Fuad

Fuad

Share

💪 Daandii WBO ❤️✍ 02/01/2022

Lola yeroo ammaa kana kutaalee impaayira xoophiyaa garaa garaa keessatti sirna bulchiinsa mootummaa gabroonfataa xoophiyaa irratti adeemsifamaa jiruun mootummaan shiftaa koloneeffataa xoophiyaa yeroo ammaa taayitaa of harkaa qabu, ka koloneel Abiy Ahamediin durfamaa jiru kufaatii hamaa dandamachuun hin dandaamnee fi salphina guddaa boquu ol isa qabachiisuu hin dandeenye keessa seenuu danda'ee jira. Gama naannoo Oromiyaatiin lola Kutaalee Oromiyaa cufa keessatti waraa*na bilisuummaa Oromoo W3O fi waraa*na mootummaa shiftaa xoophiyaa gidduutti adeemsifamaa jirun gootichi abdii uummata Oromoo W3O'n injifannoo gurguddaa kan yeroo kamiin olii humna waraana diinaa irratti galmeessaa jira. Kaambiwwan gurguddaa humni waraa*na diinaa kutaalee Oromiyaa addaa addaa keessaa qabu dhuunfachuu fi lafoota Oromiyaa armaan dura to'annaa humna waraa*na mootummaa shiftaa xoophiyaa jala turan hedduu to'annaa isaa jala oolchaa jira. Meeshaalee waraa*naa gurguddaa kanneen akka bazuuqa, Bireenii fi Madfii boojiyuu irratti argama. Bifuma wal fakkaatuun koonyaalee Oromiyaa addaa addaa keessatti diddaa fi fincila qeerroon bilisummaa Oromoo dhooseen sochii uummataa guddaatu Oromiyaa keessatti taassifamaa jira. Lola waraa*nni bilisummaa Oromoo finiinsaa jiruun dachiin Oromiyaa gutummaan guutuutti humna waraana weerartuu sanyii mini*lik irraa bilisa baafamuu irratti argama. Kana irraa ka'uun mootummaan koloneeffataa shiftaa xoophiyaa kufaatii fi salphina gama maraan isa mudatee jiru hukkaamsuudhaaf tajaajila interneetaa kutaalee Oromiyaa dhibbentaa 85% ol keessatti addaan kutuuf dirqamee jira.

Injfannoon galuun baranuma!

💪 Daandii WBO ❤️✍ INJIFANNOO UUMMATA OROMOOF (IUOf)💪

Want your business to be the top-listed Beauty Salon in Bedessa?
Click here to claim your Sponsored Listing.

Category

Website

Address

Oroomiya Biyaa Koo
Bedessa
ZACHWILLBE