Oromo Tech Hub

Oromo Tech Hub

Share

Welcome to OromoTech Hub, the leading channel that empowers the Oromo community with smart technology, digital skills, and modern innovation—all explained in Afaan Oromoo.

15/05/2026

Ykn Gubachuu Danda’u

1. Hin Qabne
Sababni guddaan keessaa tokko chaarjarii ykn kebiloota orijinaalaa hin taane fayyadamuudha. Meeshaaleen akkasii elektiriikaa sirnaan to’achuu waan hin dandeenyeef:

Bilbilli garmalee akka ho’u taasisa
Baatiriin akka miidhamu danda’a
Yeroo tokko tokko dho’uu ykn gubachuu illee danda’a.

2. Ho’a Garmalee ( )

➤ Kovarii Bilbilaa Hin Baasne

Bilbilli yeroo chaarjii irratti ho’a uuma. Yoo kovarii furdina qabu uffate ho’i alatti hin bahu qaamolee keessaa miidhuu danda’a.

➤ Bakka Qilleensi Hin Seenne Kaa’uu bilbila siree, tiraasii ykn sofa irratti kaa’uun ho’i akka kuufamu taasisa bilbilli akka garmalee ho’u godha

👉 Kanaaf bakka diriiraa fi qabbanaa’aa irratti kaa’uun gaariidha.

3. (Power Surge)

Humni elektiriikaa yeroo tasaa yoo dabale ykn yoo raafame:

Bilbilli chaarjii irratti yoo ta’e miidhamuu danda’a
Motherboard fi qaamoleen keessaa gubachuu danda’u.

4. Irratti Baay’ee Fayyadamuu

Yeroo chaarjii irratti:-
Taphawwan guguddoo taphachuu
Viidiyoo yeroo dheeraa ilaalu
Application ulfaataa fayyadamuu kun ho’a gudda uuma. 👉 Kun:- Umurii baatirii ni gabaabsa, Bilbila ni miidha, Rakkoo nageenyaa illee uumuu danda’a.

5.

Baatiriin yoo:- Bokokee, Dhangala’e, Ykn miidhame ta’e, yeroo chaarjii irratti rakkoo cimaa uumuu danda’a.

👉 Dho’uu ykn gubachuu illee danda’a.

Of-Eeggannoo

✔️ Yeroo hunda chaarjarii orijinaalaa fayyadami
✔️ Bilbilli yoo garmalee ho’e, chaarjii irraa buqqisi
✔️ Halkan bilbila mataa jala kaa’anii chaarjii hin godhinaa
✔️ Baatirii yoo bokokuu jalqabe saffisaan jijjiiri
✔️ Bakka qilleensi gaariin jiru irratti chaarjii godhi.

:-
👉 Chaarjarii gaarii hin taane, ho’a garmalee, fi baatirii miidhame jechuun sababoota ijoo bilbilli miidhamu ykn gubachuu danda’u keessaa muraasa.
👉 Of-eeggannoon sirrii bilbila kee fi nageenya kee eega.

🔖 Barumsa Tech salphaa fi bu’a qabeessaaf nuu hordofaa. 👉 Oromo Tech Hub

27/04/2026

?

GPS (Global Positioning System) jechuun sirna teeknooloojii saatalaayitii fayyadamuun bakka (location) adda baasuu, kallattii agarsiisuu fi yeroo sirrii kennuudha.

GPS akkamitti hojjeta?

GPS’n qaamolee gurguddoo 3 qaba:-
1. Saatalaayitoota (Satellites):- Saatalaayitoonni naannoo lafaa marsanii yeroo hunda mallattoo (signal) gara lafaa ergu.

2. Receiver (Fakkeenyaaf bilbila kee):- Bilbilli ykn meeshaan GPS mallattoo saatalaayitoota irraa fudhata.

3. Control Stations:- Buufatni to’annoo saatalaayitoota hordofee sirreessa.

Akkamitti bakka kee adda baasa?

GPS’n bakka kee beekuuf yoo xiqqaate saatalaayitoota 4 irraa mallattoo fudhata. Kanaan:
• Latitude (bal’ina bakka) adda baasa
• Longitude (dheerina bakka) adda baasa
• Altitude (ol-ka’iinsa) ni safara
• Yeroo sirrii ni agarsiisa.
Kunis mala trilateration jedhamuun beekama.

Fayyidaa GPS

GPS’n hojii hedduuf tajaajila:

1. Navigation (Daandii agarsiisuu)
• Google Maps
• Waze
Daandii agarsiisu, tiraafika mul’isu, bakka geessee ilaaluuf si gargaara.

