Seba Boru Communication Office

Seba Boru Communication Office

Share

Photos from Seba Boru Communication Office's post 15/01/2025

07/2017
Darmee
&&&&&&&&&&&&

Aanaa Sabbaa Boruutti Leenjifamtoota Sadarkaa Aanaatti Leenjii Loltummaa Fudhachaa Jiranuuf Leenjiin Hidhannoo Siyaasaas Mati- Duree "Ijaarsa Biyyaa, Qabsoo Oromoo Fi Jijjiirama Biyyaalessaa" Jedhuun Kennamaafii Jira.
&&&&&&&&&&&&&&&&&&&&&&&&&&&&&&&&&&&&&

Leenjii kana Kan Kennaa jiran, Itti Gaafatamaa Siyaasa Paartii Badhaadhinaa Damee Aanichaa Obboo yoo ta'an, Biyya tanaaf Hidhannoo Woraanaa qofa adoo hin taane, Hidhannoon Murteessaa Fi isa olaanaadhaa jedhan.

Dhibaayyuun itti dabaluudhaan, dhaloonni hardhaa Kun maalummaa , Guddummaan , Sabboonummaanii fi Duudhaan maal akka ta'e Gadi fageenyaan hubatee Birmadummaa Biyya isaa eeguu Fi kabachiisuu akka qabus leenjii Kanaan hubachiisaniiru.

Photos from Seba Boru Communication Office's post 24/12/2024

Muddee 15/2017
Darmee
Kabajaa Didanii Uummata Saamuun Aad-Maleedha!.
%%%%%%%%%%%%%%%%

Gujii Aanaa Sabbaa Boruu Ganda Horsiisee Bulaa Loollottuutti Miseensi WBO Nami Tokko Yaamicha Abbootii Gadaa fi Haadholii Siinqee Didatee Uummata , Doorsisaa Adoo Jiruu Eeruu uummati Kenne Faana Bu'uu dhaan Qindoomina Milishoota Ganda Loollottu Magaalaa fi Loollottu Baaddiyaatiin Too'annoo Jala Oolee Jira.

Maqaan Dhalootaa Adoolaa Kaasahuun Taaffasaa, ( Kan shiftummaa=Raasaa), Dhalataa Godina Gujii Lixaa Aanaa Malkaa Sooddaa,Cifraa Laga Danbiiti.

Abbootii fi Haadholii Didachuun Salphinna!!!!.

Photos from Seba Boru Communication Office's post 19/12/2024

/2017

================
Abbootii Fi Haadholii Dhaga'uun !!
===================
Aanaa Sabbaa Boruutti Miseensonni ABO Yaamicha Abbootii Gadaa Fi Mootummaa Fudhachuudhaan Hidhannoo Guutuu Woliin Harka Kennatan.
===================
1ffaan Maqaan Dhalootaa =Maammadi Neenqoo Sabbaa(Maqaan Qabsoo Imaltuu Daandii Haqaa),
Turte =Woggaa 4, Cifraa Laga Danbii Haqaa, Angoo Abbaa salgiiti, Dhalataa Ganda Haroo Garrii, Haala Hidhannoo= kilaashii 1,Rasaasa 20,Kaartaa 3, Woliin Ganda Horsiisee Bulaa Dhagaa Ilaalchaatti harka Kennatee Jira.

2ffaan; Maqaan Dhalootaa =Abiraam Goobana Waaqoo, (Maqaan Qabsoo Falmataa Sabbaa), Gandi Dhalootaa Ganda Horsiisee Bulaa Lookoo Hurbuuqessaa,Turtii Woggaa 3, Angoo Gargaaraa Bireenaa, Haala Hidhannoo= Kilaashii 1, Rasaasa 14, Kaartaa 1, Woliin Ganda Lookoo Hurbuuqessaatti harka kan Kennatan yommuu ta'an Uummanni Bifa Jaalalaatiin Bayee Simannaa taasisee Jira.
Biyya keennaaf,Boqonnaan Sammuu Haadha Oromootiif !!!!!!

Photos from Seba Boru Communication Office's post 09/12/2024

/2017

"Y O O Y Y AA!!!!!!!!!!
++++++++++++++++

Nagaa Addunyaa_Muummichi_Ministeera Itiyoophiyaa . Godina Oddoo Shaakkisoo Galan.
+++++++++++++++++++++++

Muummichi Ministeera Itiyoophiyaa Dr. Godina Woyta Galanitti Simannaan Hoo'aan Taasifamee Jira.

Photos from Seba Boru Communication Office's post 05/12/2024

/2017

*********************
, Waajjirri Barnoota Aanichaa Sirna Madaqiinsa Barnootaa Irratti Dura Bu'oota Mana Barumsa Bu'uura Boruu Fi Barsiisotaaf Leenjii Hubannoo Cimsuu Kenne.
********************************
Barreeffama Leenjii kanaaf ka'umsa ta'u kan dhikeessan Qindeessaa Garee Sagantaa Barnoota Bu'uura Boruu Barsiisaa Geetachew Kunee yommuu ta'an,

Leenjicha Haasawaan kan Eegalchiisan I/G Waajjira Barnoota Aanichaa Akka jedhanitti Leenjiin Kun sirna Barnootaa Moofaa irraa gara sirna Barnootaa Haaraatti madaquu fi ga'umsa Barsiisotaa Cimsuu keessatti gaheen Inni qabu Olaanaa waan ta'eef leenjifamtoonni leenjii kana fudhachaa jiran Kun xiyyeeffannaa itti kennanii hordofuu akka qaban hubachiisaniiru.

Want your public figure to be the top-listed Public Figure in Alga?
Click here to claim your Sponsored Listing.

Category

Website

Address


Alga