Abdii - Hope

Abdii - Hope

Share

Let's read technology in our mother language, Afaan Oromoo. Just hit the 'Like' button to get upto-date techological informations.

27/01/2022

Kutaa 1- Dinqiilee intarneetaa
______

1. Tilmaamatti namoonni biliyoona 3.2 ta'u internet fayyadamu. Isaan kana keessaa biliyoonni 1.7 ta'u biyyoota eeshiyaa keessaa fayyadamu.

2. Biyyi Chaayinaa namoota araada internet qabaniif kan ta'u mana yaalaa qabdi. Ummanni biyya ishee miliyooni 200 ta'u itti fayyadamtoota internet kan umriin isaanii giddu galeessaan waggaa 15-35 jiraniidha.
3. Guyyatti marsaaleen 30,000 ol ta'an hack ta'aa oolu.

4. We**am jalqabaa yuuniversiitii kaambirijii keessatti "trojan coffee pot" too'achuun hojjatame. Innis size 128*128 waraaba.

5. Viidiyoon "Despacito ” jedhamu kan liwuus foonsii dhaan youtube irratti fe'ame hanga har'aatti yeroo biliyoona 7.7 ol daaw'atameera.

6. Internet daqiiqaatti email miliyoona 204 erga. Isaan keessaa 70% kan ta'u Spam dha. Email tokko erguun electron biliyoona 2tu barbaachisa.

7. Internet haala amma jiru kanaan itti fuufuuf humni fardaa(horsepower) miliyoonni 50 barbaachisa.

8. Tilmaamatti ga'eessonni miliyoona sagal ta'u biyya Ingliizii keessattii fi 1/3 biyya xaaliyaanii tajaajila internet hin fayyadaman. Biyya chaayinaa keessatti itti fayyadamaan hangas gahu yoo jiraatu; biyyoota kanneen keessatti garuu...

9. Traffic (daaw'annaan) marsaalee hedduu namaan kan uumaman osoo hin taanee bot fi malware kan uumamaniidha. Akka qorannoon dhiyeenya kana bahe tokko ibsutti 61.5% ykn 2/3 kan ta'u sosochiin marsaalee kan internet bot uumameedha jedha.

10. Tweet jalqabaa march 21 bara 2006 Jack Dorsey nama jedhamuun tweet ta'e. Akkasumas viidiyoon jalqaba YouTube irratti fe'ame viidiyoo mata dureen isaa “Meet At Zoo” jedhu nama Jawed Karim jedhamuun April 23, bara 2005 fe'ame.

____
Kanneen biroos itti fuufa. Toora Facebook kana like, share gochuun hordofaa!

09/05/2021

That's why they got divorced 🤭

Want your business to be the top-listed Media Company in Addis Ababa?
Click here to claim your Sponsored Listing.

Category

Telephone

Address


Akaki Kaliti
Addis Ababa
853