Sabaan Boon
11/04/2026
Ergaa Karaa Boroo Iummata Godina Arsii Lixaa Aanaa Nansaboo Irraa Dhufee✍️
Dhimma: Komii Balaa Bosonaa fi Gurgurtaa Lafaa Seeraan Alaa Ilaalchisee
Kabajamoo qaamolee mootummaa,
Nuti uummanni Godina Arsii Lixaa, Aanaa Nansaboo irraa, komii cimaa fi yaaddoo guddaa qabnu isinitti dhiheessina. Dhimmi kun balaa bosonaa fi qabeenya uumamaa keenya irratti raawwatamaa jiru kan ilaaludha.
Akka beekamuutti, mootummaa federaalaa jalatti hoogganaan mootummaa kan Abiy Ahmed bosona tikfachuu fi naannoo eeguu irratti yeroo hedduu hubannoo kennaa tureera. Haa ta’u malee, hojii mootummaa sadarkaa naannoo, godinaa fi aanaa keessatti raawwatamaa jiru kaayyoo kanaan faallaa ta’aa jira.
Addatti gandoota armaan gadii keessatti rakkoon guddaan mul’achaa jira:
Gandaa Baddeessaa Leeciraa (ciraa gubaa fi manca’iinsi bosonaa itti hammaachaa jira)
Gandaa Qoraamaa
Gandaa Mandooyyuu
Gandaa Raffiisaa
Gandaa Nansaboo Gorxee
fi gandoota biroo hedduu
Naannolee kanneen keessatti:
Bosonni mootummaa jedhu seeraan alatti abbootii qabeenyaaf maqaa “investment” jedhuun kennamaa jira.
Namni tokko hanga hektaara 100 fi isaa ol fudhachaa jira.
Gurgurtaa kana keessatti malaammaltummaan hammaataa jiraachuu isaa uummanni bal’inaan himaa jira.
Rakkoon kun yeroo ammaa:
Bineensota bosona keessaa baqachiisaa jira
Qabeenya uumamaa mancaasaa jira
Jijjiirama qilleensaa fi gogaa lafaa hammeessaa jira
Jireenya uummataa balaa keessa galchaa jira
Kanaaf, nuti uummanni gaaffii fi waamicha armaan gadii dhiheessina:
Dhimma kana irratti qorannoo hatattamaa fi iftoomina qabu gaggeeffamuu qaba
Bosonni seeraan alaa kennamee fi gurgurame hatattamaan mootummaa harkatti deebi’uu qaba
Namoonni seeraan ala bosona gurguran fi bitan seeraan gaafatamuu qabu
Dhaabbanni Bosonaa Oromiyaa hojii isaa cimsee to’annoo cimaa gochuu qaba
Uummanni naannoo isaa tikfachuuf hirmaannaa irratti jajjabeessamuu qaba
Xumura irratti, bosonni lubbuu keenya. Yoo har’a hin tikfanne, bor hin argannu. Kanaaf, mootummaa keenya irraa furmaata hatattamaa fi waaraa akka nuuf kennu kabajaan gaafanna.
Kabajaa fi ulfinaan,
Uummata Aanaa Nansaboo
Godina Arsii Lixaa
Naannoo Oromiyaa@
06/12/2023
Yoomi Si Dagadhe Mana Baruumsa Jalqa Burqaa Beekkumsa Kiyyaa❗️❤❗️
M/B Biluu Sad.1ffaa fi Marsaa 2ffaa✍️✍️✍️
Kutaa 5ffaa_7ffaa Kan Na Barsiiste Ati Galata Guddaa Qabda Na Biraa❗️❤❗️✍️
31/10/2022
Click here to claim your Sponsored Listing.
Category
Contact the school
Telephone
Website
Address
Jimma