Gubirmans

Gubirmans

Share

12/19/2022

Hudhaan caalaa yoo itt muddame waci saanii ol ka’aa: Gidduu kana seenaa empayera Itophiyaa duubatt deebisuu kan barbaadan wal caccabsuutt ka’anii jiru. Hundi saanii hanga yoonaa waan qabanitt milkkaawanii kan hin beekne hongaa’tuu dha. Afaan Oromo “Fidala Saaba” yeroon itt darbeen baratamu qaba jedhu. Jarri akkasii Oromummaa waan hin qabneef waliin muggutuutt yeroo balleessuu hin qabnu. Qubee Oromoon filate kan jijjiirsisuu danda’an aangoo qofanii. Sanaaf walabummaa waliigalaafuu Oromoon qabsoott waan jiraniif achi keessatt deebi argata. Holola kana kan oofan kanneen Amaarinyaa dubbatan hunda utuu hin ta’in, kanneen hawaasa keessaa akka murnaatt hundee hin qabne, abdattuu sirna nafxanyaatii. Jarri kun olhantummaan jiraachuuf namanyaataa Eertra, Isaayyaasiin daboo kadhachuutt erga ka’anii bubbulanii jiru. Seenaa duubatt deebisuuf wanti isaan hin tolchin hin jiraatuu. Oromoon xaxaa saanii hundaaf caalaatt qophaawuu qabu. Taateen hedduun nama malalchiisu yeroo abukaakeen maqaa Amaaraan afaan Oromoo Finfinnee keessatt akka hin barsiifamne kkf. mormanii. Sun kan ta’e tuffii Oromoof qabaniif malee mootummaan federaalaayyuu Finfinnee Oromiyaa keessatt hojjechuuf fedha labsame Oromo qabaachuun irra ture. Waabarooti Oromiyaa keessa jiran hundi afaan Oromoo malee afaan kamiinuu barsiisuuf hayyama mootummaa Oromiyaa qabaachutu irra jira. Dadhabummaa fi waa gaafachuu baachuun Oromoo si’achi yeroo hedduuf hin turu. Kan Oromo kan ta’e hundi Oromiyaatt deebi’uu qaba. Finfinneen kan Oromootii. Lamuu dhimma Oromo keessa seenanii akka hin laaqne nyaapha jiilchuun barbaachisaa dha. Isaan ammayyuu mirga hiree sabummaa murteeffanaa Oromo fudhataa hin jiranii. Oromiyaa irratt olhaanummaa dhaban deebifachuuf dhama’uu. Sana malee akka murnaatt jireenyi saanii gaaffii jala galaa. Kanaaf waldhabdeen Oromo fi isaan gidduu jiru kan hin araaramne. Hanga moo’ummaan Oromoo Oromiyaa irratt mirkanaawutii fi humni halagaa Oromiyaa keessaa haxaawamee ba’utt qabsoon itt fufa. Oromiyaa haa jiraattu!

08/26/2022

Tumsamoo baabsuu dhiisu, kamtu fedha Oromoo guuta? Oromiyaan walitt qabaa humnoota federalaa Itophiyaa, Faannoo fi humna addaa Amaaraa fi basaasota Eertra waliin waraana irra jiru. Yoomallee kan Tigray hubannoon sadakaa barbaachisutt hin kennamneyyuu, yakki Oromo irratt raawwatame kan Tigrayii gad mitii. Addunyaan beekaa haadhuma saa callisuu filatee. WBOn ittisa guddaa weerartuu kana irratt tolchaa jiraa. Garuu dabeessota akka ta’uu saanii injifannoo dirree diliitt WBO irratt dhabaniif haaloo ummata nagaa irratt bahatuu. Guyyaa saafaan seeraa ala ajjeesuu, ni hidhuu, ni gudeeduu, qe’ee fi gombisaa midhaanii saanii gubu, beellada saanii qalatu. Murni kun adda waraanaa biraa TTigray kan kanaan dura fixqacee fi yakkoota adda addaa irratt raawwate irrat banee jiraa. Tigray irratt adda waraanaa haaromsanii banuun humna saanii kan ji’oota hedduuf Oromiyaa irratt cunqeeffamee ture dhisaa. Sun kan isaan qabsaawaa turan hundaaf bakka afuura itt fudhatan kennuu danda’aa.
Ammaa kana, nyaaphi ummata Oromoo fi gufuun bilisummaa saanii murna jedhame kana, keessaayuu PP dhaa. Kanaaf Oromoon TDF fi kanneen daba irratt qabsaawan hunda waliin hamma danda’amett ifaajee saanii diina muummicha dadhabsiisuuf qindeeffachuu qabu. Waraanni Kaabaa kun Itophiyaanota qofa hin tuquu, balbalaa hundaa qossa’uf deemaa. Akkuma wayyabummaa saanii dargaggoon dirqiin duulchifan kumatamoota ta’uu. Oromoon bakkaa fi yerro darbe tokko ABUT waliin diina turanii. Bara impeeriyaal Tigaaruun Oromiyaa koloneeffachuu irratt Amaaraaf miltoo maaddhaa turan. Ama yeroon jijjiiramee wal hudhaa jiruu. Dabsati Tigray kan PP fi Amaaraa caalaa bala’amaa hin ta’uu.
Oromoon yeroo hundaa gara dadhabaa ta’anii of fudhachuu hin qabanii. Gantooti hagam heddummatanuu warraaqxota kutatanii fi dudhama qaban ofijaaranii fi qajeeltuun gara saanii taate dura dhaabbachuuf yeroon sun darbee jiraa. Dadhabina saanii sirreeffamuu qabu qaata qayyabatanii. Humni riphaan qaban akka mullatutt waldhabdee Gaanfa Afriikaa keessa jiruufillee gargarqabaa ta’uu akka danda’anii. Sana gadi fiduun qooda sabboonotaatii. Sun hojii xinnoo barbaaduyyuu waa hin oolee. Lakkoofsaa Tigaaruun Amaaraa gadi yoo ta’an lafquwiidhaanis wiirtuu Oromoo irraa fageenya qabu. Anjaa fi anjaa dhabiisii yoo wal biratt ilaalamu Oromoon kanneen farra diina ammaa deggeruu malee filmaata hin qabanii. Sun diina naannaa iiran hunda keessaa badaa dha. Oromiyaan haa jiraattu!

