Ya'reli
05/08/2022
Yaalii Abbaa Jifaariin Kiristaanummaa Kaasuu
💥💥💥💥💥💥💥💥💥💥💥💥💥💥💥💥
Kutaa 3ffaa
🗯🗯🗯🗯🗯
Abbaan Jifaar muudannoolee adda addaatiin gabroota bilisa baasuu ture. Keessattuu wogguuyyuu baatii Ramadaanaa keessa gabroota dhibbaatamatti lakkaa’aman bilisa baasuu ture.
/ Mohammed Naser, Economic History of Abba Jifar II 1878-1930, Haile Sillasie I University 1973, p.17/
Aalimoota jaalachuu isaanii irraa kan ka’e Ulamoota Itoophiyaan ala jiraniifuu kennaa laatuun qiraata (barsiisuu) irratti ni jajjabeessuu turan. Fakkeenyaaf waytichatti Sheekh Habiiballaah kan jedhaman Aalimni beekamoon Makkaa keessatti akka barsiisan yommuu dhagahan “Barsiisuu irratti itticimaa” jechuudhaan worqee waqeetii tokko erganiifii jiru.
/ Waa’ee Seenaa Jimmaa ilmi ilma Abbaa Jifaarii Arabiffaan kan Barreessan /
Waa’ee Muslimoota biyya isaanii qofa osoo hin taane waa’ee Muslimoota biyyoota biroo keessa jiraataniitis ni gaafatuu ture. A.L.A 1910-11tti Jimmaan keessa kan ture lammii Ingilizii kan ta’e Henrii Derlin “Biyya Biriitaaniyaa keessa Muslimoota hangamiittu jira?” jedhanii akka isa gaafatan barreesseera. Abbaan Jifaar gaafii fakkaataa lammii Xaaliyaanii kan ta’e D/r Enriikoo Cheruliif dhiheessaniifii turan.
Doktorichi “Muslimoonni Xaaliyaanii keessa jiran Jimmaan keessa kanneen jiraatan irraa dachaa soddomaan ni caalu” jechuun kijibuun deebiseef. Ta’us garuu kijibee hin miliqne. Abbaan Jifaar D/r Cherulii afaan Arabiffaatiin dubbisan; qormaatas qormaatan. Haata’u malee qormaaticha darbuun isa dhibe. Yeroo san Abbaan Jifaar “Muslimoonni Jimmaan irraa dachaa soddoma kan ittiin caalan Xaaliyaanii irraa yoo dhufte gaafiilee koo deebisuu qabdaa ture. Ykn immoo soba keeti” jechuun danqaa keessa galchanu. Sobuu isaatis mirkaneessan.
/ Ketebo Abdiyo, p.42/
Abbaan Jifaar jireenya isaanii kan dhuunfaatti gochoota waaqeffannaa (Ibaadaa) irraa kan of hin dagne turan. Keessummaan kamuu yoo ittidhufu sa’aatii Salaataa hin dabarsanuu turan.
Keessummicha teessisanii sagaduu ture. A.L.A Amajjii guyyaa 8, 1898tti gara Jimmaa imalee keessummaa Abbaa Jifaar kan ture Aleeksaandar Bilaatovich akkana jechuun barreesseera:
“Daqiiwwaan muraasa akka taphanneen yeroon sagada (Salaata) waarii waan gaheef Abbaan Jifaar xiqqoo akka isa eegu dhiifama na gaafatanu. Namoota isatti dhihaatan wajjiin xiqqoo gara qaccee achi bahee dhiqachuu eegale. Ashikarri tokko maastaaxabiyyaa gurra meetiitiin (meetii irraa kan hojjetameen) bishaan isaaf fideetiin Abbaan Jifaar bu’uura dambii Islaamummaatiin kadhataatiin harkeen, miila, laphee, mataafi ceequu isaa dhiqate. Fuula isaa gara dhihaa joorsisee sagadus jalqabe. Sirritti dukkanaa’eera...
keessummaa Awuurooppaatiif … qondaalli Islaamaa (kun) kadhannaan godhu kan nama raajuufi abjuu kan fakkaatu ture. … Abbaan Jifaar laakkooftuu isaa lakkaayaatiifi qalbeeffannaan kadhataatiin sagada. … Abbaan Jifaar kadhannaa isaa akka fixeen tarii sirna Islaamummaa sirritti beekuu isaa Awurooppichaaf muldhisuu isaatiin ta’uun hin hafuu, akkaan gammadeetiin lamuu barcumaa isaa irra taa’e.”
