Xuwwee
15/06/2024
Hordoftootni Amantaa Musliimaa biyya keessaafi ala jiraattan marti baga ayyaana Iid Al-Adahaa/Arafaa waggaa 1445ffaa nagaan geessan!
Guyyaan kun guyyaa nu warra du’aa’iin teenya rabbi biratti qeebalamtu, niyyaan teenya guuttu, tokkummaan, wal kabajaa, wajji jireenyi amantootaa fi sabootaa itti iftu, imalli misoomaa keenya itti nuuf milkaawu akka nuuf ta'u hawwa.
IID-MUBAARIK!
07/06/2024
MUUDAMA ...
Ramaddii Koree Qindeessituu Aanaalee bakkeewwan muraasatti gaggeeffameen
Aanaa Booraa
1. Obbo Mohaammad Abdoo=Bulchaa Aanaa Booraa
2. Obbo Araarsaa Shumii =Itti Aanaa Bulchaa Aanaa Booraa
Aanaa Dugdaa
1.Obbo Alamuu Nagawoo =I/G Waajjira Paartii Badhaadhinaa Aanaa Dugdaa
2.Beenyaa Guddataa = Itti Aanaa Bulchaa Aanaa Dugdaa
Magaalaa Maqii
1.Obbo Kamaal Qurcaa = Itti Gaafatamaa Damee Siyaasaa Paartii Badhaadhinaa Magaalaa Maqii
ta'uun muudamanii jiru.
Bara Hojii Gaarii!
17/05/2024
Hojiitu Hiyyummaa Seenaa Taasisa!
Diinni keenya inni jalqabaa fi xumuraa hiyyummaadha. Yoo jabaannee hojjenne immoo seenaa taasisuu ni dandeenya.
Click here to claim your Sponsored Listing.
Category
Website
Address
Addis Ababa