08/24/2022

Oromoo, ummata addunyaan dagate: Oromiyaan warana irra jirtii garuu addunyaa irraa sun dhokataa dha. Hedduun Oromoon aango Itophiyaa irra jiru jedhanii yaadu. Kan aango irra jiru finnaa empayera koloneeffatatii. Silaa kan gaafatamuu qabu ergamsa empayerichaa malee kan irra jiru hin turree. Empyerichi fedha Amaara Itophiyaan safaramee hodhamee. Kan angoorra ture hundi fedha sana jaarraa fi walakkaaf tajaajilama dhufee. Kanaafi gadadoon ummata Oromoo hamma kan ba’ee. Ajjeechaan seeraa alaa, guraarri, hidhaa, bitten dhabamuun, haala kanaan dura hin argamnett ta’aa jira. Angawoti fi qubqabsiisoti dhimma baasaan empayera cunqursaa waliin hidhata yeroo dheeraa qabu. Oromoon addaanjiroo wayyaba godinaa sanaatii. Akuma gabaa guddaa ofangeessaan eegamaafii turee, yeroo sun dadhabsiifamu idaa guddaas ta’uufii danda’aa. Kanneen dhimma baasan sana hin huubanne ta’uu. Oromoon empayera Itophiyaa qofa utuu hin ta’in Gaanfa Afrikaayyuu akka hin bitamne gochuuf humna riphaa qabu. Kanaafi dhaggeeffatamuuf iyyataa kan jiranii, nagaa waan jaallataniif. Waamichi ammaa hawaasa noolaa Oromoofii; waraanni madoo, fafa fi naasuun kan keessaa hin baane hedduu hoomisha jiraa. Hedduun saanii naannaa warana waan jiraniif dhaqabuun rakkoo dha. Hongee fi jeejeen naannaa gammoojii, tikfattee bulaa hedduu fixaa jiru. Beellada saanii hunda lafa irraa haxaawaa jira. Haadholii fi da’immi lakkofsa hin qabne du’aa jiruu. Sun hundi tattaaffii qindaawe gaafatu. Dandeettii keenya walitt qabnee lammii keenyaaf sadarkaa ariitii guddaan birmachuu qabnaa. Qubqabsisoti yartuun qabnu gadadoo ummata keenya waggootaaf iyyaa ba’anii; garuu nu qofatu dhaggeeffataanii. Addunyaan gurra hin qabuufii. Qubqabsiisota saanii akka BBC, CNN, Sky News, Fox News, Washington Post, New York Times, Der Spiegel kkf. dhaggeeffatu/dubbisuu. Gaaga’amtoota balaa nammi geessisee fi uumaaf birmachuuf akka nuu tumsan seexaa Qondaalota Hojii Raawwachiiftuu saaniitt haa iyyannu. Hayyooti keenya kanaaf hin xinnaatanii. Harka wal qabannee waan dandeenye hunda, nyaata, bishaan, gaaddisa fi qorichaan haa dhaqabnu. Me kophaa keessan miti haa jennuunii. Oromiyaan haa jiraattu!

08/24/2022

Oromo, world abandoned People: Oromiyaa is at war but it is hidden from the world. Many think that the Oromo are in power in Ethiopia. Who is in power is Ethiopian colonial state. What matters should have been mission of the empire state rather than the occupant. The empire was custom tailored for interest of Amaaraa Ethiopia. Whoever had been in power had come serving that interest for the past a century and half. That is why the suffering of the Oromo people has grown in bounds. Extrajudicial killings, tortures, imprisonment, disappearances are going on at unpresented rate. World powers and world media that matter have long standing interest with the oppressive empire state. The Oromo are majority single entity in the region. Like they are the highest market protected for them by autocratic state, they can be the highest liability when that is disabled. Those that matter are not realizing that. The Oromo have the potential to make not only the Ethiopian empire but also the Horn of Africa ungovernable. That is why we should appeal to be heard for we love peace. The call is now for Oromo civil societies. The war is leaving many wounded, maimed and traumatized. Many of those are in war areas and difficult to reach. Draught and famine are taking their toll mostly in pastoralist lowland areas. Almost all their domestic animals are wiped out. Mothers and children are dying in numbers. All these need concerted efforts. We must combine our abilities and rescue our compatriots on emergency footing. The few media we have had been crying the plight of our people for years but we are the only ones listening to them. The world has no ears for them. They listen only to their own media, like BBC, CNN, Sky News, Fox News, Washington Post, New York Times etc. Let us appeal to conscience of their CEOs to join us to rescue these victims of manmade and natural disasters. Let us do our best holding hands and reaching them with food, water, shelter, and medicines. Let us tell them they are not alone. Oromiyaan haa jiraattu!

Want your business to be the top-listed Media Company in Silver Spring?
Click here to claim your Sponsored Listing.

Address

Silver Spring, MD