EM
05/05/2026
Namoonni wayita nu wajjin kolfanii taphatan isaan gammadoodha jechuu miti. Da'oo dhukkuba garaa isaanii dhoksuuf fayyadaman akka jechuudha. Seeqni garuu gammachuu qofaa kan ibsu miti. Jireenya keessatti imimmaan hin mul’anne ittiin jechuu dandeenya.
Kophee kana!😔
18/04/2026
Erga jettani likkii likkii walitti himnu?
1) Kan abbooti gadaa karraayyu jumlaan ajjeese Teediidhaa?
2) Kan Haacaaluu Hundeessaa, Jaal Battee Urgeessaa... ajjeesise Teediidhaa?
3) Kan uummata lixa Wallaggaa dirooniidhaan fixee Teediidhaa?
4) Kan hayyoota Oromoo (Jawar, Baqqalaa...) fi beektota keenya hidhaadhaan dararuudhaan kan biyya isaani jibbisiisee Teediidhaa?
5) Kan maqaa Oromoo dhawwachaa Oromoo lafarraa fixaa jiruu Teediidhaa?
6) Kan faannoo meeshaalee waraanaa ammayyaawaa hidhachiisee Teediidhaa?
7) Kan Faannoo Shawaa lixaa, Wallagga bahaa fi horroo guduruu wallaggaatti kan uummata keenya qe'ee keenyarratti fixee fixaa jiruu Teediidhaa?
8) Kan salaaleetti uummata keenya qalchiisa jiru Teediidhaa?
9) Kan sabafi sablammiilee xoophiyaa Uummata Oromoo tuffachiise Teediidhaa?
10) Kan magaalota Oromiyaati gangisteerota fi duuriyyee ijaare uummata saamsisuun reebicha fi ajjeechaa raawwachiisaa jiru Teediidhaa?
Ija siyaasan yoo ilaallee Teediin goota dha, ppn qarshiidhaan akka sirbamuuf kadhattee dadhabdee dhiistee. Teediin garuu uummanni koo rakkoo keessa osoo jiranuu hin ashqaabbaxu jechuun didee. Rakkoo Uummanni xoophiyaa kun keessa jiru kana akka rakkoo ofii isaatti ilaaluun sirbaan ofirraa baase. Sirna gurbaan Teedii jedhamu faarsu caalaa kan Uummata Oromoo miidhe sirna kanadha. Hubadhu. Ammatti Uummanni Oromoo artii qaba malee Artisti sagalee isaaf ta’u hin qabu. Yoo qabates Caalaa Daggafaa fi Sabboonaa Tafarraa qofa.
Ummanni Amboo Kaasayee Qananiisaa qabamuu isaatiin haara galfattee bulus, hanga warri isa bobbaasaa ture angorra jiranitti nagaya waraa hin argatu. Kantiibicha Acaaluu Gammachuu jedhanuufi Itti Gaafatamaa Nageenyaa Baay’isaa Huseen jalatti bulaa Ambo saamamuu, reebamuufi ajjeefamuun irraa dhabbata jedhanii yaaduun hin danda’amu.
16/04/2026
"Gaafa hoteelli Kaasayee Qananiisaa eebbifamu qondaalonni mootummaa keessumoota kabajaa akka turan kan ati dubbattee faarsee bultoonni yoo waakkatan arge. Ragaan bar viidiyoo gaafa eebbaa kan ofumaa Kaasayeen tiktok gubbatti maxxanse keessatti yennaa bulchitoonni simataman ni argamu. Suuraan viidiyoo irraa mure keessatti jarri muldhatu
1) Didhaa Guddataa, Bulchaa Godina Shawaa Lixaa
2) Muluwarqii Imaanaa, I/G paartii Godinaa
3) Musee Fiixumaa, Nageenya godinaa
Kun hangafoota malee hedduutu dhufe. Beeki akka har'a abaaranii ofirraa fageessan osoo hin taane, kaabineen magaalaafi godinaa hundi Kaasayee Qananiisaan firoomuuf waldorgomaa turan. Tokko sokko sodaatanii, kuun ammoo namatti isa bitachuuf itti firoomaa turan."
Click here to claim your Sponsored Listing.