BEDIR

BEDIR

Share

28/09/2025

« Iyyaasuun Muslima waan ta'eef Itiyoophiyaa bulchuu hin danda'u »
~~~
Guyyaa akka har'aa kana Fulbaana 17/1909 ture inni Muslima waan ta'eef Itiyoophiyaa bulchuu hin qabu jedhamuun fincila isarratti ka'een Itiyoophiyaan walakkaa jaarraa tokkootii oliif gara dukkanaafi sirna nama nyaatatti akka deebitu kan godhame.

As irratti wanti hubatamuu qabu kitaabonni Iyyaasuun amantii Islaamaa fudhateera jedhan heddutu jiru. Qorannooleen garaa garaa kana agarsiisanis baay'eedha. Ragaa fincilli akka isaarratti ka'u godhe keessaa inni guddaan ''Iyyaasuun Islaamaa waan ta'eef Itiyoophiyaa bulchuu hin danda'u'' jedhuufi boodas akka himataatti dhihaate yoo fudhannee ilaalle kunis ragaa Islaamummaa fudhachuu isaa kan cimsuudha.

Itiyoophiyaan jaarraawwan baay'eef sirna solomoonaawaa jalatti qorqamtee nagaa dhabdee, waanjoo hammeenyaafi gadadoo jalatti bulaa turte ALA barq 1913 hanga 1916 wayita Mootii Lij Iyyaasuun bulaa turetti guddinaafi qaroomina olaanaa irra geessee turte.

Mootota biyyattii bulchan keessaa umuriidhaan ijoollee kan ta'eefi sammuu qaroomaagu dandeettii hooggansaa addaa kan qabu Iyyaasuun bara bulchiinsa isaatti seerota mootonni duraanii hordofaa turan keessaa bahuu qofa osoo hin taane seerota ummataafi biyyattii gara jireenya fooyya'aafi naga qabeessaatti akkasumas gara guddinaafi dagaaginaatti geessu bocuun seenaa biyyattii keessatti bu'uura guddaa mootii kaaheedha.

“Hawwiin koo guddaan dhalataa biyyaa kan ta'e hunduu garaan tokko ta'ee daangaa biyyaa akka eegudha. Amantiidhaan gargar taanus jaalala biyyaatiin walta’uun akka dirqama nu barbaachisu hin dagatinaa” kan jedhe Lij Iyyaasuudha.

Kana qofa miti, gaafa isaan fonqolcha isarratti raawwatan sana, ''humni isaan kana sirriitti raawwatanii guddaadha, dandamachuunis ulfaataadha, kanaafuu Faransaayiifi Xaaliyaanii irraa deeggarsa gaafadhu'' yeroo jedhamuun ''lakki kun hin ta'u, kan anarratti kana godhe firoottan kooti, kanaaf jecha faranjii (biyya alaa) wajjiin waliigaltee mallatteessee biyya koo hin

Want your public figure to be the top-listed Public Figure in Addis Ababa?
Click here to claim your Sponsored Listing.

Telephone

Website

Address

Jemo
Addis Ababa