BBS Media

BBS Media

Share

10/24/2024

Confirmed!
The Ambassador Muktar Kedir (PhD) will presented on the 6th year's anniversary of Kuraa-Galaan Organization.
:
Ambassador Muktaar Kedir (PhD) saganta kabaja hundeeffama waggaa 6ffaa Dhaabbata Kuraa-Galaan irratti kan argaman taha.

07/21/2024

Hundeeffama Waggaa 6ffaa Sababeeffachuun, Waldaan Kuraa Galaan Kora Hawaasaa Qopheessee jira.

Kaaba Ameerikaa Magaalaa Seattle tti, Adoolessa 27,2024,Waldaan Kuraa Galaan Kora isaa Gaggeessuuf Qophii Hunda Xumuree jira.

Miseensota Waldayichaa Dabalatee Hawaasni Oromoo Kanneen Seattle fi Naannoo Ishii Magaalota akka,
Portland ,Vancouver BC, Utah fi Victoria jiraattan Akka Kora kanarraa Qooda Fudhattan Afeeramtanii jirtu.

Kora Kanarratti, Hooggantoo Waldaa Kuraa-Galaan,
Dura Taa'aan Kuraa Galaan Walii Galaa, Obbo Husseen, Qaasim,
Hooggana Koree Boordii Kuraa Galaan, Obbo Gaaddisaa Badhaasoo fi Dura taa’aa Koree Qindeesaituu Obbo Gammadaa Boruu, kan argaman tahuun beekkamee jira.

Keessummoonni Kabajaa Biyyootaa fi Magaalota Gara garaa irraa kan Hirmaatan yeroo tahu, Hayyuu Seenaa Obbo Naasir Kaliil fi Bareentoo Gadaa Biyya Australia irraa Koricharratti kan argama tahuun beekkamee jira.

Kaayyoon Korichaa: Waldaan Kuraa Galaan Imala Waggoota 6 dabran keessatti Hojiilee Hojjataman gaggamuufi Hojiilee Fuul duraaf karoorfaman hojirra oolchuf, akkasuma Caaseffama Kuraa galaan waggoottan dabranii irratti Miseensota waliin marii gaggeessuufi.

Kana males Koricharratti Qophiilee Bashannansiisoo kanneen akka Walaloo, Sirbaa fi Seenaan Sirna Gadaa isiniif dhiyaata.
Maarree Guyyaa Isaa Adoolessa 27,202
4, Waaree booda Sa’aatii 2: 00 irraa eegaleeti.

Odeeffannoo Dabalataatif
Lakkoofsa Bilbilaa: 2067794310. 2064748048

Kore Qindeessituu Kora Waldaya Kuraa Galaan Magaalaa Siyaattil irraa.

Photos from BBS Media's post 11/21/2023

BBS: ODUU AMMEE (BREAKING NEWS)

Mariin marsaa lammaffaa WBO fi Mootummaa Federaalaa iddutti biya Tanzania Magaalaa Daarissalamitti torbaan lamaaf godhamaa ture walii galtee malee xumuramuun dhagahame.

Mariin Mootummaa fi WBO idduu ture kun milkii malee xumuramuu Mootummaan Federaalaa fi WBOtis ibsa baasaniin mirkaneessaniii jiran.

Mariin lola Waraana Bilisummaa Oromoofi Mootummaa Federaalaa goolabuuf gaggeefamaa ture milkii malee xumuramuu Mootummaan Itoophiyaa fi Waraanni Bilisummaa Oromoo ibsa mataa mataa isaanitiin baasaniin mirkaneessaniiti jiran.

Mariin lola Waraana Bilisummaa Oromoofi Mootummaa Federaalaa iddutti wagoottan shanan dabraniif godhaamaa ture goolabuuf gaggeefamaa ture milkii malee xumuramuu Mootummaan ibsa gama waajjira komunikeeshinii isaatiin baaseen beeksise jira.

Mariin nagaa qaamolee lamaanii guyyootaaf magaalaa guddittii Taanzaaniyaa Daaresselaamitti gaggeefamaa ture milkii malee xumuramuu kan beeksisan Gorsaa Dhimma Nageenyaa Ministira Muummee Ethiopian kan ta'an Ambaasaaddar Redwaan Huseenis gama isaaniitiin beeysisaniiti jiran.

Mariin kun milkii malee xumuruu isaatiif qaamolren lachuu quba walitti qabaa kan jiran hoggaa tahu,

Mootummaa Itoophiyaa bakka bu'uun marii kanarratti hirmaachaa kan turan Ambassador Reedwaan mariin marsaa lamaan WBO waliin gaggeessaa turre waliigaltee malee xumuramee jechuun fuula Facebook isaanii gubbaatti ibsan.

Ambassador Reduwan itti dabaluudhaan Adeemsi danqaa uumuufi fedhiin dhugoomuu hin dandeenye WBO qabate milkaahina dhabuu mariiwwan kanaatiis sababa guddadha ja'an.

Akkasumas Adeemsi danqaa uumuufi fedhiin dhugoomuu hin dandeenye WBO qabate milkaahina dhabuu mariiwwan kanaaf sababa tahuudha ibsan Ambassador Redwan Hussen.

Dhumarrattis Ambassador Reedwaan ibsa baasan keessatti xumurri maricha akka eegame ta'uu dhabuutti gaabbuu isanii ibsuun dhaabbilee marii kana qindeessaa turaniif biyya maricha keessummeessite Tanzaniya galateeffatanii jiran.

