Haqaa Saba

Haqaa Saba

Share

13/04/2024

Muddama Itoophiyaa fi Somaaliyaa tasgabbeessuuf Keeniyaan wixinee waliigaltee fayyadama handaara galanaa dhiyeessite

ODM: Eebla 12,2024

Erga yeroo dhiyoo asii muddama Itoophiyaa fi Somaaliyaa gidduu uumame tasgabbeessuuf Keeniyaan yaada waliigaltee fayyadama handaara galaanaa dhiyeessuu qondaalli olaanoo biyyatti Kamisa kaleessaa Rooyitarsitti himan.

Itoophiyaan ulaa galaanaa buufata waraanaa dabalatee akka fayyadamtuuf Somaaliilaand wajjin waliigaluun Somaaliyaa wajjin muddama keessa galcheera.

Waliigalteen Keeniyaan dhiyeessaa jirtu kuni Jibuutii waliin marii taasisuun kan raawwatamaa jirudha. IGAD ammoo biyyooti ulaa galaanaa hin qabne, buufataalee galaanaa akkamiin daldalaaf fayyadamuu danda'u dhimma jedhu akka qajeelchu barreessaan olaanaa haajaa alaa Keeniyaa Kooriir Singoyi Rooyitarsitti himaniiru. “Somaaliyaa fi Itoophiyaan furmaata dhiyaate kana itti yaadaa jiru,” jedhan.

Yoo yaadni Keeniyaa kuni fudhamata argateef, ''Itoophiyaa qabeenya galaanaa haala tasgabbaa'aafi mirkana qabuun akka fayyadamtuuf, '' furamaata kenna. Kanas bilisummaa daangaa Somaaliyaatti otoo hin bu'iin akka raawwattu dandeessisa jedhameera.

06/02/2024

Yaa baraa

Want your school to be the top-listed School/college in Addis Ababa?
Click here to claim your Sponsored Listing.

Website

Address


Addis Ababa