Malkaa Post

Malkaa Post

Share

21/12/2025

Sararri Daandii Xiyyaaraa Itoophiyaa sababa haala qilleensaa balaliiwwan biyya keessaa muraasa addaan kutuu beeksise

Yeroo ammaa haala qilleensaa balaliif mijataa hintaane kan Itoophiyaa naannoo gara garaatti mullataa jira jedherraa kan ka’e Sararri Daandii Xiyyaaraa Itoophiyaa balalii biyya keessaa gara naannolee tokko tokkotti taasisuu irratti rakkoon isa mudachuu ibse.

Dhaabbatichi maxxansa fuula miidiyaa hawaasaan, “raaga haala qilleensaa arganneen haalli kun guyyoota muraasaaf akkasumatti kan turudha erga jedheen booda, Sararri Daandii Xiyyaaraa Itoophiyaa balaliiwwan gara naannolee biyyattii muraasatti taasisu addaan kutuuf dirqameera” jedhe.

Haa ta’u malee dhaabbatichi balaliiwwan biyya keessaa dhaabbatan jedhe kanneen kam akka ta’a hin baasne.

Haqamuu balalii kun haga haalli qilleensaa kun fooyya’utti kan turu ta’uu hubachiisee, namootni daftanii garasitti imaluu qabdan filannoo biraa akka fayyadaman yaadachiiseera.

Battala haalli qilleensaa fooyya’e balaliin yoo jalqabu mammiltoota isaa akka beeksisu dhaabbatichi ibseera.

29/06/2022

"Tulluu jala malkaa yaatuu
maaltu booresse taliila sanaa
lubbuu akka tasaa baatuu
qaama biyyoon nyaatuf
maaltu lammiif koodesaa ganaa...."
Hacee ❤

11/01/2022

Jawar Mohammed fi Baqqalaa Garbaa erga mana hidhaa bahanii suura Hacaaluu Hundeessaa fi Abduljabbaar Huseen uuffatanii!

Telegram 👇👇👇
t.me/malkaapost

Photos from Malkaa Post's post 31/12/2021

Guyyaan dhaloota goota oromoo Hacaaluu Hundeessaa Sabbataatti kabajame!
Waggaa 38ffaa qaalii oromoo Hacaaluu Hundeessaa mana barumsa qaroo dhabeeyyii sabbataatti barattoota qaroo dhabeeyyii nyaachisuun haadha mana Hacee Faantuu Damisoon durfamuun haala bareedan kabajame.
Haceen onnee Oromootaa keessatti siidaa isaa dhaabbate bara baraan yaadatama.
HBD Haceekoo ❤

Telegram 👇👇👇
t.me/malkaapost

Want your business to be the top-listed Media Company in Addis Ababa?
Click here to claim your Sponsored Listing.

Address


Addis Ababa