Gulale Media Network
oromia shall be free !
11/06/2026
Nama lammii Taanzaaniyaa yeroo jaha (6) du'ee ka'e.
Namnichi lammii Taanzaaniyaa maqaan isaa Ismaa'il Azizi jedhamu hanga har'aatti balawwan tasaa adda addaa 6'n yeroo jaha du'ee ka'eera.
1, Du'a yeroo jalqabaa:- bakka hojii isaatti balaa tasaan miidhamee mana yaalaa erga gahee booda lubbuun isaa darbe. Reeffi isaas kutaa dillallaa keessa kaawwame. Achii baasanii manatti galchuun erga boo'anii fi booda saanfuqa reebee ka'e.
2_Du'a yeroo 2ffaa:- dhibee busaatiin qabamee erga yaalamaa tureen booda erga du'ee bakka awwaalchaan gahanii booda ka'e.
3ffaa_ Balaan konkolaataa erga irra gahee booda miidhaan qamaa cimaan isa mudatee du'e. Mana yaallaatti boqotee deebi'ee ka'e.
4ffaa_ Bofaan iddamee du'e , guyyaa sadii kutaa cabba'aa keessa tursiifamee erga awwaalchaaf baafamee oluma ka'e.
5ffaa_ Boolla mana fincaanii/sagaraa keessatti kufee ukkaamamee du'e. Hawaasi yaa'ee baasee isa awwaaluuf erga bakka awwaalchaa geessanii ka'ee nagaa isaan gafate.
6ffaa_ Balaa abiddaan qaamni isaas gubatee luqqa'ee du'e.akkuma amala isaa ka'e.
Namichi amma biyya isaa keessatti akka hafuuraa (Ghost) ilaalama. Tasuma hin du'u. Namoonni isa awwalaa turan irra caalaan isaanii du'aniiru.
Ergaa
______________
Namootni du'a koo barbaaddan ani fira namichaa ta'uu koo hubadhaa !Ofumaa wal taajjabuun gaarii miti jechuumaafi.
Click here to claim your Sponsored Listing.
Category
Contact the business
Telephone
Address
Cairo