/ Raayyaa Atsee Minilik Wajjiin, fuula 21/
Aleeksaandar barreeffama isaa kanaan “Akkaan gammadeetiin ittideebi’ee barcumaa isaa irra taa’e” akkuma jedhetti Abbaan Jifaar Salaata irraa gammachuu argataniiti malee isatti akka fakkaatetti Salaata Awurooppaanatti muldhisuu isaaniitinii miti; sababni isaatis seera Islaamummaatiin Salaata kaayyoo nama birootti muldhifachuuf jedhuun sagaduun Salaaticha fudhatama dhabamsiisuu isaatiin olitti dhuunficha ni balaaleffachiisa.
Abbaan Jifaar adduunyaa irratti Khaliifaan Islaamaa (Otomaan Turki) akka injifatu hawwiifi fedhii olaanaa qabaataa turan. Waa’ee hooggantuu Khaliifichaa tan turtee Turkii odeeffannoo walitti niqabuus ture. Hordofaa amantii Kiristaanaa kan ture Aleksaandar Bilaatovichiin isuma kana gaafatanii turan. “Mootichis waa’ee Istaanbul (Turkii) fi Misri (Gibxii) wanta baay’ee erga nagaafateen booda ‘Istaanbul biyyoota addunya irra jiran hunda keessaa jabduudha kan jedhamu dhugaadha moo?’ naan jedhe. Anis kana Araboonni kan oofan oduu hunde-maleessa (kijibsiisuun waan narra tureef) mooticha hammamtaanis ta’u osoo hin gaddisiifne hin hafne” yoo jedhu Aleeksaandar barreesseera.
/ Aleeksaandar Bilaatoovich, Raayyaa Atsee Minilik Wajjiin, fuula 21/
Aleksaandar akka taajjabeetti yeroo hundaa Abbaan Jifaar cinaa isaaniitiin Sheekhota teessisaa turan. Yeroo hundaa “Kullu mulkin yazuul; wamulkillaahu laa Yazuul"
(Mootummaan hundinuu dhabamaadha; Mootummaan Allaaha garuu hin dhabamu (siranaawaadha) jedhuu ture.
/ Ketebo Abdiyo, p.39/
Ta’uusaatiinis amantii akaakuu akkanaa kan qabaataa turan Sulxaan Abbaa Jifaariin Atseen Minilik gara Kiristaanummaa seensiisuuf yaaluun isaanii akka uggiinsaatti kan lakkaa’amu ture. Atseen Minilik Abbaa Jifaaritti intala isaanii Zawdituu itti heerumsiisuuf barbaadanii turan. Haata’u malee gaa’ilchi akka raawwatamuuf jecha Abbaan Jifaar Kiristaanummaa akka ka’an gaafataman. Hayla Maariyaam Gooshuu manguddoolii Jimmaa wabeeffachuun akka barreessetti osoo Kiristaanummaa ka’anii silaa dhaalaa aangoo isaanii ni taasifatuu ture. Abbaan Jifaar Islaamummaa dhiisuufi Kiristaanummaa ka’uun wantaa hin yaadamne ta’uusaatiin fedhiin Atsee Minilik kufaa ta’e.
/ Haile Mariam Goshu, the Kingdom of Abba Jifar II (1861-1934), p.41/
Itti fufaa…
Ahmedin Jebel 🙏
Jum'aa Mubarak 🥰
03/08/2022
Abbaa Jifaarii fi lola Shanan Gibee irratti baname
*****************
Viidiyoon https://youtu.be/f89C9Kq4LEs
https://t.me/glababor/1047
Abbaan Jifaar aangoo dhuunfatanii yeroo gabaabaa keessatti naannoo Kibba dhihaa humna Amaaraatiin weeraramte. Waraannii warra kaabaa jalqaba gara Jimmaa dhufe waraana Takle Haymaanoot Goojjam akka ta’e maddi seenaa ni dubbata. Taklehaymaanoot kun maqaa mootummaati. Maqaan ijoollummaa Adaal Tasammaa ture. Taklehaymaanoot erga maqaa mootii Goojjamiifi Kafaa jedhu argatee hogganaa waraana isaa Dajjaaz Darasuu biyyootii baha Abbayaatti erge. Bara 1881 gara Guduruu, Horroo fi Leeqaa dhufe. Isaan dhumarratti gibira isaaf kaffaluu irratti waliif galan. Achumaan kallattii Limmuutiin gara Jimmaa dhufe. Jimma Shanan Gibee hundaa gargaarsa waraanaa gaafate. Takle Haymaanoot bara 1881 Goojjam irraa ka’ee Minilikiin dachii wal saamuuf jecha gara Jimmaa dhufe. Waraana isaa kan hogganee dhufe Raas Darasuu ture. Achumaan Abbaan Jifaar ulamootaafi manguddoo dubbii beekan waamanii dhimmicha ibsanii mariitti seenan. Dafnee furmaata wahii irra gahuu qabna jedhan. Ulamoonniifi manguddoonni garaagarummaa meeshaatiifi diinni dhihaachuu ilaaluudhaan ittiin loluun ni ulfaata yaada jedhutti daban. Keessumaa A/Dikoo A/Billoo gonkuma hin ta’u jechuu dubbatan. Odeeffannoo Shawaafi Wolloo qorachuudhaan gonkuma loluun hin ta’u jedhan.
