Oromo-Space
We aim to inspire pride in our language, values, and identity through shared knowledge. It’s a space to celebrate and preserve our heritage for generations.
22/04/2026
Kitaaba Obboo Dhugaasaa Bakakkoo
===================≠================
Yaada Gabaabaa: Afendi Muteki
====≠======================
Dhaaba ABO (OLF) keessatti sadarkaa qabsaawaa qeenxee (single fighter) irraa kaasee Miseensa Waajjira Siyaasaa (Politburo member), bara 1992 keessa Hogganaa ABO Godina Bahaa, Bara 1994-1999 Hogganaa ABO godina kibbaa, bara 2000 G.C. booda miseensa Gumii Shanee ABO tahanii kan hojjatan Obboo Dhugaasaa Bakakkoo bara 2023 G.C. keessa kitaaba bu'aa-bahii qabsoo Oromoo fi Sochii ABO (OLF) irratti xiyyeeffate tokko maxxansanii jiran. Kitaabicha kana lammii Norwey kan tahan Professor Terje Østebø Fululbana 13-16 /2024 magaalaa Galamasoo hoggaa turan naaf kennanii jiran. Anilleen eegan dubbise booda yaada gabaabaa kana irratti barreesseetin jira.
-----
Kitaabichi kuni waan haarawa heedduu qaba. Dhaaba ABO ilaalchisee waan ifa nuuf nuuf hintahin baayyee ifa godhee jira. Keessaafuu jagnootaa fi qabsaa'ota Oromoo hedduu kan namni zabanaa irraanfachaa jiruuf beekkoomtii kennee maqaa isaanii fi hojii isaanii duubbatee jira.
Jaal Dhugaasaan gandootaa fi burqaalee gara-garaa kan ABOn keessa sosso'aa ture osoo hin irraanfatin waggaa heedduu boodaa takka takkatti yaadachuun isaanii akka malee nama dinqa. Taateewwanii fi gochaawwan gara garaatis osoo hin irraanfatin barreessuun isaanii nama ajaa'ibsiisa.
Kana malee Jaal Dhugaasaan dhugaa barressitootni gara-garaa dabsanii barreessan bifa haqaatiin barressuun isaanii nama gammachiisa. Fkn Elemoo Qilxuu, Ahmad-Taqii Sheekaa (Hundee), Bakar Yusuf, Colonel Mahdi Muhammad bara 1974 jalqaba irratti hoggaa qabsoo hidhannoo jalqaban dhaabni ABO/OLF/ jedhamu hin hundeeffamne. Dhaabni Eleemoo Qilxuu labsee qabsoo hidhannoo itti jalqabsiise "OOPLF" (Organization for Oromo People's Liberation Struggle) jechuun beekkama. Barreessitootni heeddhuun garuu dhugaa kana awwaalanii "Elemoo fi Hundeen Kan Qabsoo hidhannoo itti jalqaban dhaaba ABOti" jedhanii barreessaa turan.
Jaal Dhugaasaan ammoo dhugaa osoo hin awwaalin "Dhaabni Oromo Elemoo, Hundee fi kanneen biroo bara 1973/1974 daggala seenanii qabsoo itti jalqaban OOPLS jedhama. Isaatu booda ABO dhale" jechuun bareessanii jiran. Seenaan dhugaa isa kana. Kana dura hayyuun dhugaa kana ifatti barreesse Doctor Nagaasoo Gidaadaa qofa ture (Kitaabni Gadaa Melbaa dhaabni OOPLS jedhamu akka ture kaasee hundeeffamni isaa garuu du'a Elemoo fi Hundee boodaa akka tahe dubbata. Kuni dogoggora guddaadha).
------
Haa tahu malee kitaabni kun wantoota ciccimoo bara 2000 G.C. dura uumamanii fi kan nuti beekuu barabaadnu tokko tokko osoo hin dubbatin bira dabra. Fkn ABOn waraana isaa kaampii akka naqu akkamitti akka murtaawee fi kana keessatti shoora humnootni adda-addaa taphatan maal akka ture bal'isanii hinbarreessine. Wantoota gaafatamummaa fi ajaja Jaal Dhugaasaatin hojjataman jedhamanii dubbatamaa jiran tokko-tokko (fkn "IBSOn Oromiyaa keessatti akka hin dagaagne adamsanii balleessuu, namoota IBSO waliin hidhata qaban jedhamanii shakkaman dhabamsiisuu", IFLO bakka jiru hundatti itti boobba'uu, etc) osoo hin dubbatin bira dabra.
Akkasuma wajjiin Jaal Dhugaasaan hoggaa tokko-tokko odeeffannoo nuti haga ammaa dhagayaa fi odeessaa itti guddanne dhiisani odeeffannoo harawa barreesanii jiran. Fkn Nuti haga ar'aa akka beeynutti shamarreen yeroo jalqabaatiif WBOtti ida'amte " Saartuu Yuusuuf" jedhamti. (Nuuhoo Goobanaa sababaa ishiin shamarree jalqaba WBOtti ida'amte taateef jecha sirba baasee ishii faarse). Jaal Dhugaasaan garuu Shamarreen jalqaba WBOtti makamte "Qananii Muhammad" jedhamti" seenaa jedhu barreessanii jiran. Nuti akka beeynutti Jaal Raggaatuu Roobaa ABO keessatti "Haadha Buttaa" (Platoon Commander) turte. Jaal Dhugaasaan garuu "Haadha Cibbiraa taatee turte" jedhanii barreessan.
Bara Dargii keessa iddoon WBOn bara dheeraaf itti qabsaawaa ture Konyaa Habroo, Oborraa fi Gaara-Mul'ataa akka tahe nibeekkama..Jaal Dhugaasaan kitaaba isaanii keessatti Habroo fi Gaara-Mul'ataa itti dhiisaanii Arbaa Guuguu fi Asaboot bakka gudaa kennaniifii jiru. (Haabroo fi Arba Guuguun waan ollaa turaniif tokko isaanitti fakkaachuu mala. Arba Guuguu keessa sochii cimaan kan gad-geeffamme Ona Gulolchaatii. Aanaaleen kana irraa hafan diinaaf kan saaxilamanii fi qubattootaa waraana Minilik kan Shawaa Kaabaa irraa dhufan heedduun kan keessa jiraatan waan taheef sochii godhuuf akka Haabrootti mijjaa hinqaban)
-----
Eegan kana dubbadhe booda Jaal Dhugaasaa Bakakkoo yeroo isaanii fudhaatnii kitabaa seenaa kana barreessuu isaaniitiif galatoomfachuun barbaada. Kitaabichi dadhabina tokko tokko qabaatullee seenaa qabasoo Oromoo barachuu fi qorachuudhaaf haalaan barbachisaadha. Namootni Hogganootaa fi Qondaaltoota ABO, IBSO, IFLO, ATBO, OALF, OPDO, ONC, KFO turan kan birootis kitaabota walfakkaataa barreessanii dhaloota ammaa kana seenaa Qabsoo ummata Oromoo sirritti akka barsiisan waamicha isaaniif goona.
------
Afandii Muttaqii ( Afendi Mutaqi)
Galamso, Carcar, Harargee
Birraa 8/2017
Click here to claim your Sponsored Listing.
Category
Contact the business
Telephone
Website
Address
Labu
Addis Ababa