2. Bilbila barbaaduu:- Bilbilli bade bakka isaa argachuu.

3. Transportation:- Konkolaataa, xiyyaara fi markaboota qajeelchuu.

4. Logistics:- Konkolaataa fe’umsaa hordofuu (tracking).

5. Qonna (Agriculture):- Lafa sirriitti safaruu fi hojii qonnaa ammayyeessu.

6. Emergency Services:- Namoota balaa keessa jiran saffisaan argachuu.

GPS bilbila keessatti eessa jira?
Smartphone keessatti GPS chip qaba:
• Saatalaayitii waliin qunnamtii qabaata
• Internet malee illee bakka adda baasuu danda’a
• Garuu kaartaa (map) guutuu argachuuf yeroo baay’ee internet barbaachisa.

GPS fi Internet wal fakkaataa? Wal hin fakkaatuu! GPS fi internet waan adda addaati.
• GPS → Saatalaayitii fayyadama
• Internet → Network (data) fayyadama.

Hanqinoota GPS:
• Mana keessaa signal dadhabuu danda’a
• Gamoo guguddoo gidduutti rakkoo qabaachuu danda’a
• Haalli qilleensaa tokko tokko dhiibbaa qaba.

Fakkeenya salphaa:- Yoo Google Maps bantee “na geessi” jette:
• GPS bakka ati jirtu adda baasa
• Map daandii siif mul’isa
• “Gara mirgaa deemi” jedhee si qajeelcha.

Gabaabumatti:- jechuun sirna saatalaayitii fayyadamuun bakka adda baasuu, daandii agarsiisuu fi hordoffii gochuudha.

🔖 Barumsa Tech salphaa fi bu’a qabeessaaf nuu hordofaa. 👉 Oromo Tech Hub

10/04/2026

:
Hardiweerii (kutaalee qabatamaa) fi Sooftiweerii (sagantaalee ijaan hin mul'anne). Kutaaleen qabatamaan (Hardiweerii) hojii kompitaraatiif murteessaa ta'an qamoolee ijoo armaan gadii of keessatti qabatu:

1. Kutaalee Ijoo Keessaa (Internal Components)
Kutaaleen kunniin sanduuqa kompitaraa (System Unit/Case) keessatti kan argamanidha.

=> Maazaarboorii (Motherboard): Gabatee haadhoo jedhamuun beekama. Qamooleen kompitaraa kanneen biroo hundi (keessaa fi alaan) isaa irratti kan walitti qabaman ykn wal-quunnaman gabatee kanaanidha.

=> Pirooseraa ykn CPU (Central Processing Unit): Sammuu kompitaraa jedhamee waamama. Ajaja kennamu kamiyyuu fudhatee kan hojjetu, herregu fi qindeessu qaama kana.

=> RAM (Random Access Memory): Kuusaa yeroo gabaabaa dha. Kompitarri yeroo hojjechaa jiru ragaalee saffisaan argachuu barbaadu as irra kaa'ata. Saffisa kompitaraa murteessuu keessatti gahee guddaa qaba. (Hubachiisa: Yoo ibsaan bade ragaan RAM irra jiru ni bada).

=> Hard Diraayivii (HDD) ykn SSD (Solid State Drive): Kuusaa ragaa dhaabbataa dha. Faayilonni, suuraan, viidiyoon fi sooftiweeriin (Operating System dabalatee) kompitara keessaa as keessatti kuufamu.

=> Madda Humnaa (Power Supply Unit - PSU): Humna ibsaa (elektiriikii) fudhachuun hamma kutaaleen kompitaraa adda addaa barbaadanitti sirreessee kan raabsu dha.

2. Qamoolee Galtee (Input Devices)
Meeshaalee ragaa fi ajaja gara kompitaraatti galchuuf gargaaran:

=> Kiiboorii (Keyboard): Gabatee cuqqaaloo barreeffama, lakkoofsa fi ajaja gara kompitaraatti galchuuf tajaajilu.

=> Mawusii (Mouse ykn Hantuutti): Waan iskirinii irratti mul'atu sochoosuuf, filachuu fi ajajuuf gargaara.

=> Kameeraa fi Maayikirofoonii (We**am & Microphone): Suuraa, viidiyoo fi sagalee gara kompitaraatti galchuuf.

3. Qamoolee Ba'ee (Output Devices)
Meeshaalee ragaa fi bu'aa kompitara keessaa gara alaatti baasan ykn nutti agarsiisan:

=> Mooniitaa (Monitor ykn Iskiriinii): Ragaa bifa fakkii, viidiyoo fi barreeffamaan iskirinii irratti kan nuuf agarsiisu dha.

=> Maxxansaa (Printer): Ragaa kompitara keessa jiru waraqaa irratti maxxansee gara alaatti kan nuuf baasu.

=> Isipakarii (Speakers): Sagalee kompitara keessaa ba'u akka dhageenyu kan godhu.

🔖 Barumsa Tech salphaa fi bu’a qabeessaaf nuu hordofaa. 👉Oromo Tech Hub

Want your business to be the top-listed Media Company in Addis Ababa?
Click here to claim your Sponsored Listing.

Category

Address


Finfinnee 04 Kilo
Addis Ababa
1000