Naol

Naol

Share

22/06/2025

Hiika Alaabaa Oromoo(ABO)

Hiika Alaabaa Oromoo(ABO)
========
Alaabaan Oromoo gatii fi wareegama qaalii gootonni Oromoo baasaniin har’a ga’e. Alaabaan Oromoo(ABO) Kun irraa fi
jalaan diimaa, gidduun isaa magariisa, walakkaan isaa aduu,
handhuurri isaa odaa gara oliin urjii diimtuu kan qabudha.

1.Diimaan Moggaa Lamaanii maal ibsa?
Dhiiga uummanni Oromoo bara dheeraaf cunqursaa fi bilisummaa gonfachuuf dhangalaasee fi dhangalaasaa jiru ibsa.

2.Magariisni gidduu jiru’oo?
Badhaadhummaa fi taadhummaa Oromiyaa ibsa.

3.Aduu
Fakkii Bilisummaati.

4.Odaan
Sirna Dimookraasii Gadaa uummata Oromoo, jaalalaa fi kabaja
Oromoon uumaa naannootiif qabu kan agarsiisuudha.

5.Urjii Diimtuu
Qara shan kan qabu ta’ee hiikkaan isaas Qabsoo uummanni
Oromoo Nagaa, Dagaagina, Bilisummaa, Dimookiraasaa fiTokkommaa isaaf godhu kan mullisuudha.
Jaallachuu qofa osoo hin taane hiika isallee beekuun,akkasuma wal barsiisuun dirqama Oromoo maraa ta’uu qaba.

Want your business to be the top-listed Photography Service in Addis Ababa?
Click here to claim your Sponsored Listing.

Category

Website

Address

Bole
Addis Ababa
1000