Kiilolee Multi-Medea

Kiilolee Multi-Medea

Share

22/10/2022

YAA ALII KIYYA:

Bara keessan barakee,
Afaan awwaalamaan-raadiyoo caccabsu miidiyaan wol'argee.

Seenaa, Afaan, Aadaa,
OROMUMMAAn yaatanii,
Oromoof jecha dhamaatanii,
Waahillan qaqqaalii itti woreegdanii
Dhala Waaqi keennu,
falfaltootaan koolaatanii-dhabdanii.

lammii ammattanii
hamaa ceetaniirtu,
anumti ragaadha
asiin geettaniirtu.

Kagaleef akkakee
boruuf kaayyeffatee,
ofiisaa lagatee,
Saba keessa taa'a
Lapheesaa saaqatee, banatee.

Boru-hin barreen garuu
garadhaaf jiraatee,
rarraafatee deemaa
qarbata guuttatee,
Dafqee soba-iyya
aanaa sabaa fakkaatee,
kaan lubbuu hobbaasee
saba gurguratee.

Akka taaneef mitii
Akka keessaniifuu,
Goomattuun doomteerti
Sabni bara'aara reefuu.

Eegalatakee Alii
galata worra dhuga'aa
Lama nama hinsuufanii
Sussuufamnus egaa.

Siif hinhafne abboo
Isiniif maaltu haferee?
Raatuu bor-hinbeennetu
sab-cicciree hiree.

Ati garuu fayyi
Argi taboruutuu,
Waanyoon
haadhibamtu
Bikkakee haaduutuu,
Adawiin gombifamtee
Wolirratti dhumtuu.

Kophaakee Ummataa
ati hinjenne waanlagaa,
tokkummaa faarsitaa
Qooqa addaa qabdaa.

Gumaata waaqayyoo,
Beeka keenna qaalii,
Hedduu sijaalannaa
Dandamadhu Alii..!!

Sabatu siinboonaa
hujubaa Ummataa,
Nuuf jiraadhu Adeeroo
Hunduu sijaalataa...🙏

Jinet- Onk-22-22

Photos from Kiilolee Multi-Medea's post 30/09/2022

Irreessa Fulbaana 21/2022 Baga geenne..!

Want your public figure to be the top-listed Public Figure in Addis Ababa?
Click here to claim your Sponsored Listing.

Category

Telephone

Website

Address


Oromia
Addis Ababa
1000