OVEM

OVEM

Share

17/05/2026

⚠️ Xiyyeeffannoo Barattoota Kutaa 12ffaaf: Shaakalli Qormaata Biyyaalessaa (CBT) Jalqabeera!

Tajaajilli Madaallii Barnootaa fi Qormaataa qophii qormaata biyyaalessaa kutaa 12ffaa bara 2018 milkeessuuf qormaata shaakalaa (Mock Exam) karaa interneetii gadhiiseera. Barattoonni Caamsaa 7/2018 irraa kaasee hanga guyyaa qormaataatti shaakaluu ni danda'u.

Haala Seensaa (Login Details):

👤 «Username» :- "Admission Number" kaardii keessan irratti argamu galchaa.
🔑 «Password» :- "1234" galchaa.
(Admission Number manneen barnootaa keessan irraa argachuu dandeessu.)

🌐 Liinkii Naannolee fi Bulchiinsa Magaalotaa:

Barattoonni naannoo keessan irratti hundaa’uun liinkiiwwan armaan gadii kanaan seenaa shaakalaa:

🔗 exam1.ethernet.edu.et
Oromiyaa

💻 Koompiitara, Laapiitooppii, Taableetii ykn Bilbila keessaniin internet fayyadamuun qormaata kana shaakalaa!

Barattoota qormaata biyyaalessaa kutaa 12ffaa fudhatan hundaaf share taasisaa!

Photos from OVEM's post 02/05/2026

Manneen Barnootaatti Daa'immaniif Nyaata Dhiheessun Aadaa Itti Fufiinsa Qabu Ta'uu Qaba Jedhame.
-----------
BBO- Ebla 23/2018 Biiroon Barnootaa Oromiyaa bara barnootaa 2015 irraa eegalee barattoota manneen barnootaa sad. 1ffaa baratan hundaaf hirmaannaa hawaasaan nyaata dhiheessuu kan jalqabe ta'uun ni yaadatama.

Bara 2015 dura dhaabbilee miti mootummaa tokko tokko manneen barnootaa sadarkaa 1ffaafi sadarkaa 1ffaan duraa magaalota keessatti argamaniif daa'imman nyaata akka argatan taasisaa kan turan yoo ta'u, aadaan kun guutuu naannoo keenyatti babal'achuu hin dandeenye.

Haaluma kana bu'uureeffachuun Biiroon Barnootaa Oromiyaa Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaa waliin ta'uun hawaasa hirmaachisuun bara 2015 irraa eegalee barattootni Manneen Bu'uura Boruufi barattootni sadarkaa 1ffaa miliyoona 7.5 karoorsun barattoota miliyoona 5 ol ta'an nyaata argataniiru.
Aadaan dhiheessa nyaata manneen barnootaa kun itti fufuun bara 2016 barattoota miliyoona 6.2 bara 2017 miliyoona 6.04 bara 2018 barattoota miliyoona 6.5 ol ta'uun ragaa argamerraa hubachuun danda'ameera.

Dhiheessi Nyaata Manneen Barnootaa keenyaa aadeeffamee gaggeeffamaa haa jiraatu malee manneen barnootaa hedduu keessatti harcaatii kan qabu ta'uu mul'ateera.
Magaalaa magaalatti, godinaa godinatti, aanaafi manneen barnootaa keessatti haalli dhiheessi nyaataa garaagarummaa kan qabu ta'uun hubatameera.
Garaagarummaafi harcaatii lafarratti mul'ate kana hambisuuf dhaabbatni Buusaa Gonofaa kallattiin akka irratti hirmaatuufi abbummaan akka sirneessu gochuuf MNO'n kallattii kennameen hojiitti seeneera.
Dhaabbatni Buusaa Gonofaas sirna dhiheessa nyaata manneen barnootaa aadeessuufi daa'imman nyaata argachuun barnoota isaanii irratti akka xiyyeeffatan gochuu irra gumaacha olaanaa taasisaa jira.

