ORO MEDIA
26/12/2024
Xiyyaara namoota 67 fe'ee Kazaakistaanitti kufe keessaa 38 du'uu aanga'oonni himan.
Waan haaraa jiru walitti qabneerra.
Balaa xiyyaaraa Kazaakistaanitti mudateen 38 du'uu aanga'oonni ibsan - BBC News Afaan Oromoo Xiyyaara Azarbaajaan osoo gara Raashiyaa imalaa jiruu Kazaakistaanitti kufee caccabeen namoonni 38 du'uu aanga'oonni naannoo mirkaneessan. Xiyyaara sanarra waliigalatti namoota 67tu tuan.
14/04/2024
MM UK jeettiiwwan biyyattii dirooniiwwan Iraan dhahanii lafa buusuu mirkaneessan
====
Ministirri Muummee Yunaayitid Kingdam (UK) Rishii Sunaak haleellaa Iraan Dilbata barii dirooniin Israa'el irratti bante balaaleeffatan.
Jeettiiwwan waraanaa UK dirooniiwwan haleellaaf Israa'elitti ergaman hedduu rukkutanii kuffisuus mirkaneessaniiru MM Sunaak.
UKn "humna qindaa'aa idil-addunyaa" misaa'elootaafi dirooniiwwan Iraan dhukaaste qolachuuf hojjetan keessatti hirmaatteetti jedhan.
"[Humni Qilleensaa UK] RAF xiyyaarota dabalataa gara naannaa sanatti bobbaafteetti."
Haleellaan Iraan kun "waan hamaafi dubbii hammeessuu hin barbaachifne ani cimsee balaaleffadhudha," jedhan Sunaak.
Raashiyaan ammoo qaamonni hunduu "akka of qusataniif" waamicha goote.
"Biyyoonni naannawaa sana keessa jiran rakkoowwan jiran karaa siyaasaafi dippilomaasiitiin akka furan barbaadna," jedha ibsa ministeerri dhimma alaa Raashiyaa baase.
Manni-maree Nageenyaa UN haleellaa qoontsilaa Iraan Sooriyaa keessa jirurratti raawwatamuun ajajoota olaanoo dabalatee qodaalota Loltoota Eegduu Warraaqsaa Iraan torba galaafateef deebii "gahaa" kennuu dadhabuusaa si'a baayyee akeekkachiisuu Mooskoon ibsiteetti.
13/04/2024
Humni qilleensaa Israa'el samii magaala Yeruusaalam irraa diroonni yeroo rukuuteetti, dhohiinsi cimaan dhagahamuun himame.
Isa hordofee ammoo sagaleen akeekkachiiftuu (sirens) dhagahameera.
13/04/2024
Joo Baayidan Iraan 'dhihootti' Israa'el haleeluun hin hafu jedhan
**********
Pireezidantiin Ameerikaa Joo Baayidan Iraan ''yeroo dhihootti'' Israa'eliin ni haleelti jedhanii akka yaadan himan.
Haleellaa qilleensaan hogganooti waraanaa Sooriyaa keessatti ajjeefamuun booda Iraan tarkaanfii haaloo bahuu fudhatti yaaddoon jedhu dabaleera.
Israa'el gamasheen haleellaa dhufu ofirraa qolachuuf qophii dha jette. Baayidan immoo Iraaniif dhaamsa ''dhiisi'' hin raawwatiin jedhu dabarsaniiru.
''Israa'el tiksuuf kutannoo qabna. Israa'eliin deeggarra, Iraan hin milkooftus,'' jedhan.
Click here to claim your Sponsored Listing.
Category
Contact the business
Telephone
Website
Address
Bole
Addis Ababa
Opening Hours
| 09:00 - 17:00 |
26/12/2024