Abbaan Jifaar immoo diinaaf gibira kennuun hin liqimfamneef ture. “Maaliif jihaada hin labsinu?” jedhan.
Sababni sheekoleefi manguddoonni lola dhiisanii nageenya filataniif ifaadha. Inni jalqabaa mootummoleen Oromoo naannoo kanaa gurmaa’anii diina ofirraa deebisuuf qophii tokkollee hin qaban. Inni lammaffaa immoo Oromoonni meeshaa waraanaa waggaa kuma dura tureen lolu. Nafxanyaan immoo warra dhihaa irraa meeshaa lolaa ammayyaa gargaarsa guddaa argataa turan. Fkn Minilik yeroo gara Jimmaa dhufu Abbaan Jifaar qawwee soddoma qofa qabu turan. Minilik immoo qawwee ammayyaa kuma soddoma (30,000) qaba ture. Manguddoonniifi sheekoleen garaa garummaa meeshaa lolaa kanaa jiruu lolatti seenuun ummata ficcisiisuu malee bu’aa tokkollee hin fidu ijjannoo jedhu irra ga’an. Akkasumas mootiin Leeqaa Naqamtee Morodaa jedhamu Oromoon Gibee kan biroo osoo hin miidhamin akka harka kennan ergaa dabarseera jedhama.
Duraan Muslimoonni naannoo kanaa tokko ta’anii diina ofirraa deebisuudhaaf gamtaa mootummoolee Shanan Gibee ijaaruuf sochiin godhamaa akka ture manguddoonni natti himan. Garuu osoo inni hin milkaa’in humni Nafxanyaa dhufe waan ta’eef yeroma sana mootummoolee Islaamaa naannoo sanaa Guumaa, Gommaa, Limmuufi Geeraa waamanii waliin jihaada labsinee biyya keenya tiksina jechuu dhaamsa ergan. Diinni ariitiin gara Jimmaa waan dhufaaruuf isa dhaabsisuufi yeroo dheeressuuf loltoota isaanii irraa hanga ta’e filatanii gara “Xiroo Afataatti” ergan. Xiroo Afataatti waraana Darasuutiin wal qunnaman; humni Abbaa Jifaar achumaan injifatame. Yeroo kana Abbaan Jifaar nama Abbaa Reebuu Qajeeloo jedhamu erganii Darasuun maal akka barbaadu gaafatan. Humni Muslimoota naannoo kan gamtaan biyya tiksuuf waamame ni ture. Ulamoonni akka Abbaan Jifaar jihaada hin labsine dhorkan. Keessumaa sheekhonni Guumaa Sheykh Aadam Abdallaa Gidiraa Ambachaa “erga diinni daangaa keenya keessa seenee jihaada hin labsin” jedhanii akeekkachiisan. Gibira kennuu wayya yaada jedhu irra ga’an. Abbaan Reebuu Qajeeloo kan Darasuutti ergaman deebi’anii “wanti Darasuun barbaadu gibira fudhachuufi dachii keessan keessa qaxxaamuruu qofa” jedhan. Yeroo kana Abbaan Jifaar sababa dhiibbaan haadha isaaniitiifi kan ulamootaa itti ulfaateef yaada gibira kennuu fudhatan. Waraanni Darasuu daangaa Jimmaafi Limmuu irraan akka darbu godhame. Jimma Shanan Gibee hundaa gargaarsa waraanaa gaafatee ture. Isaan keessaa Guumaa qofatu murteessee dhufe. Akka Gulummaafi manguddoonni jedhanitti waraanni Guumaa Abbaa Diggaa A/Duulaa guddaa (Shuuree Oonchootiin) hogganamee gara Jimmaa deeme. Inni loltuu cimaa ture; obboleessa Abbaa Joobir guddaati. Mootii yeroo sanaatiif obboleessa abbaa turan jechuudha.
