Seenaa lamii
11/01/2026
Gabreel Abbaataachin......
Boru maaltu beeka ?
Yookan xiyyaara binnee
Lafoo deemuu laganna,
Yookii Miilanuu cinnee
Karaa teenyee kadhanna!
Yookii gamoo ijaarree
Abbaa urjii jedhamna,
Yookiimmoo huccuu daarree
Nama hiyyeessa jedhamna!
Shiroof misira koorree
Fooniif hanqaaquu eella,
Yookiimmoo raafuu dhabnee
Nyaata saree kajeella!
Yookaan cimnee cichinee
Abbaa 'Kaampaanii' taana
Yookan Cinnee Ciccinnee
Cabaa 'Darzaanii' taana!
Ykn xiyyaara qaaritee qubatta,
Ykn sigaaraa aarsitee gubatta!
Yookan rabbiin si faana ta'a
Yookan cabbii si dhaana ta'a!
Qaba jettees hin boonin!
Dhabe jettees hin boohin!
Maaltu beeka kan boruu,
Eessatti akka nuun gorru!
BA ✍️
Click here to claim your Sponsored Listing.
Category
Contact the business
Website
Address
Bole