Oromia Community Development Organization

Oromia Community Development Organization

Share

29/03/2026

Dhaabbata Guddina Hawaasa Oromiyaa

19/03/2026

Hordoftoota Amantaa Islaamaa kabajamoo hundaaf, baga ayyaana Iid Al-Faxiriin isin gahe!

Baatii qulqulluu Ramadaanaa kan rahmataa, araaraa fi dhiifamaa keessatti, obsaa fi amantii cimaadhaan Rabbii kadhachaa turuun, guyyaa gammachuu fi galateeffannaa kana gahuun keenya kennaa guddaa dha. Yeroo kana keessatti, walii kabajuu, walii tumsuu fi walii gargaaruu akka duudhaa keenyaatti cimsinee jiraachuun keenya kan dinqisiifamuu dha.

Dhaabbanni Guddina Hawaasa Oromiyaa, yeroo ammaa haala biyyi fi naannoon keenya keessa jirtu kan jijjiiramaa fi guddinaa kana keessatti, tokkummaa, obbolummaa fi jaalala dhugaa dagaagsuun murteessaa ta’uu amana. Kanaaf, hawaasni keenya harka wal qabatee hojii misoomaa fi ijaarsa nageenyaa keessatti qooda isaa cimsuu akka qabu waamicha kabajaa dabarsa.

Ayyaanni kun yeroo itti walitti dhihaannu, wal hubannu, fi hariiroo keenya cimsannu ta’uu qaba. Akkasumas, kanneen rakkina keessa jiran yaadachuun, waan qabnu irraa qooduun duudhaa keenya akka ta’e dagachuu hin qabnu.

Dhaabbanni keenya, ayyaanni kun kan nagaa, jaalalaa, gammachuu fi badhaadhinaa akka ta’u hunda keessaniif hawwa. Rabbiin ayyaana kana nagaan isiniin haa gahu; kan bara dhufuufis nu haa tiksu.

Irra deebi’uunis, hordoftoota amantaa Islaamaa maraan baga ayyaana Iid Al-Faxiriin isin gahe jechaa, ayyaana gaarii isin haa ta’u jenna.

Boordii Daarektaroota
Dhaabbata Guddina Hawaasa Oromiyaa
Finfinnee, Oromiyaa
Guyyaa: 10/07/2018

07/01/2026

Hordoftoota Amantaa Kiristaana Maraan Baga Ayyaana Yaadannoo Dhalachuu Iyyesuus Kiristoos Bara 2018’n Nagaan Geessan Jedhan Hojii Geggeessa Olaanaa Dhaabbata Guddina Hawaasa Oromiyaa Obbo Sabboona Xahaaa.

Akka Hordoftoota Amantichaatti Dhalachuu Iyyesuus Kiristoos Araarrii fi dhiifamni Waaqaa fi ilmaan namoota gidduutti akka uumamuu ta’es jedhan.
Waan hunda duraa Waaqayyo dachee fi samii uumuun booda dhala namaa irratti uumee. Dhalachuun Iyyesuus Kiristoos dhalli namaa ulfinaafi kabaja guddaaf uumame dogongora uumee jalaa bilisa bahee du’a bara baraa jalaa gara jireenya bara baraatti ce’e. Dhalachuun isaa ifaa, jaalalaa fi tokkummaa fi karaan jireenya dhugaa ilma namaaf kenname kun araaraafi dhiifama akka ta’e nama barsiiseeras jedhan.
Ayyaana qillee bara kanaa yeroo kabajnu addaa walgargaarsa cimsaa isa hin qabne gargaraa fi misooma hawaasa dhaabbanni keenya qabatee jiru tumsaa akka gottan jechuun dhaamaniiru.
Ayyaanichi kan nagaa, jaalalaa fi obbolummaa akka isiniif ta’uu hawwa!

Ayyaana Gaarii! 🙏🙏😍
Waajjira Ol'aanaa DhGHO
Finfinnee Oromiyaa

Want your organization to be the top-listed Non Profit Organization in Addis Ababa?
Click here to claim your Sponsored Listing.

Culinary Team

Attire

Telephone

Address


OROMIA
Addis Ababa