Akka manguddoonni jedhanitti waraanni Abbaa Diggaa turee Jimmaan dhaqqabe. Yeroo inni Jimmaan dhaqqabu Abbaan Jifaar lola dhiisanii gibira Darasuuf kaffalaniiru. Abbaan Diggaa yeroo murtii Abbaa Jifaar kana dhaga’u baay’ee aaree gara Guumaa deebi’e. Yeroo deebi’u kana humni Guumaa namoota Jimmaa hanga ta’e akka rukute himama. Jechi naannoo Jimmaatti beekamu tokko Abbaan Diggaa kun Abbaa Jifaaritti dhaaddatanii “amman waraana Darasuu injifadhee dhufee warra kee midhaan daaksifadha” jedhan. Ogga kana Abbaan Jifaar “yoo ati isa injifatte anatu ofii jilbeenfatee siif daaka” jedhan jedhama.
Darasuun yeroo Jimmarraa gara Guumaa deemu Limmuufi Gommaan wal lhin lolle ture.
Lolli Abbaa Duulaa mootii Guumaafi Darasuu jidduutti geggeeffame baay’ee ulfaataa ture. Akka yaadannoo Sheykh Saafii Abdurrahmaan hogganaa majlisa duraanii irra jirutti “mootummaan Guumaa yeroo sanaa Abbaa Duulaa turan. Bara 1981 lolli jidduu sulxaanichaafi Dajjaaz Darasuu hogganaa lola Takle Haymaanotitti uumame. Muslimoonni isii keessatti mootiin isaanii wareegame. Ilmaan biyyattii namoonni filatamoon kumni jahas wareegaman. Lolichi silumaa lola wal gitu hin turre; waraanaafi guraadeedhaan dhukaasa ibiddaa fuuldura dhaabbatan. Booda lolichaatii haati iyyeessaafi yatiimonni sakaalamanii loltoota Kiristaanaatiif gabroota godhamanii oofaman. Carraan maatii mootichaallee kanaan adda hin turre. Intala Abbaa Foggii Abbaa Duulaa kan Haliimaa jedhamtu dirqiin Kiristaana godhanii maqaa Ballaxshaachew Abbaa Foggii jedhu moggaasaniif. Ibiddi qalbii ummata Guumaa nyaataa ture. Finfinnee keessa mana yaalaa maqaa isiitiin moggaafametu fuuldura hoteela Di Afrik ture. Maqaan isii duraan Haliimaa A/Foggii akka ture manguddoonni baay’een natti himaniiru.
Lola kana keessatti mootiin Guumaa Abbaan Duulaa fi wasiilli isaanii hogganaa waraanaa ture Abbaan Diggaas ni du’an. Osoo biyyaafi amantii isaanii irraa deebisanii achitti wareegaman. Yaadannoon jara kanaa ammas sammuu ummata Guumaa keessaa hin baane; yoomuu ni ba’a jedhamees hin yaadamu. Sababni injifatamuu waraana Guumaa beekamaadha. Eeboofi guraadeedhaan dhukaasa ibiddaatiin lolaa turan. Akkasumas gamtaan dhabamuutu kanaaf isaan saaxile. Kanumaa wajjin lola Nafxanyaa irraan miidhaa guddaa ga’aniiru. Akka tilmaama manguddoo gariitti waraana diinaa warra dhukaasa ammayyaatiin lolaa turan namoota 850 ol ajjeesaniiru. Yeroo sanatti naannoo dhihaa keessatti biyyi hanga Guumaa Nafxanyaa dura dhaabbate hin jiru.
Yeroma sana “humni Goojjam lafa Oromoo to’achuun, mootiin Guumaa Abbaan Duulaa ajjeefamuuniifi Abbaan Jifaar gibira Darasuuf kaffaluun” Shawaatti dhaga’ame. Achumaan Minilik waraana isaa Goobanaa Daacceetiin hogganamu naannoo Gibee akka deemu ajaje. Humni kun lamaan mootummaa isaanii Kibba dhihaatti babal’ifachuuf wal dorgomaa turan. Mootiin Guumaa ajjeefamuufi biyyattiin barbadaa’uun Shawaaf hamilee dabalee akka gara Guumaa dhufan taasise. Kaayyoon isaan lamaaniituu qabeenya biyyattii guurrachuu ture. Kaayyoon Minilik inni guddaan akka humni Goojjam Kibba dhihaa sarara daldalaa irra jiru kana hin qabanne gochuudha.