WOB ammoo gama isaatiin Ibsa galgala kana baaseen akka je'etti Mootummaan Itoophiyaa adeemsa sirrii hordofuu dhabuu isaarra kan ka’ee carraan seena qabeessi kun fashalaa'eeti jira je'e.

WBOn mariin marsaa lammaffaa waliigaltee malee xumuramuu mirkaneessuun mootummaan Itoophiyaa hooggansa WBO of jala galchuuf qofa malee rakkoolee bu’uuraa furmaata nageenyaa fi siyaasaa biyya kanaa furuuf fedhii hin qabu jechuun komii qabu dhiheesseti jira.

WBO ibsa isaa kanaan marii marsaa kana keessatti hoggansa isaa ol’aanaa akka hirmaachise ibsuun,Gaaffilee ijoo ummata keenyaa furuuf daandii saaquuf,

WBOn yaada hunda qabatee Oromiyaatti jijjiirama hiika qabeessa ta'e fiduuf Zanzibaar irraa kaasee hanga DaariSalaamitti dhiyaatee mari'atee jira je'e.

Mootummaan Itoophiyaa adeemsa sirrii hordofuu dhabuu isaatiinis carraan seena qabeessa ta'e kun akka fashalaa'e ibseeti jira.

Mariin marsaa lammataa kun qondaalota waraanaa olaanoo qaamolee lamaanii hirmaachiisuun torban tokkoo oliif gaggeefamaa turuun ni beekama.

Ta'uus dhimmootni mariif dhiyaatan maal akka ta'an dabalatee adeemsa marichaa irratti hanga guyyaa har'aatti odeeffannoon gahaan hawaasa bira gahaa hin turre.

Mariin kun jaarsummaa dhaabbilee akka IGAD, biyyoota akka US, Noorwaay fi Keeniyaan gaaggeefamaa ture.

Ajajaan waliigalaa WBO Marroo Dirribaa marii kanarratti argamuu isaa dabalatee, sababoota adda addaatiif mariin marsaa milkiin goolabama abdiin jedhu keeysaafuu ummata Oromoo biratti guddaadha ture.

Ajajaa olaanaan WBO Marroo Dirribaa Taanzaaniyaatti marii nagaa irra osoo jiraanii tibbana marii karaa Zoom bakka bu'oota deeggartoota WBO waliin haasaa godhaniin Oromoon hojiin ijaaramuu qaba,yaada jedhu dubbatanii turuun isaanii ni yaadatama.

Waayee marii nagaa gaggeessaa jiranii ifatti kan hin dubbannee ' Jaal Marroon', Waan amma deemaa jiru kana sani jechuu hin barbaadu jechuun bira dabran.

Kuni ammoo Naamusa isaati miti waan taheef Garuu qormaata guddaatu fuuldura keenya jira anis kana niin beekaa jechuun bisaanii turuun yaadatama.

Mootummaan Itoophiyaa fi WBO lola kutaalee addaa addaa keessa waggoota afuriif gaggeessaa jiranitti xumura gochuuf yeroo jalqabaaf marii kallattiif kan wal argan ji'a jaha dura biyyuma Tanzania ododla zanzibar irratti ture.

Mariin jalqabaa odola Zaanzibaaritti gaggeessan wal-hubannaa uumuufi marii dabalataaf haala mijeessuun goolabamuu isaatiis qaamoleen lamaan ibsanii turuun ni yaadatama.

Kun osoma kanaan jiruu.
Wayita mariin nagaa Taanzaaniyaatti gaggeeffamaa turetti Lixa_Oromiyaatti waraanni itti fufuun Horroo Guduruutti namootni afur ajjeefamanii turan.

Godina Horroo_Guduruu_Wallaggaa aanaa Sulula Finca'aatti guyyaa kaleessa Sadaasa 20, 2023 waraana humnoota mootummaa fi hidhattoota Waraana Bilisummaa Oromoo WBO gidduutti gaggeeffameen lubbuun namoota nagaa afur darbuu jiraattonni nannicharraa BBS dubbise mirkaneessanii jiran.

Akka jiraattonni kanneen ja'anitti kaleessa Sadaasa 20 ganama barii sa’aatii 12:00 hanga ganama sa’aatii 2:00tti qaamolee lamaan gidduu waraanni cimaa gaggeeffamee kan ture hoggaa tahu.

Walitti dhukaasa kanaan namoota maqaan isaanii Baayisaa Margaa, Tollaanii Alamaayyoo, Lammii Dirribaa fi Dofee Olaanaa jedhaman ajjeefamani jiran.

Kanneen keessaa namoonni sadi bakka hojii isaanii irraa otoo deebi'aa jiranii naannoo Shiboo Gibbii jedhamutti dhukaasa humnoota Raayyaa Ittisaa Biyyaa irraa itti dhukaafameen kan ajjeefaman hoggaa tabu Obbo Lammii Dirribaa ammoo ganama naannoo sa’aatii tokkotti buufata konkolaataa keessa yeroo qaamni lachu walitti dhukaasanitti ajjeefaman.

Want your business to be the top-listed Media Company in Calgary?
Click here to claim your Sponsored Listing.

Telephone

Address


4545 45 Street SW
Calgary, AB
T3E3W3