Musse T Gonfa

Musse T Gonfa

Share

21/09/2024

Qaamni keessan sirnaan akka hojjetuuf bishaan gahaa dhuguun barbaachisaa dha. Humna keessan akka ol ka'u, bullaa'insa nyaataa deeggaru, gogaan fayyaa ta'e eeguuf guyyaatti bishaan ga'aa dhugaa!

13/07/2024

Ciree Nyaachuu:
*****************
* Anniisaa ni kenna.
* Hojii fi barnoota irratti si’a’oo akka ta’an ni gargaara.
* Dandeetti yaadachuu fi xiyyeeffannoo ni gabbisa.
* Haalaa-amala yeroo (mood) ni fooyyessa.
* Madiinummaa qaamaa ni gabbisa.
* Carraa ulfaatinna darbaa fi furdinna garmalee ni hirdhisa.
* Hammi sukkaara dhiigaa madaalawaa akka ta’u ni garagara. Kunis carraa Dhukkuba Sukkaara Gosa Lammeessootiin qabamu (Type -II DM) ni hirdhisa.
* Fayyummaa onneetiif gaariidha.
* Guddinna rifeensaa fayya-qabeessa ta’eef barbaachisaadha.
—-

Nyaatonni cireedhaaf filatamaa ta’an: isaan midhaan guutuu (qamadii, garbuu, ajjaa, boqqollaa, misingaa ykn ruza) irraa, faayibar (fuduraa fi kudaraa) irraa, madda pirootiinii fayya-qabeeyyii ta’an (atara, baaqelaa, misira, loozii, birokolii, abukaadoo, dinnichaa, aanan, qurxummii) woliin ykn keessaa muraasa filachuu.
—-

Nyaata fayya-qabeeyyii hin taane kan akka foon dimaa, coomaa, dhadhaa, nyaata dibataaleen itti baay’atan, nyaata garmalee mi’a’oo ta’an [fkn keekii, kuukisii, buskuutii, dhugaatiilee sukkaara qabanii) fi nyaata sooqiddi itti baay’atu fayyadamuu dhiisuu.
——
Guyyaa gaarii qabaadha!

Dr. Nuredin Luke

17/05/2024

Mallattoolee dhukkuba kalee fi Waan gochuu qabnu.
*************************************
1. Naannoo ijaa fi fuulaa, keessumaa ganama ganama dhiita'uu (hiita'uu)
2. Miilla lamaan naannoo koomee dhiita'uu (hiita'uu)
3. Humna dhabuu, fedhii nyaataa dhabuu, maashaan qaamaa nama dadhabuu/caccabuu, yeroo dheeraaf oldeebisuu (balaqqamuu)
4. Fincaan keessa dhiigni jiraachuu (garmalee diimachuu fincaanii), garmalee koffaa'uu/
hoomachaa'uu, hagi fincaanii kan duraanii irra baay'achuu yokaan xiqqaachuu
5. Hirriba rafuu dadhabuu, googaan ofii yeroo mara gogaa (dry) ta'uu fi hooksisuu
Mallattoowwan armaan olii kana yoo qabaattan gara mana yaalaa deemuun fayyummaa keessan mirkaneeffachuuf qoratamuun gaariidha.
*************************************
Qoratamuun alatti maal gochuudhaan kalee keenya eeggachuu dandeenyaa?
1. Bishaan ga'aa ta'e (litira 2 guyyaatti dhuguu. Yoo fincaan nama qabu yeroo dheeraaf ittisuu dhiisuu
2. Qorichoota analgesics baay'isanii fudhachuu irraa of qusachuu
3. Ashaboo baay'isanii nyaachuu dhiisuu, Nyaata prootina hedduu qabu yeroo mara soorachuu irraa of qusachuu
4. Alkoolii baay'isanii dhuguu dhiisuu fi tamboo tasuma xuuxuu dhiisuu
5. Hirriba ga'aa ofiif kennuu danda'uu fi Infekshinoota xixiqqoo osoo hin tuffatiin yaalamuu
*************************************
Fayyaan faaya

05/05/2024

YEROO AYYAANAA FURDINA QAAMAA AKKA HIN DABALLEEF WANTOOTA GOCHUU QABDAN.

1. Nyaata filadhaa, hunda hin nyaatinaa.

Ulfaatina qaamaa to’achuu irratti namoonni al tokko yookaan al lama dogongoruun akkaataa jireenyaa isaanii isa duriitti deebiʼu danda’u jedhu.

Kunis taanaan, yeroo baayʼee namoonni abdii kutachuun karoorasaani utuu galmaan hin geenye dhiisan.

Haata’u malee, duubaatti deebi’uu mannaa, nyaata madaalawaa irratti xiyyeeffachuu wayya.

2. Utuu hin baayʼisin nyaadhaa

Nyaata Kaarboohaayidireetii hirʼisuun gaariidha. Fayyaa keessan fooyyessuuf seera to’annaa nyaataa kan ‘harka sadii’ jedhamu hordofuu qabdu.

Kunis harka sadii pirootinii, harka sadii kuduraa fi harka sadii midhaan/ Kaarboohaayidreetiidha.

Kana galmaan ga’uuf, guyyaatti nyaata xinnoo soorachuu qabdu yookaan lagattanii sa’aatii sadeet booda soorachuu. Torbee keessa guyyoota lama somuunis gaariidha.

Amalli kunin dhukkuboota dulluma wajjiin wal qabatanii irraa nama eeguu danda’a jedhamee amanan.

Dhugaadha, of eeggannoodhaan nyaachuun, dhuguuniifi bohaaruun dogoggora miti.

Garuu hagasuma garmalee nyaachuufi dhuguurraa fagaachuudhaan fayyaa argattaniis hin dagatiinaa.

3. Of to'adhaa

Ulfaatina qaama keessan to’achuun ulfaataa ta'us, nyaatawwan cooma baay’ee qabu fi kanneen dafanii qophaaʼan yeroo ayyaanaa soorachuu irra of daangeessuu qabdu jedhu ogeessonni fayyaa.

4. Yeroo hundaa sochii qaamaa godhaa

Ogeeyyiin socho’u dhabuun madda sababa akka dhukkuba onnee, dhukkuba sukkaaraa gosa lammaffaa fi kansarii garagaraa ta'u himu.

Sochii taasisuu dhabuun dhukkuboota kanaan 10% dursinee akka duunu ni godhu.

5. Alkoolii hin dhugiinaa

Kanaaf, yeroo ayyaanaa kana bakka tokkoo utuu hin teenye ala bahuun miilaan deemuu fi yoo haalli qilleensaa mijataa ta’e bishaan daakuu qabdu.

Yoo immoo alkoolii dhugdan gidduutti bishaan dhuguu akka hin daganne.

Yoo kuni ta'e yeroodhuma ayyaanaallee ulfaatina qaamaa keessan to'achuu dandeessu
Cc: Bbc Afaan Oromoo

Want your practice to be the top-listed Clinic in Ambo?
Click here to claim your Sponsored Listing.

Website

Address

Ambo