ARSII TUBE

ARSII TUBE

Share

Photos from ARSII TUBE's post 11/06/2026

Dilbata dhufu (Waxabajjii 7/2018) dorgommii Fiigicha Guddaa Itoophiyaa Magaalaa Boqqojjiitti gaggeeffamu ilaalchisee mariin qindoominaa bal’aan adeemsifameera.
​Marii kanarratti hoggantoonni olaanoo Godina Arsii fi Magaalaa Boqqojjii, dabalatee koreen qindeessituu fi ogeessonni WDI argamuun qophii xumuraa irratti mari’ataniiru. Sagantaa kana irratti keessummoonni olaanoon Federaalaa, Naannoo fi Godinaa ni argamu jedhamee eegama.

Photos from ARSII TUBE's post 11/06/2026

Jalqabsiisni qonna lafa Buusaa Gonofaa Godina Arsii, Aanaa Loodee Heexosaa, Ganda Malkaa Jabbiitti eegalamee jira!
Inisheetiviin kun, duudhaa fi aadaa wal-gargaarsa uummata keenyaa si'ayyeessuudhaan, hawaasa hirkattummaa jalaa bahee of danda'e uumuuf furtuu badhaadhina keenyaati. Paartii Badhaadhinaa keessatti, kaayyoon keenya inni guddaan humna jiru hundatti fayyadamnee lammii hirkattummaa jalaa bahe uumuu dha.
Hirkattummaa seenaa goonee, oomishtummaa fi badhaadhina keenya harka keenyaan ni mirkaneessina!

11/06/2026

Kongirasiin Federaalawaa Oromoo (KFO) ibsa dhiheenya kana baaseen Filannoo Biyyaalessaa 7ffaa milkaa'ina guddaadhaan kan xumurame xureessuuf yaaleera. Ibsi kun dhugaa lafa jiru kan haguuge, akkasumas karaa siyaasaa paartichaa fi filannoodhaan uummata biratti fudhatama dhabuu isaa dhoksuuf yaalii taasifamedha.
‎​Uummanni Itoophiyaa bilisummaa fi fedhii isaatiin sagalee isaa kennee osoo jiruu, KFO'n adeemsa kanaan faallessuun dubbachuun isaa fudhatama hin qabu.
‎KFO'n filannicha "fakkeessaa" jechuun maqa-balleessii sobaa uumuuf yaalus, Filannoon Biyyaalessaa 7ffaan sagalee uummataa dhugaa kan calaqqisedha.
‎Mootummaan haala amansiisaa ta'een naannoolee hundatti tasgabbii uumuun, lammiilee miiliyoonaan lakkaa'amaniif mirga sagalee kennuufi filachuu isaanii kabachiiseera.
‎Gabaasni garee taajjabdoota Gamtaa Afrikaa (AU) fi IGAD ifatti akka mirkaneessetti, filannichi haala nagaa, iftoomina fi dimokiraatawaa ta'een raawwateera. Yaadni KFO ogeessota idil-addunyaa "tuurizimii guyyaa filannoo" jechuun abaaru, gabaasa ragaa irratti hundaa'e lagachuu fi mo'amuu isa dhoksuuf qofa.
‎Gamtaan Awurooppaa adeemsa filannichaa jajjabeessuun isaa, Itoophiyaan karaa ce'umsa dimokiraasii dhugaa irra jirtu agarsiisa malee sossobbaa dippilomaasii miti.
‎KFO'n seera kabajuuf qofa kaadhimamtoota muraasa dhiheessuu isaa akka sababaatti dhiheessa. Garuu dhugaan jiru kana miti:
‎KFO'n filannoo kessatti uummata biratti fudhatama akka hin qabne fi akka mo'amu dursee waan hubateef, hirmaannaa isaa daangessee kaadhimamtoota muraasa qofa dhiheesse. Paartileen dimokiraasii dhugaa amanan dorgommii keessaa of baasanii hin waywaatan; uummata bira deemanii sagalee kadhatu malee.
‎Karaa qabsoo nagaa jedhanii uummata gara dhama'iinsaatti oofuun, filannoo nagaa biyyattiin taasiste keessatti hirmaachuu dhiisuun deemsa seeraa fi seenaa dura dhaabbachuudha.

‎Filannoon Biyyaalessaa 7ffaan fedhii fi murtee seena-qabeessa uummata Itoophiyaa kan calaqqisedha. Ibsi KFO yaada filannoo fudhachuu dhabuu fi karaa siyaasaa paartichaa malee dhugaa lafa irra jiru kan bakka bu'u miti. Paartiin Badhaadhinaa ammas irra deebi'ee fedhiifi filannoo uummataa kabajuun, Itoophiyaa badhaate fi nagaa qabdu ijaaruuf kutannoodhaan ni hojjata!
ARSII TUBE

Want your public figure to be the top-listed Public Figure in Addis Ababa?
Click here to claim your Sponsored Listing.

Category

Address


Addis Ababa