YONAS KENEA
25/05/2026
pastor Malish🥰
BARNOOTA OG_WAAQUMMAA!
Yeroo baay'ee, barnoota Ti'ooloojii gaafa jedhamu wanti sammuu Amantoota baay'ee keessa dhufu, waanuma tajaajiltoonnii fi Geggeessitoonni qofti baratan se'u. Ti'ooloojiin garuu, dheebuu Waaqayyoon beekuuf qabaniifi, daandii dhugaa dubbii sagalee Waaqayyoo barachuufi hubachuu dheebuu jaalaala dhugaa Abbaa ofiitti (yesuusitti) maxxanuu hanga tokko namaaf baasufi ibsuudha!
Ti'oolojiin jecha afaan Greek lamarraa kan moggaafame yommuu ta'u "Theos" Waaqayyo "Logy" qorachuudha. Ykn Waa'ee Waaqayyoo barachuu jechuudha!
Ti'ooloojiin gosoota garaagaraatu jiru isaan keessaa Muraasni:
●Ti'ooloojii Hiikkaa Macaafa Qulqulluu (Exegesis)
Inni kun, Hiikkaawwan caqasoota Kakuu Moofaa fi Kakuu Haaraa gaafa qorannu, Dubbii fi ergaan Waaqayyo dabarse fudhattootaaf ergaan sirrii isaa maal ture kan jedhu qorata.
●Ti'ooloojii Adeemsa ibsa Macaafa Qulqullaawaa. ( Biblical Theology)
Inni kun immoo, Yaadni Waaqayyoo hiikkaa irraa erga argameen booda, Waaqayyo baroota irraa gara barootaatti maal maala karoorsaa fi raawwachaa dhufe kan jedhu hundasaa qorata.
●Ti'ooloojii Seenaa ( Historical Theology)
Tokkoffaa irratti, seenaa Yihuudotaa, 2ffaa irratti seenaa Waldaa Kiristaanaa qorata.
●Ti'ooloojii Walii galaa. ( Sytematic or Dogmatic Theology)
Inni kun immoo, akkuma maqaa isaa... Wantota walii galaa mata duree amantaa kamirraa ka'aniif qoratee deebii Macaafa Qulqullaawaa kan kennudha.
●Ti'ooloojii ittisa amantii Kiristaanummaa ( Apologetics)
Inni kun, Waldaa kiristiyaanaatiif lafee dugdaati. Shakkiiwwan ammayyummaa isa Kiristaanummaa busheessuu fi dogoggorsitoota ergamoota seexanaa ta'an soba isaanii saaxiluun Wangeelaaan Wangeelarraa isaan faccisuudha/ittisuudha!
●Ti'ooloojii Naamusaa Kiristaanummaa ( Christian Ethics)
Jireenyi amanaa inni sirriin naamusa kiristaanummaa akkamii irra dhaabbata?, haala akkamiin immoo barsiisa Wangeelaa isa sirrii adeemsisuun danda'ama ? Kan jedhurratti xiyyeeffata.
●Ti'oolojii Ergama Kiristaanummaa ( Missiology)
As keessatti, Tokkoon tokkoon kiristaanotaa hundi ergamni Waaqayyo isaan ergeef akkamiin ba'achaa turanii fi akkamiin ba'atu kan jedhudha.
●Ti'ooloojii Sirnaa ( Liturgy)
Inni kunimmoo, Akkaataan ittiin kiristaanonni Waaqayyoon jajatanii fi Waaqeffatan "Dhugaadhaa fi Hafuuraan" waan ta'uu qabuuf, waa'ee naamuusa ykn sirna Waaqeffannaa qorata.
● Ti'ooloojii jireenya dhuunfaa ( Spiritual Theology)
Tokkoon tokkoon amanaa akkamiin jireenya qulqullummaa fi qajeeltootti jiraachuu qaba kan jedhurratti xiyyeeffata.
●Ti'ooloojii Raawwii/gochaa) ( Practical Theology)
Tokkoon tokkoon amanaa, waamicha, tajaajila, hojii, muudamaa, itti gaafatamummaa fi kanneen biroo bara jireenyasaatti hojjetee darbutti akkamiin raawwatee darbuu akka qabu qorata!
Dhugaa dubbii waaqayyoo isa jiraataatti qabamanii jiraachun galgala toluudha!
Eebbifamtanittu!
23/05/2026
Iji Waaqayyoo gara warra qajeelotaa in ilaala,
gurri isaas gara iyya isaanii in dhaggeeffata.
Far 34:15
18/05/2026
Maalan himadha ani kan biraa
Dhugaan dubbadha tolakeefan jira
Faarfataa Ifa Waaqayyo si haa eebbisu!
Click here to claim your Sponsored Listing.
Category
Contact the public figure
Telephone
Address
Yonikenaf@gmail. Com
Addis Ababa
1000