Dambali Multimedia
30/06/2026
Yuniversitii Amboo
Barattuu Hudaa Baqqalaa Yuniversitii Ambotti Maaltu Muudate ?
🤔🤔🤔
30/06/2026
Afaan Arabaa sirna barnootaa biyyattii keessatti akka hammatamuuf hojii qindaa'aan qaamolee dhimmi ilaallatu gidduutti taasifamu murteessaa ta'uu ibsame.
Dambali Multimedia June 30/2026
Mana maree waliigalaa dhimmoota islaamummaa Itoophiyaa fi fooramiin qorannoo fi qo'annoo muslimoota Itoophiyaa qindoominaan mata duree, "Afaan Arabaa Itoophiyaa keessatti kaleessaa fi har'a, abdiiwwan ifaa fi qormaatawwan" jedhuun marii paanaalii seenaa fi faayidaa ammayyaa Afaan Arabaa irratti xiyyeeffate gaggeessaniiru.
Marii kana pireezidaantiin mana maree waliigalaa dhimmoota islaamummaa Itoophiyaa, Dr. Sheek Hajjii Ibraahim Tufaa, haasaa baniinsaan jalqabsiisaniiru.
Pireezidaantichi haasaa isaanii keessatti Afaan Arabaa seenaa Itoophiyaa keessatti dameewwan hedduu irratti mallattoo guddaa akka ture ibsaniiru.
Afaanichi gahee isaa madaaluuf malu hin arganne jechuun kan ibsan pireezidaantichi, faayidaa inni biyya keessaa fi sadarkaa idil-addunyaatti qabu irraa kan ka'e, Afaan Arabaa sirna barnootaa Itoophiyaa keessatti akka hammatamuuf manni marichaa karoora baafatee hojjechaa akka jiru dubbataniiru.
Marii kana irratti gargaaraa piroofeesaraa Ustaaz Muhammad Sa'iid mata duree "Seenaa jijjiirama Afaan Arabaa Itoophiyaa keessatti fi faayidaa biyyaalessaa isaa", Doktar Abdallaah Khadiir mata duree "Hojiirra oolmaa dhaabbilee", akkasumas gargaaraa piroofeesaraa Abdul'aziiz Huseen mata duree "Afaan Arabaa sirna barnootaa Itoophiyaa keessatti keessatti bu'uura mootummaa" jedhuun qorannoowwan isaanii dhiyeessaniiru.
Hirmaattoonni qorannoowwan dhiyaatan irratti mari'achuun rakkoolee furmaata barbaadan fi kallattii hojii gara fuulduraatti hordofamuu qabu irratti yaada isaanii dhiyeessaniiru.
Hirmaattoonni afaanichi xiyyeeffannaa malu argatee bal'inaan akka babal'atu keessatti hanqinoonni akka jiran, akkasumas hanqinni galteewwanii fi deeggarsi dhaabbilee gahaan dhabamuun rakkoo ta'uu isaa ibsaniiru.
Itoophiyaan biyyoota Arabaa waliin hariiroo seenaa fi damee hedduu keessatti qabdu caalaatti cimsuuf, akkasumas dargaggoonni waltajjii idil-addunyaa irratti dorgomtoota ta'anii akka hirmaatan gochuuf babal'inni Afaan Arabaa gahee olaanaa akka qabu ibsameera.
Akka Afaan Ingiliffaa sirna barnootaa biyyattii keessatti hammatameetti, Afaan Arabaas sirna barnootaa biyyattii keessatti akka hammatamuuf qaamoleen dhimmi ilaallatu hundi hojii qindaa'aa fi deeggarsa dhaabbilee cimsuun murteessaa ta'uun marii kana irratti hubatameera.
Marii kana irratti pireezidaantoonni mana maree waliigalaa, miseensonni hoji-raawwachiiftuu, hayyoonni yunivarsiitii Finfinnee, ulamaa'oonni fi qaamoleen dhimmi ilaallatu kanneen affeeraman hirmaataniiru.
© Kaawunsili Dargaggoita Muslimaa Giddugala Sikkoo Mandoo
28/06/2026
Magaalaa Baatuutti qorannoo fi hubannoo dhibee tiruu (Hepatitis B ) kennamaa jiru sababeeffachuun figichii daandii gubbaa gaggeeffame.
Fayyaan faaya Sagantaa qorannoo fi yaala dhukkuba tiruu Magaalaa Baatuutti qophaahe ilaalchisee ibsa Gabaabaa Dr. Hora Teno Tesh*te
Darsii Jumaa
Jebel Bright Tour and Travel
Click here to claim your Sponsored Listing.
Category
Contact the business
Telephone
Website
Address
Batu
Addis Ababa