Mooyataa Tech
27/03/2026
Daataa Rooming (Data Roaming) maali?
Daataa rooming jechuun yeroo ati naannoo tajaajila moobaayilaa kee (fakkeenyaaf, Ethio telecom ykn Safaricom Ethiopia irraa ala jirtu, biyyoota ykn naannolee biroo keessatti fayyadamuun networkii isaanii irraa interneetii argachuu jechuudha.
Faayidaa Ijoo isaa
=>>Otoo Interneetii addaan hin Citiin fayyadamuu
Yeroo biyya biraa deemtu SIMI kee osoo hin jijjiiriin, WhatsApp, Telegram, Email fi social media fayyadamuu dandeessa.
=>>Salphaadha
Biyya haaraa keessatti SIMII barbaaduu ykn hiriira keessa dhaabbachuu hin barbaachisu. Bilbilli kee banuun battaluma network waliin wal qabata.
=>>Yeroo hatattamaa keessatti gargaarsa Argachuu
Fkn, Google Maps fayyadamuun bakka hin beekne keessatti karaa argachuu ykn appii baankii fayyadamuuf si gargaara.
=>>Lakkoofsa tokko qofa fayyadamuu:
Ergaan mirkaneessaa (OTP) fi ergaawwan barbaachisoo gara lakkoofsa kee duraanii ni dhufu.
Wantoota hubachuun barbaachisu
=>>Baasiin isaa ol’aanaa dha:
Baasiin roaming yeroo baay’ee qaala’aa dha. Yoo package hin qabne ta’e, kaffaltiin guddaan si mudachuu danda’a.
Paakeejii roaming:
=>>Dhaabbileen Ethio telecom paakeejii gatii hir’isu ni kennu. Imala dura bitachuun ni gorfama.
=>>Yeroo Data Roaming Fayyadamnu Baatiiriin Saffisaan Hir'ata:
Bilbilli kee network haaraa barbaaduuf yaalaa waan ta’eef, baatiriin saffisaan hir’achuu danda’a.
Akkamitti fayyadamuu dandeessa?
Settings bilbila kee keessa seeni
“Mobile Data” ykn “Cellular” filadhu
“Data Roaming” ON godhi
=>>Yoo hin barbaachifne immoo, baasii Biraatiif akka hin Saxilamneef OFF gochuun gaariidha.
Galatooma
2026
14/10/2025
Annisaan Niyuukularii Maalinnii?
(What is Nuclear Energy?)
Annisaan Aduu Ifa Addunyaadhaaf Laattuu irraa kaasee hanga Annisaa Guyyaa Guyyatti Ibsaadhaaf, Nyaata Bilcheessuuf, Konkolaataa fi Warshaalee sochoosuuf Fayyadamnuu Madda Gara Garaa qaba.
Isaanis Soolaarii(Humna Aduu), Humna Qilleensaa(Wind Turbine), Baayoogaazii, Gaazii fi Annisaa Karaa Bishaanii Madduudha.
Gama Annisaa Niyuukularii Yommuu Deebinu Annisaa Aatomii Uranium-235 jedhamu Fayyadamuudhan Adeemsa Nuclear Reaction Jedhamuun kan Madduudha.
Adeemsi inni Guddaan Fission isa Jedhamu Yommuu ta'uu Aatomii Uranium gara Xixiqqootti Caccabsuun Annisaa kan Maddisiisuudha.
Annisaan Kunis Meeshaa Nuclear Reactor Jedhamu keessatti Karaa of Eeggannoo fi Eegumsa olaanaa qabuun Uranium Akka Galteetti fayyadamuudhaan kan Maddisiifamuudha.
Annisaan Niyuukularii Galtee xiqqoo fayyadamuudhaan ibsaa manneen miiliyoonotaa ibsu dhiheessuu ni danda'a.
Annisaan Niyuukularii Faalama Qilleensaa kan hin fidneedha(zero carbon emissions) , Fayyaa, Qo'aannoo fi Qorannoo Hawaa irrattis bu'aa guddaa qaba.
Miidhaa Annisaa Niyuukularii Fayyadamuu.
1. Yoo of Eeggannoo Guddaan hin taasifamne gara Naannootti Radioactive Material gad dhiisuudhaan Lubbuu Namaatiif lubbuu qabeeyyii galaafachuu ni danda'a fknf Balaa Chernobyl fi Fukushima Fudhachuu ni dandeenya.
2. Hafteen ykn Balfi Radioactive nama irraa fagaatee yoo seeraan hin gatamne Miidhaa guddaa geesisuu danda'a.
3. Annisaa Niyuukularii fayyadamuun Baasii guddaa fi yeroo dheeraa kan gaafatuudha. Kunis diinagdee biyyaa hanga xumuramutti duubatti harkisuu danda'a.
4. Waraanaaf kan fayyadamnu yoo ta'e lubbuu dhala namaa lafarraa balleessuu danda'a. fkns Waraanaa Addunyaa 2ffaa irratti Ameerikaan biyya Jaappaan eddoo Hiirooshimaa fi Nagaasaakii irratti kuffifteen guutumatti lubbuu namaa balleessuun taatee yeroo dhihooti.
Kanarraa ka'uudhaan biyyootiin addunyaa Karaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniitiin Seerri itti fayyadama Waraanaaf Dhoorku bahee jira.
Click here to claim your Sponsored Listing.
Website
Address
Bole
Addis Ababa
1000