Biftuu barii
01/27/2025
Jechoota Hayyuu Beekkamaa Afrikaa Philosopher
Guyo Doyo kutaa 1eessoo!
1.Seenaa malee sabboonummaan hin urgooftu.
beekuun waan
dhaga'an qofa leellisuu adoo hintaanee waan dhokatellee,maalif akka dhokatellee waliin beekuudha.
2. ulaagaa hin guutanne seenaa okkolaa ta'a. Seenaan okkole Sabboonummaa okkolcha.
3. Qalbii malee Qawween
hin barreefamu.Qawween Qalbii hin qabdu!
4.Ka Jiraa irratti walii hin gallee du'aa irratti walii galan!
5.Yaadaf Yaaddoon Tokkoomit. Yaaddorra Gara Yaadatti yoo guddatan Malatti namaaf Dhufa.Yaaddoon Namarra Turtee Nama Yarsiti! Yaada Qancarsiti!
6.OromoonโJiruu biyya lafaa Diinan dhabdee Jannata garaa waaqaas shira waliitiin yoo dhabde safuu.
7.Sabnii utubaan Boroo sochoโe bara baraan gaaffii gurguddoo Afuri kaasa:
a) Gaaffii eenyummaa(afaan,aadaa,amantii).
b)Gaaffii Seenaa.
c)Gaaffii Abbaa biyyummaa(Dinagdee,hiree ofii).
d)Gaaffii aangoo(bakka buโummaa). Diinnii Utubaa sochooses kanuma afran qofa irratti hojjata.
8.seenaaan nama seenaa hin beenne Womaa hin Gaafatu!
9.harka qalleeyyii caalaa Qalbii Qalleeyyiitti biyya dhibe.qalbii Qalleeyyiitti harka qalleeyyii galaafata!
10.bishaan qofaamitii namilleen dhangala'aa qaba.
11.injiffannoo Wal saamuun bilisummaa fageessa,seenaa Wal saamuun tokkummaa fashaleessa.duubii rakkoo durii fagoo!
12.Beekkumsii karaa irraa maqe qarooma miliqetti nama geessa. Qaroomni miliqe adunyaa balleessa.
13.beekkumsii gara dhugaa nama geessu Waaqa irraa nama hin fageessu.Namii Waaqa irraa hin fagaatin hin badu.
14.Gadaan siyaasaa Waaqa irraa bilisaa hin deeggaru. Kanaaf qaalluun barbaachise.
15. Doofummaan Dayyoon dhalte Dooyaa taati!
16.Bara keenna kana jiraachuuf wannii 3 murteessa.
a) Amantiin: Namii amantii keessatti guddate akka jiraatu qaba. Waan himaniin qaba. Waan tolchu qaba. Waan lagatu qaba, waan abdatu qaba. Tunuu qabeenna. Namii jiraachuf karaa kan filate jiruu murteefate jira. Ilmaan amantii keessatti guddatte yeroo hedduu safuu qabdi. Amala qabdi
Click here to claim your Sponsored Listing.