Anole Press

Anole Press

Share

22/05/2023

Abiyyi Ahmad abjuu Finfinnee fi naannawa Finfinneerra walittti coree naannoo tokko godheen ijaaree Oromiyaa bakka lamatti hira.

Oromiyaa bakka lamatti cittes bahatti, Kibba bahaa fi lixatti addaan cicciree Itoophiyaaf Oromoon akka sodaa hin taanetti itti fufsiisa jedhee isa abjootu dhiisuu qaba hin milkaayuf waan ta’eef.

Abiyyi Ahmad Itoophiyaa akka haadha isaatti akka jaalatu beekamaadha zalaalam akka jiraattufis abjoota, abjuunsaa garuu kan galma gayu daandii inni qabate osoo hin taane, Oromoo firoomfachuu fi gaafii Oromoo deebisuudhani.

Oromoon gaafin isaa Itoophiyaa keessatti deebii kan argatu yoo ta’e, akka hojja isaatti waan isa gitu yoo argate Itoophiyaaf sodaa hin ta’u inumaa utubaa biyyatti ta’ee itti fufa.

Itoophiyaa namni/dhaabni jaalatu Oromoo kunuunfate gaafii Oromoo deebisee Oromoon akka Itoophiyaa keessa jiraachutti gammadu godheeti malee Oromoo diineffatee sodaa biyyatti godheeti miti kan Itoophiyaa itti fufsiisu.

Biyya San keessatti Itoophiyaas ta’ee Aangoo ofii itti fufsiisuf Oromoo qabachuun gaafii Oromoo deebisun dirqama saniin ala Aangon turtus biyyi akka abjootan itti fuftus hin jiraattu ni tura ni bula ta’a malee.

19/05/2023

WALLAALAARRAAS NI BARATAMA!
Kana dubbisaa.

[ ] Ati jaalala waraana keef qabduuf jettee dhimma waraanaa odeessa kennuuf miidiyaa hawaasaarratti public gootee maxxansita. Diinni garuu maxxansa kee ilaalee tarsiimoo (strategy) fooyyeffatee waraana ati jaallattu sanatti deema. (Odeessa kennuu barbaaddu keessoodhaan qoodiif)
[ ] Ati jaalalaa fi bareedinni WBO sitti tollaan suura ammee barbaaddee maxxansuu jaallatta. Kan otuu magaalaan guutummaatti hin dhuunfatamiin jiruufaa. Diinni garuu, suura sanarraa qubsumaa fi facaatii waraanaa hubatee baayyinsaas shallagatee tooftaa lolaa jijjiirrata. Gaaga'umsa barbaadellee meeshaa ammayyaawaa qabu fayyadamee raawwachuu mala. Kana kan hubattu erga gaaga'umsi ta'eeti.
[ ] Yeroo kana iji addunyaa dhaaba ABO-WBO fi waraana ummata Oromoo kan ta'e WBO irra akka kaameraa CCTVtti dhaabatee jira. Hojiin hojjetamu kamuu ija mootummoota addunyaa biratti hiikaa fi galtee guddaa qaba. Keessumaa wanti suuraa fi Viidiyoon deggeramee dhiyaatummoo akka ragaatti kuufama. Qaama bor biyya kanatti nagaa buusee bulchuu danda'udha jettee kan addunyaan amantu unu, Waraana Bilisummaa Oromoo dha. Wanta goonu of eeggannoo olaanaadhaan goona. Diinni garuu, wanta ittiin fakkaattii (image) keenya kana jijjiiree maqa baleessiif nu dhiyeessu kufee ka'ee barbaadaa oola. Jalqaba beekamtii nu dhowwachuu yaalaa ture (Defame). Lollee dhiiga jaallan keenyaa itti gabbarree beekamtii arganneerra. Akka waan nuti naamusa namummaa hin qabneetti waa'ee keenya faranjiitti odeessaa ture (dehumanize). Garuu, naamusa namummaa olaanaadhaan isaan caallee argamne. Ammas naamusuma qajeeloo qabnu sanaan irra aanna. Meeshaan keenya inni olaanaan naamusa keenya.

Guddaa galatoomaa!
Soresa Hunderra
May 19, 2023

17/05/2023

Gaafiin Oromoo Finfinnee keessatti gamoo ijaaruu osoo hin taane.

Finfinneen kan Oromoo akka taatu fi bulchiinsa Mootummaa naannoo Oromiyaa jalatti akka bultu mirkaneessudha.

Want your business to be the top-listed Media Company in Addis Ababa?
Click here to claim your Sponsored Listing.

Website

Address


Addis Ababa