Walumaagalatti, daa'imman manneen barnootaatti nyaata argatan :
-barnootaa isaanii qalbii guutun hordofu,
- manneen barnootaa irraa hin hafan, jaalalaan baratu,
- fayyaa argatu,
- walqixxummaafi waliinjiraachuu baratu,
- Yaaddoo maatii hambisa,
- barnootaan akka ciman gargaara.
- dhaloota fayyaafi gahumsa qabu biyyaaf gumaachuu dandeessisa.
Kanaafuu, dhaloota fayyaafi barnootaan gahomaniifi egeree biyya keenyaa ta'an horachuun akka danda'amu lammiin hunduu dhiheessa nyaata manneen barnootaa taasifamaa jiru kana harcaatii tokko malee itti fufsiisun qaama aadaa keenyaa taasisuuf walbira dhaabbachuun murteessadha kan jedhu ergaa keenya ta'a.

!

Photos from Waajjira Abbaa Alangaa Aanaa Gurawaa's post 28/04/2026
Photos from OVEM's post 28/04/2026

💥Boqonnaan waggaa hoojjettota Mootummaa hundaaf walqixa kennamaa? Kayyoon hayyamni waggaa hoojjettota Mootummaaf kennamuuf hoo maali? Hayyamni boqonnaa waggaa maallaqatti jijjiiramuu ni dandahaa? Kuufamuu hoo?👇

⚖️Qajeelfama raawwii hoggansa qabeenya namaa manneen Hojii Mootummaa Naannoo Oromiyaa Lakkoofsa 24/2015 boqonnaa kudha lama jalatti ibsamee jira.
💥Kaayyoo Hayyama Boqonnaa Waggaa
👉1. Kaayyoon hayyama boqonnaa waggaa hojjetaan mootummaa yeroo murtaa'eef boqotee tajaajila hojii isa irraa eeggamu miira haaromeen akka itti fufu dandeesisuufidha.
👉2. Hojjetaan mootummaa haaraa qaxarame tajaajila ji'oota 11 osoo hin kennin dura, hayyama boqonnaa waggaa argachuuf mirga hin qabu.
👉3. Boqonnaan waggaa tokko keessatti kennamu inni xiqqaan guyyoota hojii 20 yoo ta'u, inni guddaan guyyoota hojii 30 ta'a.
👉4. Tajaajilli mana hojii mootummaa biraa keessatti kenname yookiin muuxannoon hojii dhaabbilee mootummaa beekamtii qaama mootummaa aangoo qabu irraa kenname kan gibirri mootummaa itti kaffalame mana hoji haaraa itti qaxarame, ramadamee yookiin itti jijirrame keessatti ni qabama.
👉5. Hayyamni boqonnaa waggaa tajaajila irratti hundaa'e akkaataa uunka armaan gadi irratti ibsameen ni kennama.
👉6. Keewwata kana keewwata xiqgaa 5 jalatti kan ibsame akkuma jirutti ta'ee, hayyamni boqonnaa waggaa kennamu hojiin mana hojichaa akka hin miidhamnee tilmaama keessa galchuudhaan karoora mana hojichaa iratti hundaa'ee dabareedhaan kan kennamu ta'a.
👉7. Hojjetaan tokko yeroo leenj gabaabaa ji'a 8fi isaa gadi jiraniif yeroo hojii idilee isaa dhaabu, hayyamni boqonnaa waggaa ni qabamaaf, ni kennamaaf.
👉8. Hojetaan yeroo leenjii yookiin barnoota dheeraaf ji'a 9 fi isaa ol jiraniif deemu yeroon leenjii yookiin barnoota irra ture hayyama boqonnaa waggaa l keessatti hin qabamuuf.
👉9. Keewwata kana keewwata xiqgaa 7 jalatti kan ibsame akkuma jirutti ta'ee, hojetaan barnoota yookiin leenjii ji'a 9 olii irra turu mana barnootichaa irraa yeroo yeroodhaan boqonnaa waan argatani fidha

Want your business to be the top-listed Beauty Salon in Jimma?
Click here to claim your Sponsored Listing.

Website

Address

Omo Beyam, Jima, Oromia
Jimma
0907