Kena Tesfa
05/05/2026
@@ Jecha dhugaa dhabneem£££♤♧♧
Waan meeqa utuu ilaalluu
Ijumaan arginee
Ilaalaa achi ilaalaa
Callisnee darbine.
Tulluun gadi ciisnaan
Hunduu irra dhaabbatee
Gamanaa gamatti
Waamee wal gaafatee...
Daangaa ture silaa
Walitti hin darbinuu
Wal kabajna malee
Walis hin sarbinu...
Ana malee keenya
Yaada keenya okkoo
Waliif hin jallannu
Waan jaallanne tokko...
Urrii utuu ilaalluu
Rooba ta'ee bu'ee
Obboleessi keenya
Nu biratti du'ee...
Fiigicha duumessaa
Dheerina dukkanaa
Biiftuun baatu eessa?
Du'a gidduu kanaa...
Kan ittiin dubbannu
Afaan keenya ukkaamsee
Waan ittiin arginu
Ija keenya jaamsee...
Bakkuma tokkicha
Si'a meeqa cabnee
Barbaannee barbaannee
Jecha dhugaa dhabne.
03/01/2026
Shout out to my newest followers! Excited to have you onboard! Hìrêè Getachew, Gamachu Gudisa, Alamudin Huseen Usmaan, Tura Dawit Wodesa
Click here to claim your Sponsored Listing.
Category
Contact the public figure
Telephone
Address
Nekemte
GIMBIE