Nazif Rashaad

Nazif Rashaad

Share

31/10/2023

Ergamaan Rabbii ﷺ Ceekhuu tiyya na Qabee akki naan je'e
•••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••

Hadiisa Kana Abdallaa Ibnu Umartu Nuuf Odeeyse.

Addunyaa tana keessatti akka warra imaltuu kan waa xiqqo taa'ee deemu tayi naan je'e.

Takkaa akka nama karaa dabruu tayi, akka nama musaafiraa kan ba'aa ifirraa xiqqeessuu malee waan biyya isatti ammallee warra isatti isa galchu fudhatee waan biraa ifirraa dhiisuu malee waan biraa hin yaanne tayi naan je'an.

Yoo Rabbiin guyyaa si oolchee galgalli sitti seene halkan san dalagaa Aakhiraa dalagi, boruun dalaga jettee bariisaa hin eegin achi gayuu kee hin beeytuu.

Ammas yoo guyyaan siif bariye guyyaa san keessa waan siif tolu dalagi galgalaan dalaga jettee guyyaa dalaguu hin dhiisinii qophaayi, yaroo Aakhiraatti godaantu eeggadhu.

Fayyaa teetirraa dhukkuba keetii waa kenni akkana jechuun waan hoggaa dhukkubsatte dalaguun si dhibu hoggaa fayyaa qabdu jabaadhuu dalagi.

Ammas jiruu teetirraa du'a teetii waa kenni, akkana jechuun waan eega duutee sii tolu odoo jirtuu hunda isaa dalagadhu akka Aakhiraatti hin sheenooyne jechuudha. Hadiisa kana Bukhaari'iitu odeesse.


Yaa Rabbi Nama Osoo Jiruu Dalgaa Gaarii Dalgatu Nu Godhi.

Follow Abdùrąmån Hůssên

Want your university to be the top-listed University in Jimma?
Click here to claim your Sponsored Listing.

Website

Address


Jimma