Yabello Polytechnic College
03/01/2026
Muddee 25/2018
Kolleejjiichatti Leenjiin Qaawwaa Ogummaa Leenjistoota guutu kennama jira.
=================================
Sadarkaa Kilaastera Kolleejjii PT Yaaballootti Leenjiin Qaawwaa Ogummaa Leenjistoota guutu Dhaabbilee BLTO Aanalee irraa dhufanii fi Kolleejjii PT yaaballoo irraa hirmaatan Karoora "Inisheetivi Dagaaginna Ogummaa Leenjistoota (Continuous Trainers Professional Development (CPD)" jalatti guyyoota 3n darbaniif kennama jiraachuu isaa I/A/Diinii fi Qindeessan Leenjicha Aabba Boruu Goollicha Huqqaa himan.
Dabalataanis Leenjichi Qaawwaa Ogummaa Leenjistoota kan guutuu fi Leenjii Qulqullinna qabu akka kennan gargaara kan jedhan Ammoo Diinii Kolleejjicha Aabba Elemaa Moluu ti.
Leenjiichi guyyoota itti Aananis kan itti fufu ta'u himame.
26/12/2025
Sadarka WCHUO Godinaa Booranaatti Gamaggamni Raawwii ji'a jaha geggeeffame.
===================================
Muuddee 17,2018
Sadarkaa WCHUO G/Booranaatti Gabaasni ji'a jaha Koolleejjota lamaani dhihaatee.
Sadarkaa Kilaasteraatti Koleejjii Pooliiteeknikaa Yaaballoo fi Kolleejjii BLTO Horsiise Bulaa Yaaballoo Hujiilee Damee Leenjii, Ijaarsaa Dandeettii fi TEI fi Cehumsa Teeknoloojii tiin hojjataman Manaaf Dhiheesaniiru. Gabaasa dhihatee irratti Ciminnaalee, Hanqinnaalee fi Rakkoolee jiran irratti ergaa mari'tamee booda Hoggana WCHUO Godinaa Booranaa Aabba Moluu Dureetti tiin Kallattii Fuulduraa kahamee irratti waliigaluun golaabame.
Click here to claim your Sponsored Listing.
Category
Contact the university
Telephone
Website
Address
Yabelo