe'anii socho'uu akeekkachiiftee ture jedheera.

07/06/2022

Follow me for get a new news

Want your business to be the top-listed Media Company in Jimma?
Click here to claim your Sponsored Listing.

Address


Kera
Jimma