MD A.chefa

MD A.chefa

Share

17/11/2024

Rabbi isin haa milkeessu.

17/04/2024

Dhaamsa Ramadaana Boodaa
••••••••••••••••••••••••••••••

1. Somana kan Ramadanaatitu dhume malee.. Soomanni sunnaa kan Rabbitti si dhiheeysu hin dhumne.. hedduutu hafe.. jabeeyfadhu..

2. Qur'aanni Ramadaana qofaaf hin buufamne. Yeroo Ramadaanan alaatis qara'amuu qaba.. Ramadaanni baheef qur'aana Rabbiitiin hin oodin..

3. Masjiidni (manni Rabbii) Baatii Ramadaana qofaaf hin banamu.. Amata guutuuf banaadha.. Mana Rabbii keetii hin onsin..

4. Salaatni niis yeroo soomana qofa waajiba hin godhamne.. Amata guutuu dirqamni isaa itti fufa.. Ramadaana qofa salaattee dhiisudhaan Rabbii khe fitti hin dallansiisin..

5. Salaatni (dhaabbanni) leyliidhaatiis Ramadaana kheysa kharaa hin godhamne.. Ramadaanaan alattiis sunnaa akkaan jajjabduudhaatii.. iimaana keetiin tiyfadhu..

6. Sunnaan witrii tiis sunnaa jajjabduudha.. wasiyyaa Rasuulaatii s.a.w.. dhaamsa Nabii keetii s.a.w harka itti maradhu.. itti ciniinnadhuu.. aadaa godhadhu..

7. Rahima khe maxxanfachuunis abooradee Ramadaana qofaan sirraa hin dhumtuu quba qabaadhu.. Haqni isaanii amata guutuu ni jiraa.. yeroo hunda isaan ziyaaruu fi hariiroon teeysan tiyfachuudhaan Rahmata Rabbii arkadhu..

8. Wasanni Rabbii (diliileen) Ramadaana kheeysa qofa hin haraamoytu.. akkuma ramadaana kheysa haraamirraa fagaattu daran Ramadaan alattiis wasana Rabbii keetii tiyfadhu..

9. Adawwichi kheenya guddaan (sheyxaanni) hidhamuun isaa Ramadaana qofa akka tahees hubadhu.. Ramadaan alatti gad dhiifamaadha.. iimaana Ramadaana kheysa arkatte kana waraana godhachuun itti duuli.. qabsoo itti godhi.. Rabbii kheetiin gargaarsifadhu..

10. Soomanaafi ibaadaa tee akka Rabbiin sirraa qeebalu kadhaa heddumeeysi.. // namni hedduun Ramadaani banaan akka waan isaaf qeebalamuun shakkii hin qabneetitti yaada.. mu'uminni garuu ni yaaddawa.. ummanni salafaa (gaggaariin nu dura dabran) ramadana booda ji'a jaha akka Rabbiin irraa qeebalu kadhatan.. atiis akka Rabbin sirraa qeebalu kadhaa heddumeeysi..

11. Namni Ramadaana soomanee shawwaalarraa jaha itti aans

17/04/2024
Want your public figure to be the top-listed Public Figure in Robe?
Click here to claim your Sponsored Listing.

Category

Website

Address

Robe