Mame HD

Mame HD

Share

08/06/2026

Tibbana dhimma joollee teenya dabaan hidhamtee mana hidhaatti waggaa 7ffaa isaanii dabarsaa jiranii tu deemaa jira.

Joolleen tun anaaf joollee ganda kiyyaati irra hedduu isaanii nin beeka waliin kubbaa tabachaa guddanne. hidhamuun isaanii hedduu garaa nama nyaata caalattis nu warra isaan beeku nu yaachisa.

Dhimma isaanii kana osoo amma miidiyaa irratti hin dhufin dura joollee gandaa ammaaf as gubbatti maqaa dhahuu hin dandeenye waliin teenyee haasoynee irraa marihachuu jalqabne; namoota tokko tokkos daballee bifa qindaawaa sirna qabuun itti deemna jannee tarsimoo baafannee adda baane.

Tarsimoon keenya yeroof as as gubbatti himuun barbaachisaa tahuu baatus karaa naamusaan gaaffii keenya sirnaan itti deemnee dhiheeyfannu ture.
Dhimma kanarratti marsaa 2ffaaf bilbilaan walitti dhufnee osoo mariirra jirruu halkanuma sun miidiyaa irratti maxxansafame argine.
As biratti waan tokko akka hubattan kan barbaadu
akkasitti gaa Dhimma joollee tanaa miidiyatti@ fidamee hafarfamaa ture.gaaffii gaafachuun bareedaa gaaffiichis sirrii tahus itti nan amana. Garuu gaaffiin akkanaa waca miidiyaa qofa osoo hin tahin akkaataa,naamusa fi adeemsa mataa isaa qaba. Inumaa akkataa namoonni tokko tokko itti gaafachaa turan (it was very disgust and disrespect)
Kana anis taa’een walumatti ilaaleen yeroof callisuu filadhe.

Arra guyyaa 3ffaa geenye jirra eega miidiyaa irratti baate gaafichi Eessa gahe? Furmaata argatee jiraa? Ijoolleen bahan moo? Wanti Abdii namatti horu jira?

Kana gaaffii isinumaaf dhiisa
:Amma karuma baalee fi booleenis taatu Gaaffi keenya qaama kanarratti nu gargaara jannee yaannuuf dhiheeysinee jirra. Kanarratti akka qaamaan walitti dhufnee marihannuufis baallamni nuuf qabamee jira.

Garuu hanga dandeessan hadaraa gaaffiin dhimma joollee teenya waliin wal qabsiifamee gaafatamu gaafichi sirrii tahus.
gaaffii kana fayyadamnee arrabsoo fi qaamota silaa nu gargaaran kanarratti duula biraa gaggeessuu,gaaficha siyaasa biraaf oolfachuun isaanirratti dhimmicha danquun mala Furmaata biraa hin qabu.
Isaan kana akka obboleeyyan keenyatti dhuguma quuqamnaaf yoo tahe,Ee haqaan Ala waggaa 7ffaa gahanii jiranii bahuu qaban jannee yoo yaadne karuma sirriin gaaffii keenya haa dhiheeysinuufi kanarrattis dhiibbaan godhamuu qaba.

Ammaaf Wanti na bira jiru kana,yoo Wanti haaroyni jiraate kanarratti adeemsa jiru kan isin beeysisun taha.du’aa’ittis jabaadhaa
Rabbiin dhiheenyatti nuuf haa baasuu.

Maxxansa kana wal biraan gahaa
Horaa bulaa deebanaa🙏

Want your business to be the top-listed Media Company in Addis Ababa?
Click here to claim your Sponsored Listing.

Category

Website

Address


Addis Ababa