Bukhari

Bukhari

Share

01/10/2025

… ✨

Bara wanti hundi bu’atti rarra’u,
bara hedduun namaa jaalala sobaa nama jaalatu keessatti:
Qalbii kumaatama akka aannanii addaattu,
harka fuudhee gaara kaayyoo irra nama kaa’u,ummata akka keessanii qabaatuun;
anaaf qabeenya har’aa mitii boruuf abdadhu taatanii natti of agarsiiftanii jirtu!

Challenge milkaa’inni isaa gaara fagoo irra jiru,fuutanii Torbee Tokkotti harka kiyyaan geessan! 🚀

Mataa gadi qabataa of shakkaa eegale,
mataa ol na qabdanii akka ani qoma dha’adhee ummata garaa dhadhaa - Eega RABBII kootii- tabba fedheen
na baha jedhu duraanis osoo qabu
har’as haaratti argadheera!

Akka biyya kanaatti Challenge-n bifa kanaan,ariitii adda taheen kaayyoo isaa yeroo kannameefi
gaditti dachaa sadiin galma gahe waan argamee dabre hin se’u!

🌟 Torbeen tuni anaaf torbee seenaati,
Muslimootni osoo jiranuu,
Ijoolleen Kirsitaanaa kan amantiin walii faallaa jirru,affeerraa fi yaamicha ani godheen alatti,namummaa fi sabummaan dhugaan onnee isaanii affeeree,
akka waan dhimma isaaniitti ganamaa fi galgala irratti
xiyyeeffatanii ,akka qaama tokkootti gumaata maalumaanuu kaffaluu hin dandeenye
naaf oolanii jiru❤️🤲🏾

Hayyootaa fi Hawaasni kiyya hundi keessan naaf galatoomaa!

Oolmaan keessan; Gammachuu Addunyaa fi Boruutiin dachaa dachaan isiniif haa deebu’u jedha!

Torbeen kuni wanti nu barsiisu:
Ummata tokkoomee waliin tarkaanfatu gaarri rakkoo tokko akka dura hin dhaabbanne nu barsiisa!

🏅 Gumaata addaa fi jaalala addaa
qabatama seenaatiin naaf ooltanii anis
gargaarsa RABBII kiyyaatiin waan mataa keessan ol qabu
hojjachuuf abdii qaba!

Guyyaa Galataa Sagantaa Hawaasa Hunda Itti Galateeffannu hanga qindeessinutti nu eegaa..

Inshaa ALLAAH 🌙✨

01/10/2025

koo qaalii Baga bara haaraa 2018 nagaan naaf geessan barri kun kan👇 milkii kan gammachuu siniif haa ta'u
Ălishaa Ĥɓ 🫂 Yaadataa Seenaa 🫂 Bikisha Gumaa 🫂 shemsu🫂 Hafiiz Zenuu 🫂 Šhêķ Ñâźíf 🫂
❣️ Baga Nagayaan
Geessan Bara 2018 Kan Gammachu
Kan Keessa Miskiinummaan isinirraa Baatu
Rabbii Nuuf Haa Godhuu 🤲🤲

💝

01/10/2025

🇮🇷❤️🫡👑

29/09/2025

Lubbuu ifii herreguu

Kitaaba imaam ibnul Qayyim Ighaasatul lahfaan keeysatti waa'ee lubbuu ifii herreguu hoggaa dubbatu akki je'e:

Lubbuu ifii herreguun gosa lama:

1. Hojii takka osoo hin eegalin dura dhaabbatee maaliifin hojii tana dalaga je'ee eega if gaafate booda dalaguudha.

Hassan Al-Basriin akki je'e:

"Rahmata Rabbi haa godhuuf gabricha hoggaa hojii takka yaade dhaabbate, yoo Rabbiif taate ka itti fufee dalagu, yoo waan biraa barbaada taate kan irraa dhaabbatu"

2. Lubbuu ifii hojii boodaan herreguu

Kuni bakka sadi qoodamana ja'a imaam ibnul qayyim:

1ffaa: lubbuu ifii ibaadaa Rabbii keeysatti waan hanqifterratti herreguu, hojiilee ibaadaa hanga fii akka barbaachisutti hin hojjatin if herreguu.

2ffaa. Lubbuu isaa hojiilee dhiisuun hojjachurra isaaf caaltu keeysatti herreguu.

3ffaa. Lubbuu isaa wantoota hayyamamaa mubaaha tahe keeysatti herreguu. Maaliif hojjate? Rabbiif jecha fuula Rabbii itti barbaada hojjatee milkaawa moo? Waan biraatiif jecha hojjatee faayidaa dhabee hojii san keeysatti kasaaraa if herreguudha.

تهذيب إغاثة اللهفان في مصايد الشيطان
Fuula 71-73

Want your public figure to be the top-listed Public Figure in Jimma?
Click here to claim your Sponsored Listing.

Category

Culinary Team

Attire

Telephone

Website

Address

Jimma