Megersa Obsa

Megersa Obsa

Share

07/07/2023

MOO'ATAA TA'I┃BE WINNER
▬▬▬▬▬▬▬▬
❍ Moo'attoonni yeroo mara furmaata barbaaduu irratti xiyyeefatu. Moo'amtoonni garuu rakkoo irratti xiyyeeffatu.

❍ Moo'attoonni yeroo mara jireenya isaaniif sagantaa qabu. Moo'amtoonni garuu sagantaa dhabuu isaaniif sababa garaagaraa dhiheessu.

❍ Moo'ataan "siifan hojjedha" siin jedha. Moo'atamaan garuu "kun hojii koo miti, ana hin ilaallatu" siin jedha.

❍ Moo'ataan rakkoo kamiifiyyuu furmaata barbaada. Moo'atamaan garuu furmaata kamiifiyyuu hanqina yookin mudaa barbaada.

❍ Moo'ataan "ulfaachuu danda'a garuu hojjechuun ni danda'ama" siin jedha. Moo'atamaan immoo, "Gochuun ni danda'ama garuu ulfaataadha" siin jedha.

❍ Moo'ataan wayita dogoggoru "nan dogoggore" jedha. Moo'atamaan immoo "Dogoggora koo miti" jedha.

❍ Moo'ataan waan hojjechuu qabu ni murteeffata. Moo'atamaan garuu yeroo biraa akka hojjetu waadaa siif seena.

❍ Moo'attoonni mul'ata qabu. Moo'amtoonni hawwii qabu.

❍ Moo'attoonni "hojjechuun qaba" jedhu. Moo'amtoonni immoo "hojjetamuu qaba" siin jedhu.

❍ Moo'attoonni garee tokkotti makamanii waliin hojjechuu ni danda'u. Moo'amtoonni garuu hin danda'an.

❍ Moo'attoonni waan argatan yaadu. Moo'amtoonni immoo waan dhaban yaadu.

06/07/2023
Want your business to be the top-listed Beauty Salon in Holeta?
Click here to claim your Sponsored Listing.

Category

Website

Address


Holeta