Simbiritu

Simbiritu

Share

10/10/2018

Olantummaa seeraa kabaajnee haa kabaachiisnuu

14/06/2018

gadaan gadaa tokkummaa waan ta'eef shiraa dinnii xaxee waliit bu'iinsaa sabaa fi sablammii uumuuf yaalaa jiraan hawaasiin fi qeerroon keenyaa qamoolee haqaa fi nageenyaa waliin ta'ee karaa seeraa qabeessaatiin olaantummaan seeraa akkaa mirkanahuu akkaa nuu tumsisuu isiin yadaachiifna. odefannoo nuuf keennaa

24/10/2017

Sivil Sarvantii # RINCICA jijjiiramaa qabu maqsuun Jijjiirama Ajaa'ibsiisaa gama hundaan fidu haa uumnuu!!

12/10/2017

Haal- Dureewwan fi Ragaawwan Deggersaa Wayita Galmeessa
Dhalootaatti Guutamuu Qaban
20. Haal- Dureewwan
1. Dhaloota galmeessisuuf galmeessisaan jiraata bulchiinsa ganda sanaa ta’uu qaba.
2. Dhaloota galmeessisuuf haatii fi abbaan daa’ima galmeeffamuu ykn lamaan isaanii keessa tokko lammii Itoophiyaa ta’uu qabu.
3. Galmeessistoota dhalootaa kan ta’an: Haadha ykn abbaa daa’imaa, guddistuu ykn kunuunsituu daa’imaa, daa’imichi gatmee kan argame yoo ta’eef ammoo poolisii ykn qaama mootummaa seera qabeessa ta’e ta’uu qabu.
4. Dhalootichi daangaa yeroo kenname gidduutti kan hin galmaa’iin yoo ta’e; galmeessisaan sababa ga’aa hin galmeessiin tureef dhiyeessuutu irraa jira. Sababa ga’aa kan jedhamanis haalota akka hidhaa, yaalaa fi kkf. Keessa turuu isaati.
5. Dhalooti galmaa’e kanneen lubbuun dhaltanii jiraachuu irratti hargamanii fi kanneen lubbuun dhalatanii garuu battalumatti du’aniidha. Kanneen garaa keessatti du’anii dhalatan hin galmaa’an.
21. Ragaawwan Deggersaa.
1. Galmeessisaan waraqaa eenyummaa jiraata /biyyoolessaa ykn paaspoortii yeroon irra hin darbiin dhiyeessuu qaba.
2. Maatiin daa’imaa sababa humnaa ol ta’een qaamaan dhiyaatanii galmeessisuu yoo hin danda’iin galmeessisaan ragaa bakka bu’ummaa seera qabeessa ta’ee fi dhalotaichaa ibsu dhiyeessuu qaba.
3. Dhalootichi kan raawwatame dhaabbata fayyaa keessatti yoo ta’eef galmeessisaan waraqaa ragaa beeksisa dhalootaa dhaabbata fayyaa sana irraa kennameef dhiyeessuu qaba.
4. Guddistuun daa’imaa dhalooticha galmeessisuuf dhiyaatu guddistuu ta’uu isaaniitiif ragaa seera qabeessa mana murtii irraa kennameef dhiyeessuu qabu.
5. Poolisii ykn qaamni bulchiina mootummaa daa’ima gatamee argame galmeessisuuf dhufu waraqaa eenyummaa ykn ragaa eenyummaa isaa ibsu dhiyeessuu qaba.
6. Galmessitoonni yeroo galmeessaa dabarsanii dhiyaatan kan hidhaa gubbaa turan yoo ta’e ragaa mana sirreessaa turan irraa, kanneen yaala gubbaa turan dhaabbata fayyaa ykn amantaa keessatti yaalamaa turan irraa akkasumas kan yaala aadaatiin gargaaramaa turan qaama yaala aadaa kennaafii ture fi kkf irraa ragaa sababa turaniif ibsu dhiyeessuu qabu.
>>>>>>>>>>>> itti fufa >>>>>>>>>>>

Want your practice to be the top-listed Law Practice in Jimma?
Click here to claim your Sponsored Listing.

Category

Website

Address

Yabbu
Jimma