FILOO TV
17/01/2025
Manni Murtichaa Tiiktookiin yoo hingurguramne akka cufamu deeggarsa seeraa gaafatu kenne
Amajjii 9, 2017
Manni Murtii Waliigalaa Ameerikaa Tiiktookiin nageenya biyyalessaaf yaaddoo ta’uun akka cufamu, yoo hintaane ammoo akka gurguramu kan gaafatu deeggarsi seeraa federalaa kennamuun gabaafame.
Manni murtichaa falmii har’a gaggeesseen qabeenya Baayitdaansi Chaayinaa kan ta’e Tiiktookiin akka cufamu deeggarsa sagalee kennuun dabarsuu Associated Press gabaaseera.
Ameerikaatti Fayyadatoota miiliyoona 100 fi miiliyoona 70 kan qabu Tiiktookiin, odeeffannoo dhuunfaa fayyadamtootaa Mootummaa Chaayinaaf kenna kan jedhuun akka gurguramu, yoo hintaane akka cufamu himanni irratti dhiyaateera.
Murtee har’a darbeenis Tiiktookiin Dilbata dhufurraa eegalee kan cufamu yoo ta’u, appilikeeshinicha fayyadamtoonni haaraan buufachuu kan hindandeenyee fi fayyadamtoonni duraanii ammoo kan fooyyeffame argachuu kan hindandeenye ta’uun ibsameera.
Doonaaldi Tiraampi faayidaa Tiiktookii hubachuun manni murtichaa, murtecha akka tursu gaafatanii turuu fi dhimmicha mariin furra jechuun ni yaadatama.
Filoo Soofii
FILOO TV
10/04/2024
Qondaala ABO kan ta'e Jaal Battee Urgeessaa Magaalaa Maqii Keessatti Ajjeefame
Odeefannoo rifaasisaa guyyaa har'aa qondaala ABO kan ta'e Battee Urgeessaa ajjeefamuu dhagaa'ame.
Gabaasaa arganne irraa kan hubatameen Battee Urgeessaa eda galgala magaalaa Maqii keessatti ajjeefamuu isaa mirkanaa'eera.
Obbo Batteen Kibxata kaleessaa galgala magaalaa Maqiitti hoteela qabatan keessaa "qaamolee nageenyaa mootummaatin" baafamanii rasaasaan ajjeefaman jedhame.
Obbo Batteef Maqiin iddoo dhaloota isaati. Achiis qonna waan qabuuf isa hordofuuf Jimaata darbe garas dhaqe. Kaleessa galgala naannoo sa'aatii 6:00tti qaamoleen nageenyaa hoteela qabate ture keessaa fuudhanii deeman. Ganama kana reeffa isaatu daandiirra gatamee argame," jedhan.
Obbo Batteen hoteela qabatanii turan keessaa baafamanii rasaasa jahaan ajjeefamuu maddi odeeffannoo argame mirkaneessee jira.
Obbo Batteen arjummaan garrammummaa fi gootummaa sodaa malee dubbachuu nama qabudha. Ilma Oromoo akkasuma ilma namaa kamiif gara laafina kan qabu, rakkataaf miidhaama namaa dhaga'u nama hin feenedha. Kana malees hojii isaa xiyyeeffannaan kan hojjetu, oomisha qonnaa Paappayyaa fi kaan misoomsuurratti bobba'ee nama jiru ta'uutu himama.
Abbaa ijoollee afur kan tahan Obbo Batteen baatii tokko dura gaazexeessaa lammii Faransaay Antuwaan Gaalindoo waliin Finfinneetti hidhamanii wabiidhaan erga gadi lakkifaman booda hordoffiin cimaa irratti godhamaa turuu akka beekan kan himan maatiin waraanni mootummaa ajjeesuu himan.
Loltoonni mootummaa ilma Oromoo jabaa adamsanii ajjeesuu jabeessanii jiran. Nama hawwaasni jaallatu, kan uummata isaaf quuqamu filanii ajjeesuun waggoota 6 oliif Oromiyaa keessatti ta'ii raawwataa jirudha. Maatiif obbo Batteef uummata isa jaallatuuf jajjabina!
Thanks for being a top engager and making it on to my weekly engagement list!
Yiso Lc Jote,
Aster AT,
Mo'ibon Tesfa,
Abdii Borii,
Elias Etefa Geleta
10/03/2024
Tokko lama jedhee
Waan baay'ee lakkaa'ee,
Addunyaa kana irraa
Waan baay'ee madaalee
Baay'ees bira ga'e,
Deebii ga'aan dhabe
ittuu gaaffii ta'e.
Click here to claim your Sponsored Listing.
Category
Contact the business
Telephone
Website
Address
Arat Kilo
Addis Ababa