Maruf Mohammed

Maruf Mohammed

Share

Photos from Maruf Mohammed's post 26/04/2026

Wanni communication Harargee lixaa seenaa je'ee maxxanse seenaa bu'ura dhuga qabeessa tokkollee hin qabne sheekko sheekko dha.
Yeroo biraa bal'inaan ibsa. Ammaaf waa laman kaasa.

1, Odaan Bultum odaa Tumaa heeraa kan Oromoo hundaati.

Ituun addatti wanni qabu yoo jiraate waxinee heeraa qopheessee Oromoon dhufee wixineerratti mari'atee raggaasusuu dha.

Heerri odaan bultumitti tumame kan Oromoon hundi itti bule. Kanaaf jecha Odaan bultum waltajjii tumaa heeraa Oromooti malee qabeenya gosootaatii miti.

2, Odaan bultum qe'ee Ituu waan taheef Ituun akka ardaa jilatti itti fayyadama.

Yeroo Oromoon dhaloota heeraa kabajuuf woggoota saddeetti saddeetitti walgahu Ituun yeruma dhaloonni heeraa kabajamu kana achumatti halangee walii kennee addaan deema.

Waan lamaan kanaan wanni biraa hin jiru. Adeemsi odaa bultum odaa gosaa godhu kamiyyuu fudhatama hin qabu.

Qabxiilee biraa

Akka amma Godinni Biiroon qunnamtii hawaasaa godina Harargee lixaa je'u dubbiin taatee Abbaa gadaa Ituu, Abbaa gadaa Afran fii Abbaa gadaa Humbannaa hin qabaannu ture.

Gaafa warri Turco-Egyptian (1875) alaa dhufee Qal'o Gadaa mataa isaa abbaa gadaa maqaan beekkamu qabu fii Humbanaa isaa abbaa gadaan maqaan beekkamu gadaa fui biyyallee irraa fudhatan.

Ituun gaafa Humna Habashaatiin caphe (1884) Abbaan gadaa Ituu halagee isaa boraafatee bordedde irratti waaregame.

Odoon sheekko sheekkoon qunnamttiin Godina Harargee lixaa amma barreesse tun dhugaa taatee silaa abbaa gadaa tokkoo fii halangee takka qofaa qabaanna ture.

Waan bu'ura seenaa dhugaa fii dhugaa fii ragaa tokko hin qabnee faantuu (fabrication) qabatanii burjaajessu asiin dura warreen baranne ufiin je'an kan barnoota keessa bahan malee barnoonni isaan keessan bahin (akka sheikh Jibriil Khooyyee je'anitti) sheekkoo sheekkoo deemanii barreessan kana dhiisuu qaban.

Biiroon Aadaa fii Tuurizimii Oromiyaa illee wantota namoonni adda addaa seenaa dha je'ee itti fidu sirritti qulqulleeffachuu qaba.

Dhaamsa

Joolleen kanneen communication gubbaa hojjattan .

Biyya tana yeroo tana keessatti rabbi fidee harka keessan kaayee jira.

Tanaafuu siritti ummataaf hojjachuuf yaala.

Bulchiinsaatuu gubbarraa gadi dhufa malee seenaan horizontally gubbarraa gadi hin dhufu ummata keessa malee. Kan ummataa akka asii olitti ibsame sani.

Keessan kun kan akka galanaa gubbaa gaddi yaa'u kun dhugaa lafarra turre kan ummanni waldhaha.

Kanaafuu bitti teenya rakkoo keessaa alaa ka'u heddurraa kan ka'ee yaaddoo guddaa keessa jirti waan ta'ee fii kana caalaa laydaan rakkoo biraa waan hin feesifneef maaloo waan amma eegaltan kana dhiisaa!

Hayyuun nu keessatti haa bulu.
Abba Malka Gameessa Seenaa ulfaadhu.

Dhiibaa raasaa
Dhiibaa bobbaasaa

Horaa bulaa

Want your public figure to be the top-listed Public Figure in Adis?
Click here to claim your Sponsored Listing.

Category

Telephone

Website

Address

Adis
5993