Hula Qune
24/01/2026
Tiraamp irratti mormiin ka'eera!
Bulchiinsa Mineesotaatti, anga'oota mootummaa fi dureewwan amantii dabalatee jiraattonni oppireeshinii bulchiinsi Tiraamp poolisoota federaalaa ramaduun raawwataa jiru mormaa jiru.
Hiriirri guddaan kun erga qindeessitoonni akka jiraattonni bulchiinsa kanaa hojii ykn mana barumsaa adda kutan akkasumas suuqii banuu akka dhiisan dhaamsa dabarsanii gaggeeffame.
Waamichi kunis kan dhihaate oppireeshinii jaarmiyaan immigireeshinii fi gumuruukaa US (US Immigration and Customs Enforcement- ICE) gaggeessaa jiru mormuufi dha.
Lubni Diwaayin Royistar ''ICE Minisootaa keessaa akka ba'u barbaanna, bulchiinsota hunda keessaa akka ba'u barbaanna. Caasaa diriirsan haa baafatan,'' jedhaniiru.
Dhaabbati isaanii Faith in Action jedhamu yeroo mormiin uummataa gaggeeffamu michuuwwan isaa naannawa sana jiran deeggaruun kan beekamuudha.
Oppireeshiniin ICE bulchiinsa Minisootaa keessatti ajaja Pirezidant Doonaald Tiraampiin erga eegalamee ji'a ja'a caaleera.
Bulchiinsi Tiraamp nageenya uummataaf oppireeshinii kana akka gaggeessu hima. Kanaafis godaantota seeraan alaa ''yakkamtoota'' jedhuun gara biyyasaaniitti deebisuurratti hojjeta.
Kana raawwachiisuuf humna kan fayyadamu yoo ta'u, kanneen tarkaanfii kana qeeqan godaantonni galmee yakkaa tokkollee ofirraa hin qabnee fi kanneen lammiilee US ta'anillee hidhamaa jiraachuu himu.
Kaleessa dureewwan amantii namoonni harka ICE galan akka US keessaa hin ari'amne buufata xiyyaaraa Miniyaapoolisitti mormii dhageessisaa turaniiru.
Kanneen keessaa 100 kan ta'an buufata xiyyaaraa kanatti hidhamaniiru.
Maddi:-BBC
23/01/2026
Tiraamp xiyyaara isaanii walgahii Daavoos, Siwiizarlaanditti geggeeffamerraa deebi'aa jirurratti gaazexeessitootaaf ibsa kennaniin, "Dooniiwwan waraanaa Ameerikaa dabalatee gara Galoo Galaana Pershiyaatti qajeeluu himan.
via BBC News Afaan Oromoo
Click here to claim your Sponsored Listing.
Category
Website
Address
Addis Ababa