Odaa Jilaa

Odaa Jilaa

Share

11/04/2026

Tajaajilli Elektiriika Itoophiyaa karoora babal’ina buufataalee konkolaataawwan elektiriikaa anniisaa itti haaromfatan ifoomse

Finfinnee, Eebla 11, 2026: Tajaajilli Elektiriika Itoophiyaa (EEU), tattaaffii mootummaan sochiilee geejjiba konkolaatawwan elektiriikaa (EV) ariifachiisuu fi hirkattummaa boba’aa irratti qabu hir’isuuf taasisun, ijaarsa buufataalee konkolaataawwan elektiriikaa anniisaa itti haaromfatan kan guutuu biyyaattii ifoomse jira.

Hoogganaan Kominikeeshinii Tajaajilli Elektiriika Itoophiyaa, Anwaar Abraar, dhaabbata tajaajila oduu Xinhua'f akka himanitti, dhaabbanni isaanii tajaajila giddugala anniisaa itti haaromfatan kan konkolaatawwan elektiriikaa guutuu biyyaatti babal’isuuf karoora tarsiimoo marsaa lama qabu hojiitti hiikaa jira. Marsaan jalqabaa magaalaa Finfinnee fi magaalota naannawa isheetti argaman keessatti jalqabameera.

Akka Obbo Anwaar jedhanitti, dhaababtichi torban darbe keessa Finfinnee keessatti buufataalee konkolaataawwan anniisaa elektiriikaa itti haaromfatan sadii kan eebbise yoo ta’u, dhiyoottis buufataaleen dabalataa sadii hojii ni jalqabu jedhamee eegama. Marsaan jalqabaa kun baatiiwwan dhufan keessatti buufataalee konkolaattonni anniisaa itti aaromfatan 40 ijaaruu kan hammatu yoo ta’u, isaan keessaa 32 Finfinnee keessatti, 8 immoo magaalota naannawa isheetti argaman keessatti ijaarama.

Babal’inni kun kan taasifame erga konkolaattonni elektiriikaa biyya keessa galuun isaanii dabalee booda fedhiin buufataalee boba’aa waan dabaleef. Akka tilmaama Ministeera Geejjibaa fi Loojistiikiitti, Finfinnee keessa qofaatti konkolaattonni elektiriikaa 140,000 ol hojii irratti kan argaman yoo ta’u, fedhii jiru guutuuf buufataalee boba’aa gara 1,176 ta’an ni barbaachisu jedhamee jira.

Qondaaltonni Tajaajilli Elektiriika Itoophiyaa akka jedhanitti, gidduu-seentummaan tajaajilichaa dhiyeessii anniisaa amansiisaa ta’e mirkaneessuu fi yeroo konkolaattonni elektiriikaa baay’achaa deemanitti addaan citinsa tajaajilaa hir’isuuf kan kaayyeffate

Want your public figure to be the top-listed Public Figure in Addis Ababa?
Click here to claim your Sponsored Listing.

Category

Telephone

Website

Address


Dire Dawa
Addis Ababa