Akka Gulummaan jedhetti “Muddee bara 1881 Goobanaan humna Goojjam ari’uuf gara sulula Gibee dhufe. Yeroo humni lamaan Guumaa keessatti wal qunnaman, Raas Darasuun humni Shawaa cimaa ta’uu waan bareef naannicha lakkise. Lammaffaa naannoo sana irra miilaan hin ejjadhu jedhee ba’e. Goobanaan naannoo Gibee duraan Darasuu jala gale irraa gibira funaane.
Warri duraan Darasuu jala gale hunduu Goobanaaf kaffaluudhaaf walii gale.” Jalqaba bara 1882 Darasuun gibira funaannate hundaa humna Minilikitti kennee naannicha lakkise. Yeroo Goobanaan naannoo Gibee seenu ummanni Guumaa dursee humna Goojjamiin rukutamee ol aantummaa isaa dhabee cabeera. Horroo, Guduruufi Leeqaan duraan gibira kaffalanii dabarsan.
Raas Darasuun naannoo Gibee lakkisee bahuun oduun Taklehaymaanot Goojjam bira ga’e. Yeroo dhaga’u baay’ee aare. Achiin humna Shawaatiin loluu murteesse. Minilikis humna Goojjam kana rukutuuf qophaa’e. Minilik humna isaa ariitiin sochoosee deemee naannoo Coomman bakka Laga Riqichaa jedhamu qubate. Ebla bara 1882 humna Darasuu naannoo Buunnoo (Makkoo) irraa baase. Akka Gulummaan jedhetti “Caamsaa 30, 1882 Minilik ariitiin Coomman Swaamp qaxxaamuree Waxabajjii 6, 1882tti bakka Imboobboo jedhamutti Taklehaymaanotiin qunname. Lola ulfaataa booda Taklehaymaanot qabamee humni waraana isaas barbadaa’e.” Erga humni Goojjam barbadaa’ee Minilik naannicha keessatti ol aantummaa labsate.
Kana booda lolli Minilikiifi Guumaa jidduu ture cimaa miti. Humni Guumaa dursee rukutameera; hoggantoonni isaanii ajjeefamaniiru. Lola xixiqqaatu ture. Akka Yaasin ibsetti Guumaa bara 1885 Minilik jala seente. Kana jechuun waggaa sadan hafe fincilatu ka’aa ture malee lolli hoggansa cimaa qabu dhaabbateera. Mootiiniifi hogganaan waraanaa du’aniiru. Bara 1889-1907 nama Raas Tasammaa jedhamu irra keenyaan Guumaa hogganaa ture.
02/08/2022
Daandiin Dharaa gara Dhugaatti nama hin geessitu!
Warri ammaa waa'ee SIRNAA cinaatti dhiisee garee bilxiginnaa qofa abaaraa oolu kun, gaafa gareen kun aangoorraa ka'e "Bilisoomnee" jedhee wacee Waccisiisuuf malee waa takka akeeka qabsoo Oromoo of harkaa hin qabu. Adeemsi kun aangoo argachuuf malee Sirna Habashaa diiganii kan ofii deebisanii ijaarrachuutti nu hin geessu!
Adeemsi kun isaanifis ta'ee ummataaf ammas kasaaraa hamaa fida.
Oromoon waggaa 4 dura garee Sirna Habashaa hoogganaa turte, Wayyaanee aangorraa kaasee ture; garuu Sirni Habashaa waggaa 150 dura diriiree ture ittuma fufe waan ta'eef rakkoon Oromootis hammaachatuma itti fufe! Hanga Sirni hin jijjiiramnetti namoonni/gareen jijjiirameedhaaf wanti haaraan hin jiraatu; Sirni badaan nama gaariis inuma diina taasisa. kana immoo umuriidhuma keenya tanattuu nama hedduu nu biraa diinomsee argineerra! Maaf irraa hin barannu ree?!
Akeekni Qabsoo Oromoo Sirna Habashaatin MOOTUMMAA ta'uu miti; Abbaa biyyummaa deeffachuun hiree ofii ofiin murteeffachuudha (biyyaa fi Sirna keenyaa deebisnee ijaarrachuudha!)
Daandiin Dharaa Dhugaa bira nama hin geessitu!
"Lakkii maaloo nu tuffachiisaa
foon abbaakoo hin ta'u dhiisaa;" Art. Keekiyaa
Taliila Bulbulaa
Click here to claim your Sponsored Listing.
Category
Contact the establishment
Telephone
Website
Address
Oromia
Awash
25/07/2023
03/08/2022