Memory
05/11/2020
Believe it
My of my is my hero called my mom
25/01/2019
OF EEGANNOOF
KINTAAROOTII/HEMORRHOIDS
=============
Kintaarootiin maali? Akkamiin namatii dhufa? Falli Isaa hoo maali?
** Kintaarootiin rakkoo fayyaa yogguu hiddootni dhiigaa munnee/hudduu (re**um) keessatti argaman dhita'an fi mada'aan nutti dhufuudha.
** Dhita'uu fi mada'uu hiddoota dhiigaa munnee keessatti argaman kan kintaarootii nutti fiduuf wantoota sababa ta'an:
1. Dhiiga qaamota gara gadiitii gara onneetti kan geessu hiddi dhiigaa guddichi 'portal vien' inni jedhamu yoo uggurame ' portal hypertension' fiduun hiddootni dhiigaa munnee keessatti argaman gara itti deeman dhabuun achumatti guduunfamuun hafu. Kun ammoo yeroo baay'ee namoota dhukkuba tiruu qaban irratti mulla'ata.
2. Umriin dabaluu- kintaarootiin yeroo baay'ee nama umriin dabale irratti mulla'ata. umriin akkuma dabaluu maashaaleen silaa hiddoota dhiigaa munnee keessatti argaman jabeessuuf oolan hanqachaatii deemu. Kun ammoo hiddootni dhiigaa kunneen yoo boolofnu salphumati gad dhiibamanii akka dhita'anii fi mada'an isaan taasisa.
3.Gogiinsa garaa- boolii goge basuuf yogguu ittannu hidootni dhiigaa munnee keessatti argaman ni cunqurfamu.
4. Furdina garmalee -dhiibaa garaa keessatti dabaluun hiddoota dhiigaa munnee keessatti argamanirratti dhiibaa geessisa.
5. Yeroo ulfaa - haaluma furdinni garmalee fiduun.
6. Infeekshiniin munnee deddeebi'ee yoo nama qabe. Kun kintaarotii fiduu keessatti ga'eensaa xiqqaadha.
**Mallattoolee
# Dhiigaa munneedhaan bahu.
- Yoo nama dhiigu dhukkubbii hin qabu, dhiiguu keenya kan agarru tasa iddoo teessuma mana fincaanii ykn waraqaa( sooftii) ittiin qulquulloofane irratti ta'uu danda'a. Dhukkubii qaba tanaan rakkoo walxaxaa nutti fidaa jirachuu agarsiisa. Kanaaf battalatti m/yaalaa deemuu barbaachisa.
# Dhiitaa xiqqoo munnee keessatti namatti dhagahamuu. Yoo waraqaadhan qulqulleeffatan harkarratti kan namatti beeksisu. Dhiitaan kun kan ofii isaatiin ykn harkaan dhiibuun ol deebi'u ykn gonkuuma kan ol hin deebine ta'uu danda'a. Kun ammoo sadarkaa dhukkubichi irra Gahe mulli'isa
# Miirri nama nyaatu ykn hooqsisu hudduu keessa namatti dhagahmu.
** Falli maali ?
Rakkinichi sadarkaa ol-aanaa irra kan hin geenye( kan reefu nurratti mulla'ate) yoo ta'e haalli manatti of yaaluu dandeenyu jira:
* Bishaan ho'aadhaan naannoo sana(hudduu) dhiqachuu Ykn cabbii hucuu haphii fi qulqulluu ta'een maruun jabeessanii irratti qabuun daqiiqaa muraasa turuu.
* hudduu haxa'achuuf /qulqulleefachuuf waraqaa lallaafaa ykn bishaan fayyadamuu
* Jirbii cuunfaa loomiitin jiisuun irratti daqiiqaa muraasaaf qabu.
* Booliin yoo haalan nu qabe qofa boola'uu. Yoo boolofnus m/fincaanii irratti haala taa'umsa Keenyaa mijeeffachuun booliin haala salphaan osoo hin ittannee akka bahu gochuu.
* Nyaata sirreeffachuu. Nyaata faayibariidhan badhaadhaan baay'inaan soorachuu: Raafuu, dinnicha, qamadii,garbuu,talbaa, baqelaa/atara, ocholonii, burtukaana/loomii,avokaadoo fi muuzii fa'a soorachuu.
* Booliin bahuu yoo rakkise 'stool softeners' kan jedhaman kan bifa 'cream' qopha'an bitachuun fayyadamuu. Kana hirriba duraa fi yogguu boolofnu fayyadamuu qabna.
* Haala armaan oliin yoo sin dhiisuu baate ykn sadarkaa ol aanu irra gahe yoo ta'e m/yaala deemuu. yaala baqaqsanii hodhuu( surgery) argachuun ni danda'ama. Yaaliin baqaqsanii hodhuu garuu rakkoon inni nutti fidu waan jiruuf filannoo dhumaa keessan osoo gootaniin isin gorsa.
GALATOOMAA!! FAYYAA FI NAGAA HIN DHABINAA!!!
Dr. Yona.
Click here to claim your Sponsored Listing.
Category
Telephone
Website
Address
Addis Ababa